Wal'aansa beeylada baqaqsanii yaaluu Booranatti baramaa dhufe

Godina Booranaa aanaa Mooyyalee ganda Biqqatiitti gaalli ilmoon garaatti duutee tokko wallaansa baqaqsanii yaaluu taasifameefiin baraaramte.
Ogeessi fayyaa Beeyladaa Diid Abbaa-Tanuu gaala guyyaa lama ilmoon garaa keessatti duute kana baqaqsanii wallaanuu saatii dheeraa fudhateen keessaa baasee gaala kana lubbuu oolchuu danda'eera.
Ogeessi kun kanaan durallee akkuma kana godina Booranaa aanaa Waacilleetti hoolaa ilmeen mataan garaa keessatti dacha'e yookaan dabe baqaqsanii yaaluudhaan keessaa baasuun haadhaafi ilmeellee baraaruu danda’eera.
Kanaan dura baayyee kan baratame dubartiin yeroo ilmoon garaatti miidhamtudha kan wallaansi baqaqsanii yaaluun taasifameefii deessuun akka baraaramtu kan ta'u.
Horiif wallaansi akkasii taasifamuun waan baratamaa hin taaneef namuu wallaansa milkaa'aa ogeessi kun taasise 'akkamitti?' jechuun hedduu wal gaafatan.
Gaalli sababa ilmoo garaatti duute ofiilleen du'uu malte wallaansa ogummaa taasifameef kanaan fayyuun ishee namoota hedduu ajaa’ibsiiseera.
Wallaansi kana fakkaatu kun hawaasa horsiisee bulaa biraatti kanaan dura dhabamuun namoonni hedduun horiin irraa du’aa turuu himu.
Ogeeyyin jiraatanilleen muraasa waan ta'aniif uummata cufa dhaqqabanii tajaajila waliin ga'uuf hin danda'an.
Gama biraan ammoo iddoon horsiisee bulaan jiraatu magaalarra fagoo waan ta’eef ariifachiisan dhaqqabanii lubbuu horiii baraaruun rakkisaadha.
“Lakkoofsii ogeeyyii fayyaa beeyladaafi baayyinni beeyladaa yaalii fayyaa barbaachisuun walqixxee miti. Kun rakkoo guddoo uumuutti jira,” jedha Diid.
Baadiyyaa keessa bakka ogeessi fayyaa hin jirre cirreessi aadaa yoo ilmeen garaa keessatti duutu hanga dandeettisaa gargaaree keessaa baasa. Ilmeen garaa keessatti du’uun yeroo horiin kun foolatee osoo hin dhaliin guyyaa lama turuutu himama.
Garuu akkaataa malli aadaa kun itti hojjatamuu kan ogeessatiin garaagarummaa guddoo qaba. Dubartiin waggaa hedduu horii keessa jiraattu Aadde Waaree Guyyoo loon hedduu rakkoo kanaan dhabuu dubbatti.
Mala aadaan sa'a ilmoon garaatti duute keessaa baasanillee akkaataa itti hojjetamu himti Aadde Waareen.
“Horii [kan ilmoon garaatti duute] harka keessa kaa’anii waan qara qabduun ilmee gara keessatti cicciranii, luka kutanii, dugda cabsanii keessaa baasan. Akka gadaameessi hin kufne ammoo qadhabaan qaban,” jetti
Ogeessi fayyaa beyladaa Diid Abbaa-Tanuu sirni cirreessa kun osoo nama gargaarellee horiif gaarii miti jedha.
“Qarabii kun qaama horii kutuu danda’a, namni kana hojjetulleen qeenca dheeraa qabaachuu danda’a, dabalataan ammoo harka diqachuufaa dagachuu danda'a. Kun ammoo horii kana miidhudha.”
Qaamni uummata mariisisee faayidaafi akkaataa beeylada horsiisuu barsiisuu malu, mootummaas ta'e qaama biroo dhimmi ilaallatu jiraachuu dhabuun furiinsa rakkoo tana fageessa jedha ogeessi kun.
“Dhimmi fayyaa horii xiyyeffannaa dhabee horsiisee bulaan hongeefi dhukkuba beeyladaa irraa hafuu dadhabee rakkachaa jira,” jedha Diid.
Ammaaf ogeeyyiin godinichaa tattaaffii ogummaa qabaniin taasisaniin horii dhalarratti miidhamaniif wallaansa baqaqsanii yaaluurra darbee kanneen laastikii (festaalii) nyaatan baqaqsanii yaaluun keessaa baasaa jiru.
Godinuma Booranaa aanaa Dhaasitti wal'aansa baqaqsanii yaaluu sa'aatii lama fudhate saawwa tokkoof taasifameen milkaa'uu ogeyyiin fayyaa beeyladaa BBCtti himanii turan.
Wal'aansi baqaqsanii yaaluu kanaan sa'a kana keessaa qarxaasiin (pilaastikiin) kiloogiraama 20 ulfaatutu bahe.

