Meeksiikootti qeerransi namni funyoon hudhuuf magaalaa keessa arii'aa ture baraarame

Bengal tiger

Madda suuraa, Office of Environmental Protection, Mexico

Ibsa waa'ee suuraa, Qeerramsoonni kunneen erga viidiyoon osoo daandiirra hari'amanii agarsiisu gadhiifameen guyyaa lamaan booda baraaraman

Waajirri Eegumsa Naannoo Meksiikoo kutaa Jalsiikoo mana tokko keessatti qeeransawwan lama baraaruu isaa beeksise.

Dura viidiyoo qeerransa namoonni funyoo mormatti kaa'uudhaaf daandii magaalaarra ari'aa osoo jiranii agarsiisu tokkoti miidiyaa hawaasummaarratti gadhiifame.

Isaan booda ture aanga'oonni eegumsa naannoo gidduu seenuun kan baraaruu danda'an.

Akka viidiyoo sanarratti mul'atetti qeerransi tokko magaalaa Tilquweepaakuwee keessa daandiirra yeroo baqatutti namni tokko ammoo funyoo(wadaroo) qabatee mormatti kaa'ee qabuuf duukaa fiigaa ture.

Abbaan qabeenyaa qeeransota kanneenii aanga'ootaan gaafatamee, bineensonni kunneen karaa seera qabeessa ta'een akka Meksiikoo seenan ragaa dhiyeessuu danda'eera.

Haata'u malee, danbii nageenya mirkaneessuu hojiirra oolchaa jiraachuu isaa agarsiisuu hin dandeenye.

Jiraattonni yeroo namoonni qeeransa daandii magaalaa keessa ari'uun funyoo mormatti kaa'uudhaaf carraaqan arganii baayyee ajaabsiifataa turan akka viidiyoo miidiyaa hawaasumaa irratti gadhiifameetti.

Maxxansa X irra dabri
Qabiyyee X hayyamtaa?

Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

Hubachiisa: qabiyyeen qaama sadaffaa beeksisa qabaachuu malu

Xumura maxxansa X

Presentational white space

Qeeransota lamaan keessaa tokko kormaa, kaan ammoo dhalaadha. Umuriin isa kormaa ji'a 10 yoo ta'u, isheen dhaltuun ammoo waggaa 2 fi ji'a 9.

Qeeransoonni lamaanuu ammoo nagaan isaanii haala gaariirra kan jiran yoo ta'u, mallattoowwan akka hin malletti qabamuu isaanii agarsiisan hin jiru.

Abbaan qabeenyaa kun tarkaanfii ofeegannoo gahaa fudhachuudhaan nageenya hawaasaa eeguu akka danda'u agarsiisnaan qeeransoota isaa ni deebisnaaf jedhan aanga'oonni.

Qeeransawwan kunneen Eegumsa Naannoo keessatti kunuunsamaa jiru

Madda suuraa, Mexico's Office for Environmental Protection

Ibsa waa'ee suuraa, Qeeransawwan kunneen Eegumsa Naannoo keessatti kunuunsamaa jiru

Qeerransota daandiiwwan Meksiikoo keessatti bahanii mul'achuun gabaafamuun isaa kun kan jalqabaa miti.

Bara 2017, namichi siriin isaa Kaalifoorniyaarraa ta'e kun akka jedhutti qeerransa kana mucaashee $300 (£235) nama qeerransa kana qabatee Tijuwaanaa keessa deemaa ture tokkorraan bitadhe jedha.

Namichi osoo daangaa US irraan seeraan ala dabarsuuf yaalaa jiruu ture kan to'atame.