Keeniyaatti leenca nama nyaatee miliqe faana dha'aa jiru

Madda suuraa, Getty Images
Tajaajilli Bineensa Bosonaa Keeniyaa (KWS) leenca nama nyaatee ajjeessuun miliqe faana dhawaa jiru.
Kunis kan tahe naannawa jireenyaa qarqara magaalattiitti yogguu tahu, jiraattoonni mana keessa akka turan ergaan dabreera.
Araddaa namni kun leencaan nyaatamee reeffi Wiixata ganama argame, Rongaayi jedhamutti, sodaa guddaatu jira.
Namni kun gariin qaamasaa kan nyaatame yogguu tahu, leenci kunis Paarkii Biyyaalessaa Naayiroobii dhiyeenyatti argamu keessaa miliquu hin oolle jedhameera.

Odeessaalee kanaan kan walitti dhiyaatan:
Tajaajilli Bineensa Bosonaa Keeniyaa (KWS) ibsa baaseen, du'a nama kanaan gadda itti dhagahame ibsuun, bineensa kana to'annoo jala oolchuuf garee ogeeyyii erguusaa beeksiseera.
Hawaasnis hanga leenci kun qabamutti halkan manuma keessa akka turan ergaan dabreera.
Paarkii Biyyaalessaa Naayiroobii keessaas tahe, raasaa bineensotaa biyyattii keessaa leenci ba'ee baduun waanuma amma dura baramedha.
Paarkiin kun garuu dhiyeenya magaalaa guddoof qaburraa kan ka'e balaan irra deddeebiin ni mudata.
Gaaf tokko tokko, bineensonni kun daandii gubbaa taa'uun karaa cufu - imaltoonnis suuraa kaasan miidiyaa hawaasaa gubbaarra qoodu.
Iddoowwan kaanitti ammoo, wayita namoonni bineensotaan ajjeefaman yookaan miidhaman, jiraattonni aariin haaloo bahu.
Walitti bu'insi namaa fi bineensotaa ammallee fala hin arganne.














