Namtichi lammii Cheek leenca manatti horsiisuun nyaatamee argame

Madda suuraa, Zdenek Nemec / MAFRA / Profimedia
Lammiin Cheek Reppublik mooraa jireenya isaa keessatti leenca jiraachisaa ture ittiin nyaatamee lubbuu dhabe.
Mikaa'el Piraaseek horsiisuuf jecha leenca dhaltuu tokkoo fi kormaa kan ganna sagala tahe biraa mooraa isaa keessaa qaba. Kun jiraattota naannichaatti yaaddoo uumee ture.
Haa tahu malee abbaan Mikaa'el reeffa ilma isaa mana leencotaa keessatti akka argee fi keessaan cufamee akka ture himan.
Leencotni kunneen kutaa garaagaraa keessa kan jiraatan yoo tahu poolisiidhaan rukutamuun ajjeefamaniiru.
Gara kutaa reeffi mikaa'el jiruutti seenuuf leencota kanneen rukutanii ajjeesuun dirqama ture jedhe dubbii himaan poolisii naannichaa.
Mikaa'el Piraasek nama ganna 33 yoo tahu bara 2016 leenca isa kormaa bitee horsisuuf jecha ishee dhalaa ammo bara darbe bituun kan gara mooraa isaa fide.
Lamaan isaaniif iyyuu mana cufaa qabu mana isaa duubatti ijaaruun achi keessa jiraachaa turan.
Kanaan dura dallaa ijaareefii qofaatti galchuuf eeyyama gama mootummaan gaafatee ture. Haa tahu malee kun seeraan aladha jedhamuun eeyyamicha dhorkamee booda seeraan ala horsiisaa jirta jedhamuun adabamee ture.
Wal-dhabdee inni abbootii taayitaa naannichaa waliin qabus dabalaa dhufnaan gara qabeenya kootti galuu hin dandeessan jechuun mooraa isaa isaan dhorkee ture.
Haa tahu malee bakka geeffaman dhabuu irraa kan ka'e ykn filannoo dhabuu irraa kan ka'e humnaan akka achi keessaa baafaman hin taane jedhe poolisiin.
Bara darbe leenca isaa ishee dhaltuu qabatee osoo karaa irra bashansiisaa jiruu namni saayikilii ofaa ture tokko itti bu'uun dubbii ijoo miidiyaa tahee tureera.
Yeroo sana balaa tiraafikaa uumame jedhamee bira darbamus amma rakkoo yeroo dheeraa turetu furmaata argate jedhan kantiibaan magaalaa Zedookov Toomaas Kokuurek.














