Leenci saafelli abbaa ilmooshee ajjeeste

Madda suuraa, Reuters
Leenci dhaltuun/saafelli abbaa ilmooleeshee sadii kan waliin boolla leencaa Zuu Ameerikaa keessatti argamu keessatti ajjeesuushee aanga'oonni dubbatan.
Leeni Zuurii jedhamtuuf umuriin ishee waggaa 12 taate, abbaa ilmooshee Nyaak jedhamu umuriin isaa waggaa 10 ta'e waliin Zuu Indiyaanaapooliis keessatti yeroo wal lolan hojjetoonni garaa gara baasuullee hin dandeenye. Sababii kanaafis, leenci kormaa kun ukkaafamuu isaarraan kan ka'e du'uu danda'eera.
Leenconni kun waggoota saddetti darbanii kan waliin jiraataa turan yommuu ta'an bara 2015 waliin ilmoolee sadii horataniiru.
Hojjetaan Zuu sanaa fuula feesbuukii isaa irratti akka barreessetti rakkoo maaliitu akka uumame adda baafachuudhaaf "gadi fageessinee qoranna" jedhan.
"Nyaak leenca guddaa bareedaadha; isa dhabuun guddaa nama gaddisiisa," jedha barreeffamni kun.

Madda suuraa, Reuters
Yeroo sanatti hojjetoonni akka jedhanitti, "barooduu leencaa kan duraan barameen olitti" boolla isaanii keessaa akka dhaga'amu himan.
Zuuriin Nyaakiin morma qabatee turte. Jara kana lamaan gargar baasuuf yaaliin cimaan taasifamullee saafelittiin hanga inni socho'uu dadhabutti kokkee abbaa manaa ishee kana ittuma fufuun uutee qabde.
Kanaan dura walitti bu'insi gidduu isaaniitti mullatee akka hin beekne ibsi kenname ni mullisa.
"[Hojjetaan] bineensota kana waliin hariiroo cimaa waan uummataniif isaaniin dhabuun guddaa nu miidha," jechuun Roohitarsitti himan Daaviid Hagaan, eegduun bakka turtii leencota kanaa. "Baayyee keenyaaf, akkuma miseensa maatii tokkoodha."












