Ayyaana Faasikaa: Adamoo fi ayyaana Faasikaa maaltu walitti fida?

Namticha adamoorra jiru

Madda suuraa, Getty Images

Ayyaanni Faasikaa hordoftoota amantaa Kiristaanaa biratti bakka guddaa qaba. Isaan dura yeroo hunda gaafa Jimaataa ammoo ''Jimaata Fannoo,'' guyyaa Iyyesuus Kiristoos itti fannifame jedhamee beekama.

Faasikaan ammoo Iyyesuus Kiristoos fannifamee erga awwaalamee gaafa guyyaa sadaffaa ''du'aa ka'e'' jedhamuun kabajama.

Iyyesuus du'aa ka'uun jireenyi bara baraa warra isatti amananiif kenname jedha Macaafni Qulqulluun.

Akkasumas torbeen xumuramaa jiru kunillee turban Qulqullaa'aa jedhamee waamama.

Torban kana keessa adamoon uummata Oromoo (keessattuu Lixa Oromiyaatti) biratti haalaan beekama.

Uummata Oromoo amantaa Kiristaanaa hordofan biratti yeroo hojiin humnaa bal'inaan hojjetamu osoo hin taane yeroo ayyaanichaaf itti qophaa'anidha.

Haa tahu malee adamsuu fi maaltu Faasikaa waliin walitti fide?

Obbo Tasammaa Hundee jiraataa magaalaa Buraayyuu kan tahan dubbisneerra.

Adamoon aadaa Oromoo keessatti bakka guddaa qaba jedhanii, ''yeroo fakkaranillee leenca abaluu, qeerransa abaluu'' jechuun fakkaru jedhan.

Gootummaaf jecha adamoon yeroon itti kennamee gaggeeffamaa ture jedhu. Haa tahu malee yeroo Faasikaa waa lamaaf adamoon baay'inaan gaggeeffamuu danda'a jedhan.

Inni jalqabaa ayyaana jala namootni boqonnaa waan qabaniif kanatti fayyadamuun bakka garaagaraa irraa walitti dhufuun waliin adamsu jedhan Obbo Tasammaan.

Hawaasummaan uummatichaas cimaa kan deemu yoo tahu namootni gootummaa walii isaaniis bakka adamoottis wal baru.

''Inni darbatee hunda dhabu jedhama.''

Inni lammaffaan ammoo akka yeroo ammaa namni hundinuu bitatee waan hin qalleef waliin adamsanii bineensota akka bosonuu, borofa, kuruphee fi kaan adamsuun qalatanii ayyaana fa'a ittiin dabarsu jedhan.

Namootni kaan ammoo ayyaanni kun du'aa ka'uu Iyyesuus Kiristoos waliin wal qabata jedhu.

Gama biraan ammoo ayaanni faasikaa du'aa ka'uu duras tureera jedhama akka Macaafa Qulqulluutti.

Adamoo

Madda suuraa, DEA / BIBLIOTECA AMBROSIANA

Ayyaana Maxinoo jedhamee beekama. Ayyaanni kun Seera Musee keessatti hordoftoota amantaa Kiristaanaaf kan kennamedha.

Haa tahu malee adamoo fi ayyaanni Faasikaa akkamiin walitti dhufu kan jedhu ifatti qoratamee wanti barraa'ee taa'e hin jiru.

Haa tahu malee fakkeenyaaf adamoon naannoo Wallaggaatti Balo Buunaa jedhama. Balo keessa leenca, gafarsaa fi bineensota gurguddoo biraatu jiraata.

Namni Balo bu'es galaa naqatee waan deemuuf yeroo dheeraa taa'ee leencas tahe gafarsa ajjeesuun gala. Ajjeesaan ni dibata, ni faarfama. Faacha fudhatee gala.

Ajjeessaan gosa bineensa ajjeeseen geerara.

Fakkeenyaaf namni leenca ajjeese:

Boorri koo boora caala

Yoo ciisu gophoo caala

Boorii koo boora caalu

Dhaabatu moggoo caala jechuun geerara.

Namni leenca ajjeese nama yeeyyii ajjeese irraa kan hafe hundumaan ol goota akka tahetti ilaalama.

Geerarsa keessatti illee bakka ajjeesaan leencaa jirutti kan gafarsaas tahe kaan gootummaa cimaadhaan hin geeraran.

Ajjeesaan Yeeyyii ammoo hundumaa caalaa gootummaa qaba jedhama. Wal kabajuufi beekkamtii walii kennuun beekamu.

Yeroo ayyaanaa kana jala adamoon namoota baay'een gaggeffama. As gidduutti eeboon bineensaaf darbatame nama waraanuu, miidhuus tahe ajjeesuu danda'a.

Kun akka seera Gadaatti addatti hiikama jedhan Obbo Tasammaan. Akka ajjeechaa kaaniitti ilaalamee haloo wal qabachuun hin jiru jedhanii Gumaan addatti ilaalamee araarri akka bu'u taha jedhan.

Obbo Tasammaan dur bosonnis tahe bineensi baay'inaan waan jiruuf waanti nama yaadessu hin jiru jedhan.

Akka seera adamooti namni bineensa kaachise harka bitaa fudhata. Namni jalqaba waraane ammo miila mirgaa fudhata.

Kaan ammoo qabiyye jedhamuun namni jalqaba achi gahe harkaan waan qabate fudhata. Garuu bakkaa bakkatti adda adddummaa qabaachuu danda'a jedhan.

Amma immoo bosonnis haphatee bineensis badaa dhufeera jedhan.

Kanaaf Oromoonis akkuma amma dhiisaa dhufe kanatti bineensota ajjeesuu osoo hin taane kunuunsuudha kan qabu jedhan.

Bineensotni dur midhaan irraa illee eegamaa turan amma daawwannaa fi ijaan argaaf iyyuu dhabamaa jiru jedhan.