Adamoo seeraan alaa: Saroota adamsistoota seeraan alaa adamsan

Oggeessi eegumsa bileendoota Keenyaa saree waliin

Madda suuraa, WWF

Adeemsi haaraan tokko hiriyyaa amanamaa ilmaan namaa kan ta'an sareetti fayyadamuun adamsitoota seeraan alaatiin irra aanamuuf yaadameera.

Ilkaan arbaa, gaanfa warseessaa (rhino) fi kanneen biraa malawwan geejjiba adda addaatiin bakkaa bakkatti daddabarfamuun saroota leenjii'aniin adamsuun danda'ameera.

Malli haaraan kunis biyya bu'aaleen bineeldootaa hedduun keessatti ni daddabarfama jedhamu Keeniyaa buufata Mombaasaatti.

Qorannoon dhimmicha irratti dhiheenya kana hojjatame tokko akka mul'iseettis, buufata Mombaasaatti qofa bara 2009 hanga 2014tti ilkaan arbaa kilograama kuma 15 karaa seeraan alaan dabarfamu agarsiiseera.

Ilkaan hangas argachuudhaaf harboonni 2,400 ajjeefamuusaaniifi kanneen tibba sakkatta'insaatti hinqabamiin dabalatee lakkoofsi kun kanaan ol akka ta'u qorannichi mul'iseera.

Ogeessi eegumsa bineeldootaa Diriiw Maakvey, kana booda lakkoofsi kun hir'achuu akka danda'u abdii qabu hima.

''Adeemsi kun waan baayyee geeddara. Kunis ilkaan arbaafi qaamoolee bineeldotaa karaa seeraan alaatiin gara biyyoota garaa garaatti ergaman to'achuuf ni gargaara'' jedheera.

''Dandeettii sareewwan waan funfachuuf umamaan qabanitti leenjiin yoo dabalame, dhimmoota ol fageenya meetira 12 keessatti olkaa'ame adda baasuu ni danda'u.''

Daddabarsitoonni seeraan alaas malawwan baayyee walxaxaafi yeroo yerootti kan geeddaramaniitti waan fayyadamaniifu hojiin saroota kun garuu kanarratti jijjirama olaanaa fidu akka danda'u Diriiw ni yaada.

Oggeessi eegumsa bileendoota Keenyaa saroota waliin

Madda suuraa, WWF

Bufataalee sakkatta'insii irratti taasifaman irratti saamuudi qilleensaa bakka mi'i itti fe'amurraa fudhatamuunsaroon akka fuunfatan taasifama. Saroonni damdeettii umamaa saaniifi leenjii kennameefiitti gargaaramuun mallattoo kennu.

Adeemsi to'annoo haaraan amma yaaliirratti argamu kunis bidiruuwwan kuma 20 karaa buufata Mombaasaa darban irratti guyyaa tokkotti sakkata'iinsa gaggeessuuf dandeessiseera.

Kana dura garuu oggeessoonni to'annoo bakka mi'i itti fe'ame tokko tokkoon seenuun sakkata'u ture.

Sakkatt'iinsa hanga ammaatti gaggeeffameenis baatiiwwan jahan darban qofa keessatti feetoonni mi'aa seeraan alaa qaamoolee bineeldootaa fa'an 26 to'annaa jala olfamaniiru. Ragaaleen argamanis dadabarsoota maalummaa yakkawwan ofeeggannoo olaanaan sadarkaa addunyaatti raawwataman hubachu akka dandeessise aanga'oonni biyyatti ibsaniiru.

Dhaabbanni Eeguumsa bineeldootaa Addunyaa akka jedhuutti, warseesoota gurraachaa fi adii gara kuma 25 ta'aniitu argamu. Afiirkaa Kibaa qofatti kanneen kuma tokko ol ta'an adamsisttota seeraa alaatiin ajjeefamaniiru.

Guyyaattis arboonni Afriikaa 55 akka ajjeefaman dhaabbatichi ibseera.