Naannoo Somaale: Abdii Mohammad Umar to'annaa jala olfaman

Madda suuraa, BBC Somali
Naannoo Somaalee Itoophiyaa waggoota 10n darbaniif bulchaa kan turaniifi sarbama mirgoota namoomaa hedduuf komatamaa turan Abdii Mohaammad Umar hara to'annaa jala olfamuusaanii dhagahame.
EBCn akka ibseetti, Obbo Abdiin mana jireenyaa isaanii Magaalaa Finfinnee naannawa Atilaasitti argamu har'a poolisii Federaalaatiin to'annoo jala olfaman.
Yakkawwan Abdii Mohaammad to'annaa jala akka olfaman taasisan keessaa sabama mirgoota namoomaa, walitti bu'iinsa sabaa, fi amantii jidduutti walitti bu'iinssi akka umamuu taasisuudhaa ta'u abbaan alanagaa fedeeraalaa beeksiisan.
Obbo Abdiin alattis namoota gochiicha keessaa harka qabaachuun shakaman kan biraas poolisiin to'annaa jala olchaa jirachuun dhagahameera. Haaluma walfakkaatuunis mirgi himatamuu dhabuu Obbo Abdii mana maree naannichaatii kaleessa irraa mulqamuun isaa ni yaadatama.
Gabaasa keenya kana duraatininis Abdii Mohaammad Umar to'annoo jala olfamu isaanii gabaasuun keenya ni yaadatama. Kunis himatamuudhaaf hanga adeemsiiwwan seeraa gutamanitti akka hinbaqanneef to'annoo taasifamee ture malee, hidhaa ajjaja mana murtii akka hinturee barameera.
Walgahii al-idilee kaleessa manni marii bakka bu'oota uummataa naannoo Somaalee taa'een Obbo Abdii Mohaammad Umariin dabalatee miseensota torba mirga himatamu dhabuu irraa mulqee jira.
Mirgi himatamuu dhabuu kan miseensota mana maree bakka bu'oota uummataaf kennamu yoo ta'u osoo hin haqamiin miseensi paarlaamaa kamuu himatamuu hin danda'u.
Manni marichaa mirga namoota kanneenii kan haqeefis sababii hokkora dhiheenya kana naannichatti umamee tureen walqabatee ta'u beeksiseera.
Murtee kanas manni marichaa sagalee gutuun raggaasise.
MM Abiy Ahimad ibsa gaazexeessitootaaf kennaniin waa'ee Obbo Abdii gaafatamanii, dhimma isaanii seeratu harkaa qaba jedhaniiru.
Dhiheenya kanas koreen jiddugaleessaa paarti naannicha bulchuu Obbo Musxafaa Mohaammad Umar pirezidaantii yeroo naannichaa gochuun muduunsaa ni yaadatama.
Manni maree kun muudama kana mirkaneessee jira.
Erga Obbo Abdii Mohaammad kan naannicha waggoota hedduuf bulchan taayitaarraa bu'aniin booda, bakka isaanii bu'uun naannicha pirezidaantummaan torbee lamaaf kan hogganan Obbo Ahimad Abdii Mohaammad, Obbo Musxafaan pirezidaantii yeroo ta'un akka itti fufaniif danbiin paartichaa akka eeyyamu ibsanii turan.















