Fayyaa: Itoophiyaatti namni dhukkuba kaleen qabamu maaliif baayyachaa dhufe?

Madda suuraa, Getty Images
Itoophiyaa keessatti waggoota muraasaan asitti namoonni kalee dhukkubsatan waan baay’achaa dhufan fakkaatu.
Namoonni dhiyootti beeknu wal’aansa dhukkuba kalee akka hordofaa jiran dubbatu.
Dubbii kanatti deebina, garuu dura kaleen akkatti hojjetu haa ilaallu.
Doktar Fitsuum Xilaahuun Ameerikaatti ispeeshaalistii olaanaa wal’aansa dhukkuba kaleeti.
‘’Namni baayyee waa’ee dhukkuba kalee gaafa yaadu fincaan waliin wal-qabsiisuu danda’a tahus dalagaan kalee kanarra baay’ata,’’ jedhu
Fakkeenyaaaf, qaama keenya keessatti oomisha hormoonii, hanga dhangala’aafi dalagaawwan biroo kaleedhaan raawwatamu.
Yeroo kaleen hojii kana raawwatutti hafteen bifa dhangala’aan oomishamu fincaan jedhama. Kanaaf, waliigalatti kaleen keenya madaala qaama keenyaa eega jedhan.
Akka Dr Fitsuum jedhanitti, dhiiga onneen keenya raabsitu keessaa harki 20 gara kalee keenyaa deemuun kaleen hojii jabaa tahe akka dalagu agarsiisa jedhu.
Dhukkuba kaleen akka qabamne maaliin barra?
Hakiimtichi, ‘’yeroo baayyee mallattoo hin qabu,’’ jedhu.
Nama akkaan dhukkubsate yoo tahe malee dhukkubni kalee mallattoo hin agarsiisu jedhan.
Kanaaf, Itoophiyaa keessatti namni harka 40 akka dhukkubichaan qabame kan baru yaalii biraaf yeroo deemudha.
Haala kanaan, dhukkubsachuu keenya kan baruu dandeenyu qorannoo fincaaniifi dhiigaa taasisuuni jedhu Dr Fitsuum.
Tahus dhukkuba kalee hammaataa taheef saaxilamneerra taanaan garuu miilli keenyi ni dhiita’a, ijaafi fuulli keenyis dhiita’uu danda’a jedhu.
Kaleen keenyi dhangala’aa qaama keenyaa wal-madaalchisuu yeroo dadhabu qaama keenya keessatti kuufamuun dadhabbiifi lafeen haphachuunis mudachuu danda’a.
Mallattoowwan kunneeniifi biroo kanneen akka fedhiin nyaataa hir’achuu faa yoo mul’atan dhukkubichi sadarkaa olaanaarra gaheera jedhu.

