Fayyaa Beeyladaa: Booranatti sa'a baqaqsani wal'aanutti milkoofne jedhu ogeeyyiin

Waajjira Fayyaa Aanaa Dhaas

Madda suuraa, Firaol Wako Duba

Godina Booranaa Aanaa Dhaasitti wal'aansa baqaqsanii yaaluu sa'aatii lama fudhate sa'a tokkoof taasifameen milkaa'uu ogeyyiin fayyaa beeyladaa anichaa himan.

Wal'aansi baqaqsanii yaaluu kanaan sa'a kana keessaa qarxaasiin (pilaastikiin) kiloogiraama 20 ulfaatu baheera jedhu.

Waajjira eegumsa fayyaa beeyladaa aanaa Dhaas irraa yaala kana kan dursaa turan Dr Firaa'ol Waaqoo hojiin kuni sa'aatii dheeraa akka itti fudhate himan.

Tajaajila baqaqsanii yaaluu kana irratti ogeessonni fayyaa beeyladaa torba kan hirmaatan yoo ta'u sababa qarxaasiin kuni guddaa ta'eef garaa sa'a tanaa keessaa baasuun qofti sa'aatii lama itti fudhateera.

Meeshaa tajaajila baqaqsanii yaaluu kuni ittiin raawwatan deeggarsaan argachuu kan himan Dr Firaa'ol yaaliin akkanaa kuni kan jalqabaa ta'uus dubbatu.

Waajjira fayyaa beeyladaa aanaa Dhaas

Madda suuraa, Firaol Wako Duba

Ibsa waa'ee suuraa, Qarxaasii ykn pilaastika kiiloo 20 garaa sa'aa keessaa bahe

Abbaan qabeenyaa sa'a baqaqsanii yaaluun qarxaasiin keessaa bahe tanaa Aab Areeroo Carii jedhamu.

"Sa'a kanarratti garaanshii yeroo yeroodhaan waan bokokuuf pilaastika nyaachuu hin haftu jedheen ogeessota kana bira geesse," jedhan.

"Sa'a tanarratti baqaqsanii yaaluun yoo duutes yoo fayyites jedheetuman itti kenne" jedhu.

Waajjira fayyaa beeyladaa aanaa Dhaas

Madda suuraa, Firaol Wako Duba

Ibsa waa'ee suuraa, Wayita baqaqsanii pilaastika garaa baasan

Pilaastikiin beeyladoota keenya baay'ee miidhaa jira jedhu Aab Areeroon.

"Horsiisee bultoonni kaan horiin isaan haala wal fakkaataan dhibaman kanarraa ilaalanii akka beeylada isaanii ilaalchifataniifan akkas godhe" jedhan.

Sa'attiin kuni amma fayyummaa gaariirra jiraachuu kan himan Aab Areeroon, qarxaasiin hamma kana baay'atu garaashee keessaa bahee lubbuun hafuutti gammadeeras jedhan.