Fayyaa: Wal'aansa onnee baqaqsanii yaaluu walxaxaa Itoophiyaatti yeroo jalqabaaf taasifame

Ibsa waa'ee viidiyoo, Wal'aansa onnee baqaqsanii yaaluu walxaxaa Itoophiyaatti yeroo duraaf taasifame

Nama ganna 55 kan tahan Aabba Gabayaawu Adaane dhukkubi onneen garagaraa mudatee gara hospitaalaa wayita dhaqan, yaaliin baqaqsanii hodhuu isaan barbaachisu biyya keessatti ni raawwata jedhanii hin yaadne ture.

Yaaliin Dr Faqaaduu Agiwaar fi waahillan isaanii 10 itti hirmaatanii fi sa'aatii jaha fudhate kanaan, fayyaan Aabba Gabayaawu bakkatti deebi'eeraaf. Wal'aansi biyyattii keessa isa jalqabaati jedhamu kun akkamiin raawwate?