Kibba Itoophiyaatti haadha tokko keessaa xannachi kg20 ulfaatu gadameessa waliin baafame

Madda suuraa, Kembata Tembaro Zone Communication
Aadde Taaggasach Dassaalanyi qaama isaanii keessaa xannachi kg20 ulfaatu wal'aansa baqaqsanii wal'aanuun baafamu ogeessi baqaqsanii yaalan Dr Abinnat Adaana BBCtti himan.
Haadha ijoolle jahaa kan ta'an Aadde Taaggaash wal'aansa baqaqsanii yaaluutiin xannachi qaama isaanii keessaa erga baafamee nagayaan gara mana isaaniitti deebi'uu BBCtti himan.
Aadde Taaggasach naannoo saboota, sablammoota fi uummattoota Kibbaa Godina Kambataa Xambaaroo Aanaa Sishichootti A.L.I 1993tti dhalatan.
Gaa'ila erga dhaabbatanii booda Godina Hadiyyaa ganda Qacabiraa jiraatu.
Dhukkubsachuu kan eegalan ganna afur dura ta'uu dubbatu.
''Garaa na ciniina, na mura, na bokooksa ture'' jedhan.
Wal'aansi baqaqsanii yaaluun wayita xannachi baafametti Aadde Taaggasach ulfa ji'a jahaa akka turan Dr Abinnat himaniiru.
''Yeroo mana yaala dhuftu harganuufi ol jette adeemu hin dandeessu ture. Namoota 2ykn sadiitu deeggaree oliif gadi sochoosa ture. Kanaafuu wal'aansa yeroo atattamaatiin baqaqsanii yaaluun akka yaalamtu murteessine,'' jedhan.
Xannachi sun akkamitti argame?
Dr Abinnat magaalaa Duraamee Hospitaala Waliigalaa Yaadannoo Doktar Boggaalach Taabooretti hakiima ulfaafi gadameessaati.
A.L.I Sadaasa 3, 2014tti wal'aansa baqaqsanii yaaluu sa'aatii sadii fudhateen xannachi kg20 ulfaatuu fi gadameessi dubartii kanaa guutummaatti baafamuu himan.
Wayita dhukkubbiin isaan jalqabu dhibee onneeti jedhamanii kan turan Aadde Taaggasach, boodarra wayita itti cimu gara Hospitaala Xuruunash Beejiing geeffaman.
Xannachi keessa isaaniitti biqile guddatee waan tureef baasuun dirqama ta'uun wayita itti himamu Aadde Taaggasach akka didan Dr Abinnat fi obboleessi isaanii quxisuun BBCtti himaniiru.
Boodas yaalii wal'aansa fayyaa diduun gara mana amantaatti kadhaaf deeman.
"Duraan xannacha kiilogiraama 2 ta'uu naaf baasanii isa booda nagaa ta'een magaalaa finfinnee jiraachuu eegale, jechuun waan duraan irra ga'e yaadatu.
Yeroo muraasaaf nagaa ta'anii erga jiraatanii booda wayita garaatti baatan dhibeen itti cime.
Ulfaa'anii hanga ji'a afurriitti nagaadhuma turan, booda garuu-ji'a lama dura-garaansaanii bokokuu jalqabe.
"Sadarkaa of to'achuu dadhabuurran ga'e,'' jedhan.
Qorannoo Raadiyooloojii booda xannachi gadameessa isaaniirratti akka biqile mirkanaa'e jedhan Dr Abinnat.

Madda suuraa, Kembata Tembaro Zone Communication
Adeemsa wal'aansa baqaqsanii yaaluu
Hospitaala Kompirehensiivii Ispeeshaalaayizdii Hawaasaatti barataa kan ta'e Dr Abinnat damee fayyaa wal'aansa gadameessaa fi ulfaa kan seene reefuu waggaa lama ta'a.
Dhibeen Aadde Taaggasach mudate kun isaafis ta'e hospitaalichaafillee haaraa ta'uu hima.
Ka'umsi dhibee kanaa xannacha gadameessaa ta'uun altiraasaawundiidhaan mirkanaa'uu waan hin dandeenyeef MRI dhaan akka ilaalamu kutaan Raadiyooloojii ajajee ture.
Haata'u malee dhibechi yaaddessaa waan tureef kutaa baqaqsanii yaaluu seensisuun dirqama ta'ee argame jedha Dr Abinnat.
"Dhukkubi ishee kan yeroo nuuf kenne hin turre. Baayyee ukkaamamtee harganuu dadhabde. Oksijiidhaanis hafuura baafachuu dadhabde,'' jedhan.
Aadde Taaggasachis gaafa dhibeen akkaan itti hammaatu, du'uu koorra sumatti baqaqsaa na wal'aanaa jedhanii dhaammatan.
"Kan arganne xannachi baayyee guddaa ta'ee fi ulfa ji'a ja'aati. Xannachi gadameessaa yoo ture dhibee kaansariitti waan geeddaramuuf dafnee xannachi kiilogiraama 20 murree keessaa baasne. Xannacha sana waliin dhangala'aan dhiita'e fi gadameessi ishees ba'eera. Ulfi ba'e giraama 650 ta'a,'' jedha Dr Abinnat.
Akka Dr Abinnat jedhutti Aadde Taaggasach, umriisaaniis ilaalcha keessa galfamuun, gara fuulduraatti gadameessi miidhame kun dhibee biraaf hanga isaan saaxilu yaada jedhuun akka ba'u murtaa'e.
"Ulfi akka xannachi garmalee dabalu godheera. Dhiibaa ture. Garaa dhisee ol utubee waan qabeef torbanoota ja'an darbaniif hirriiba hin rafne,'' jedhan.
Xannachi kun erga ba'ee booda gara gadameessaatti gadi bu'ee ulfii fi gadameessis walumaan akka ba'u dirqamsiiseera.
Wal'aansa baqaqsanii yaaluu xumuranii guyyoota 10 erga hospitaala tursiisanii booda fayyummaanshee wayita mirkanaa'u akka gara manashee debitu godhan.