Madda suuraa, Getty Images
Namoonni dhukkuba sukkaaraa, dhiibbaa dhiigaafi furdina gara maleen rakkachaa jiran nama isa kaan caalaa saaxilamoo gatii tahaniif yoo hin dhukkubsannellee qorannoo kalee taasisuu qabu.
Fincaan yeroo dheeraaf qabatanii turuun dhukkuba kaleef nama saaxila yeroo jedhamu ni dhageenya, kuni dhugaa tahuu hakiima kana gaafannee turre.
Fincaan nutti dhufee yoo yeroodhaan yoo hin fincoofne rakkoo uumaa jirra jedhu.
Namoonni yeroo dheeraaf fincaan qabannee turru kuusaa ykn ujummoo fincaanii keenya baakteeriyaaf akka saaxilamu gochuu dandeenya jedhan.
Fincaan keenyi halluu keelloo qabaachuun badaa nu yaadessuu baatus yerootti mallattoo dhukkuba kalee tahu jira jedhan.
Dr Fitsuum halluun fincaan keenyaa bishaan fakkaachuurraa gara keelloo fi dhiiga fakkaachuutti geeddaramuu danda’a jedhan.
Kuni hamma dhangala’aa fudhannuu agarsiisas jedhu, gaafa halluu dhiigaa qabaatu garuu gara mana yaalaa deemuu akka qabnu himu.
Gama biraan fincaan keenyi foolii jabaa tahe qaba taanaan mallattoo infeekshinii tahuu gatii danda’uuf, keesumaa dubartoonni kanaaf saaxilamoo waan tahaniif xiyyeeffannoo kennuu qabu jedhu Dr Fitsuum.
Hakimichi namni tokko kaleensaa hoji-maatasaa sirnaan akka dalaguuf guyyaatti yoo xiqqaate bishaan litiroo lamaa hanga sadii dhuguu qaba jedhu.
Namoonni ‘bishaan nan dheebossu akkamiinan dhuga?’ jedhaniif immoo bartee gatii taheef bishaan mi’aa addaa qabu kana akka Bishaan Amboo dhuguun of barsiisuu qabu jedhu.
Namni dhukkuba kaleen qabamu maaliif baay’achaa dhufe?
Hiriyyoota, maatii fi namoota dhiyeenyatti beeknurraa namoonni dhukkuba kaleen qabaman baay’achuu ni hubanna.
Dubbiin kuni kan qorannoo bal’aa kan barbaadu tahus sababiin lama akka jiraatu garuu Dr Fitsuum tilmaamu.
Tokkoffaan akkaataan jireenyaa geeddaramuu dha.
‘’Namni baayyee magaalatti galee jiraachuu jalqabeera. Hojiinimmoo waajjiraati sa’atii dheeraaf taa’uun dalagama, kunimmoo ulfaatinni qaama keenyaa akka dabalu,’’ godha.
Ulfaatinni qaamaa gaafa dabalu dhukkubni sukkaaraa fi dhiibbaa dhiigaa baay’achaa dhufu, kunneen immoo haala olaanaa taheen dhukkuba kaleef warreen saaxilan keessaati.
Gama biraan dhukkubsataan kalee baay’atee kan nutti mul’ate wiirtuun qorannoo waan baay’achaa dhufeefis tahuu mala jechuun shakkii qaban himu Dr Fitsuum.
‘’Kana dura namni dhukkubsatee du’e jedhama malee maaliin du’e? Inni jedhu hin beekamu ture. Amma garuu qorannoo gatii jiruuf sababa ittiin du’an baruu jalqabneerra.’’
Kana malees duraan wal’aansi kalee dhiquu hin beekamu ture. Namni dhukkubsannaan hin du’a. Si’ana, namoota wal’aansa kalee dhiquu argachaa jiran baayyee beekna jedhu.
Kuni egaa dhukkubni kalee waan baay’ate akka nutti fakkaatu godheera tahuu mala jedhan.
Qoricha akka garaa argachuun namni kalee dhukkubsatu akka baay’atu godheeraa laata?
Dhimmi kuni Dr Fitsumiin baayyee isaan yaaddessa.
‘’Keessumaa biyya keenyatti rakkoon guddaan hakiima otoo hin taane dhukkubsataan ofiisaatiin qoricha ajajachuu dha,’’ jedhu.
Namoonni dhukkuba kalee akka qaban otoo hin beekiin, hamma qorichaa fudhachuu qabanii otoo hin beekiin akkasumaan fudhatu. Kunis kalee fayyaa qabna jedhanii gatii yaadaniifi jedhu.
Qoricha akkasumaan qorannoo yeroo fudhannu kalee keenyarratti dhiibbaa taasifna.
‘’Kanaaf haala biyya keenyaan qoricha haakiimni hin ajajne fudhachuu dhaabuu qabna,’’ jedhu.

Madda suuraa, SPL
Kanaaf inni lammataa, namoonni qoricha akka garaa gabaa irratti argatan kanneen akka dawaa mata-bowwuufi buusaa nama caccabsuuf fudhataman rakkoo taha jiru.
Qorichi garaachaas akkasuma kalee keenya irratti dhiibbaa guddaa fidaa jira.
Kanaaf qorichaa yeroo ogeessi nuuf ajaju qofa otoo fudhannee irra filatamaa dha.
Hakiimni hamma nu barbaachisu nutti hima, dabalataan haala kalee keenyaa qoratee dawaa fudhachuu hin qabne nu beeksisa jechuun BBC'tti himan.
Kalee keenya akkamiin haa kunuunsinu?
Kaleen madaala dhangala’aa qaama keenyaa eeguun ko’omuu kuni, takkaa dhukkubsannaan rakkoo baayyee fidee dhufuu mala.
Kanaaf akkaataa jireenyaa fayyaalessa tahe fi qorannoo kalee waggaatti al tokko gochuu qabna jedhan Dr Fitsuum.
‘’Kalee keenya hin dhukkubsanne jechuun kaleen keenyi fayyaa dha jechuu mitii.’’