Madda suuraa, Diid
Gaala wallaansi taasifameef kun akkamiin rakkoon kun irratti barame?
Barbaacha marraafi bishaanii abbootin horii godaananii lafa gaammoojji keessa jiru. Gaalli dhalaaf deebinaan ijjoolleen tiksitu to’achuuf faana akka baate himu.
Guyyuma keessa gaala kana ilmeen garaa jiru miilla tokkoon dhufee ijoolleen tiksituu harkiftee garuu keessaa baasuu dadhabde jedhan.
Achiin booda cirreessa lama sadii waamanii turan garuu isaalleen yaalanii milkaa’uu hin dandeenye. Sa’aatii 48 booda ogeessa fayyaa beeyladaa argatan.
Yoo danda'ame haadhaafi dhala oolchuudha ta'uu baannaan ammoo haadha lubbuu oolchuudha kan jedhu Diid, “Abbaa qabeenyaa amansiisee gaalli kun sa’aati 48 guutuu waan turteef gadameessillen bu’ee jira waan ta'eef oppireshinii kana gochuun dirqama ta’uun itti hime,” jedha.
Oppiresheniin gaala dhalchiisuun hedduu ulfaataadha kan jedhu ogeessi kun, “gogaan gaalaa hanga gadaameessa gahutti caasaa hedduu qaba waan ta'eef oppiresheniin isaa ni rakkisa, ta'ullee itti muddee milkaa’eera,” jechuun ibsa.
Jiraataa ganda sanaa kan ta'an Jaarsoo Dullachaa, osoo yaala akkanaa duraan jiraachuu beknee horiin nurraa obba’ee akka kanaa hin rakkannu jedhan.
Jireenyii baadiyyaa baayyee ulfaata, ammoo horsiisee bulaan horii ofii baayyee jaallata. Qoricha ofiif hin bitanne, horii ofiitti bita, marraafi bishaan barbaaduuf kiiloomiteerii kumaatama miilaan deema jedhu jiraataan kun.
Haata'u malee, hawaasni harka guddaan barnoota dhabuunsaanii miidhaa horiirrattis ni geessisa. Kun ammoo hawaasni horsiisee bulaa horii kunuunfachuufi wallaansa fayyaa ammayyaa argachuuf rakkoo uuma.

Addee Diimaa Duubaa gorsa ogeessa fayyaa loonii malee ofumaan loonshee yaaluuf qoricha magaalaatii bituun marfee waraanti. Kun ammoo horii fayyisuu caalaa akka rakkoo biraatiif saaxilamanillee hubachuu dhabuurrraan.
Aadde Diimaan qoricha akkasumaan gabaarraa bitanii horiif kennuudhaan baayyeen akka jalaa du'an ni yaadatti.
“Namni keenna beekumsa yaala beeyladaa waan hin qabneef qoricha dhiibbaa horii irratti geessisu bitanii fayyuu osoo hin taane horiin kaan du’a,” jedha Diid.
Opiresheniin kun hawaasa biratti fudhatama qabaa?
Akka Diid jedhutti, wallaansi oppireeshinii kun hawaasa biratti baay’ee fudhatama qaba. "Hawaasi keenya oppireshenii ykn baqaqsanii yaaluun kan ilmee nama qofaatti yaada ture kanaaf yeroo oppireshenii akkanaa kana goonu ni aja’ibsiifatan,” jedha.
Milkaa'ina wallaansa baqaqsanii yaaluu kanaatiin namoonni gammachuu qaban nuuf himaa turan jedha.
Baadiyyaa keessa oggeeyyii fayyaaf bilbiluun yaala akkanaa argachaa jiran kan jedhu ogeessi kun, horii dhukkubsate yaalanii dadhabani qaluuf murteessan faa oggeeyyin akka Diidaa yaalanii lubbuu oolchaniiru.
Miidhaa festaalii

Madda suuraa, Diid
Godina Booranaafi Kaaba Keeniyaa bakka horsiisee bulaan itti guddatu keessatti loon festaalii ykn qarxaasaa nyaatanii du’un rakkoo bal'inaan mullatudha.
Keeniyaa keessatti garuu erga mootummaan laastikiitti dhorkaa godhee lakkoofsii gad-bu’uu oggeeyyin ibsaa turan.
Itoophiyaa keessatti ammoo namni hedduun meeshaa yoo bitatu, guyyaa cufa festaaliitti fayyadama. Festaalii tana osoo hin gubiin darbatan, kanaaf horii irraa eeguun ulfaataadha jedhu warri Booranaa.
Loon, re'oonniifi hoolonni qarxaasaa dirreerratti gatamee jiru kana nyaatanii du'aa jiru. Ogeeyyiin akka Diid faa ammoo horii festaalii nyaatanii du'uuf turan wallaansa baqaqsanii yaaluu kanaan hedduu oolchaniiru.
Yoo horiin festaalii nyaatee du’e, qalanii hawaasa itti yaamanii miidhaa festaaliin fidu agarsiisan.
Akkanaan hawaasi rakkooshee baratee horii ofii festaalii irraa dhorkee yookin yoo itti fayadamee iddoo tokkootti waliti qabee gubuun akka irra jiraatu barata jedha Diid.