Madda suuraa, Kembata Tembaro Zone Communication
Miilaan deemtee manatti galte
Aadde Taaggasach yaalii taasisuu isaanii dura harganuus, socho'uus dadhabanii akka turan dubbatu.
''Ulfaa'ee ji'a afur booda eegalee garaankoo afuufamee ture. Ji'a afraffaa hanga ji'a jahaffaa dararaa cimaanin dabarse,'' jedhu.
Waggaa tokko dura dhaabbilee fayyaafi qorannoo garaagaraa magaalaa Finfinnee jiranitti goruun dhukkubni isaanii maal akka ta'e baruuf yaalanii turan. Ta'us, dhukkubi isaanii maal akka ta'e hin baramneef ture.
Boodarra xannacha ta'un yeroo itti himamu gara mana amantaatti adeemuu akka filatan obboleessii isaanii quxisuu himu.
''Mana amantaa erga deemtee booda xannachi 2kg ulfaatu waan baheef hojiitti deebite. Yeroo ulfoofte garuu dhukkubbiin itti deebi'e,'' jedhu.
Aadde Taaggasach ulfa ji'a afurii ta'anii dhukkubni itti hammaannaan gara hospitaalota sadii deddeebbi'aniiru.
Dhumarrattis, Hospitaala Sadarkaa Jalqabaa Shenshichoo irraa Duraameetti riifariin barraa'ef.
''Wal'aansa dura rafuu, socho'uu hin danda'u ture. Nama lamatu utubee lafaa na kaasa ture. Garaa na mura, na bokoksas ture. Nyaata nyaachuu nan dhiise.''
Dr Abinnatiin wal'aansi baqaqsanii yaaluu erga godhameef booda garuu fayyaa ta'u dubbatu. Hanga jabaatanitti hospitaala keessatti kunuunsi akka taasifamuuf ogeeyyiin ibsaniiru.
''Amma nagaan qaba. Nagaan rafaan jira. Waan hunda of danda'e dalaguu nan danda'a,'' jedhu.
''Rakkoo tokko malee tarkaanfataa, ana waliinis suuraa kaatee gara [manaa] deebite. Madaan ishee fayyee, hargansuun ishee sirratee, kirriin baheefi deemteetti. Maatiin ishee nu galateeffataniiru,'' jedhu Dr Abinnat.
Aadde Taagasach haadha dhiirota afuriifi dubartoota lamaati.
Abbaan warraa isaanii Warshaa Sukkaaraa Wancii keessa hojii humnaa dalagu ture. Haati warraa isaanii dhukkubsannaan hojii isaanii dhaaban.
Amma xannachi keessaa bahee nagaa ta'anis qorannoo itti fufuu akka qaban Dr Abinnat ni dubbatu.
Xannacha ofirraa ittisuun danda'amaa?
Dr Abinnat akka jedhanitti namoonni hedduu hordoffii fayyaa waan hin taasisneef sadarkaa xannachi osoo hin guddatiin bahu danda'u tursiisu.
Erga xannachi guddatee booda haa bahu gaafa jedhamu mormii dhageessisu jedhu.
Xannachi sanyiin, hortee seelii (cell mutations) akkasumas sababoota kaaniin uumamuu danda'a.
Keessumaa dubartoota eeruun ''dubartiin hundi xannachaaf kan saaxilamte waan taatef 'fayyaan qaba' osoo hin jedhiin ogeessa gadameessaa bira ji'a jahaan yookiin waggaan akka deemuu qaban,'' gorsu.
Xannachi akka kaansarii fiixee gadameessaa kan hin mul'anne, dhokataa waan ta'ef carraa guddatuu akka qabu ogeeyyiin ni himu.
Kanaafis hordoffii qorannoo fayyaa gochuun akka barbaachisu kan gorsan.

















