Atileet Fayyisaa Leellisaa: Fulbaana bultii 23, 2018 gara biyyaatti deebi'a

Maatii Fayyisaa Leellisaa; Sookoo, Fayyisaa, Soraa fi haadha warraa isaa Iftuu Mul'isaa
Ibsa waa'ee suuraa, Bakka maatiin isaa hin jirretti Fayyisaan guddaa dhiphata ture

Gootichi atileet Fayyisaa Leellisaa ji'a tokko booda maatii isaa waliin Yunaayitid Isteet gadhiise biyyatti akka galu beeksise.

Turtii BBC waliin taasisen akka himetti Fulbaana bultii 23/2018 ykn A.L.I Fulbaana 13/2011 biyyatti galuuf murtesseera.

''Mallattoo qabsoo ummata Oromoo akkuma xiyyaara irraa bu'e nan agarsiisa,'' jedheera.

Atileetiin kun Olompika Riyoo bara 2016 dorgomame irratti lammiilee harka humna nageenyaa jalatti ajjeefaman mormuun mallattoo mormii erga agarsiisee booda biyyatti hin deebine ture.

Mootummaan Itoophiyaa torban lama dura biyyatti deebi'i jechuun waamicha dhihesseefi jira. Yeroo biyyatti galurree simannaan gootaa ni taasifamaaf kan jedhe.

'Nan miidhame'

Kophummaa fi fedhiin ummata waliin jiraachuu dhabuu atileeti dirree Olompikiitti gootummaa guddaa raawwate akka miidhe ni dubbata.

''Hiriyyoota wajjiin shaayii dhuge kolfee waliin taphadhu hin jiru. Kunumtu anaan baay'ee na miidhee jira,'' jedha.

''Ergan biyya kana dhufe sirbillee miira nakaasaa hin jiru,'' kan jedhu Fayyisaan biyya galee ummata waliin jiraachuu akka guddaa hawwe.

Kanaafuu, wanti guddaa yaade ''hawaasa keessa dhalatetti makamuudha.''

''Biyya kanatti namni taphate sitaphachiisu hinjiru. Animmoo waan akkanaa baradhee jira. Ergan ani gammadee kolfuu dhabe waggaa lama ta'eera.''

Akka inni jedhutti sababa kanaaf waan baay'ee dhabe. Kanaaf, yoo biyya gale akka gammachuu argatu amana.

Abdii Olompikii lammataa

Fayyisaan erga mallattoo mormi xumura fiigicha maaraatoonii irratti agarsiisee waggoota lamaaf biyya bakka bu'e hin beeku.

Inni fiiguuf fedhii qabaatuus federeeshiniin Atileetiksii Itoophiyaa isa hin filanne ture. Amma garuu abdii horateera.

''Shaampiyoonaa addunyaatiif nan gaha kan jedhu abdii hin qabu malee Olompikiif akkan gahu dhibba keessaa dhibba nan amana,'' jedha.

Atileet Fayyisaa Leellisaa Olompika Riyoo irratti

Madda suuraa, OLIVIER MORIN

Ibsa waa'ee suuraa, Atileet Fayyisaa Leellisaa Olompika Riyoo irratti

Sababni isaa qophii gaha waan hin taasisnef akka ta'e ni hima. Dhuguma Fayyisaan erga jireenya isaa Yunaayitid Isteet godhate qabxiin maaraatoonii isaa hanga inni eegu miti.

Ta'us gaafa biyyatti galee fooyyessuuf karoorfateera.

Waan Ameerikaa

Erga mallattoo mormii Biraaziilitti agarsiisee booda biyyi itti baqate Yunaayitid Isteet ta'us wanti achitti isa gammachiise mirga qabaachuu isaa qofa.

''Yeroo mirgikee baay'atu dirqamnikees baay'achuu qaba. Namni keenya warri biyya jiran kana wallaalani. Kuni walsimachuu qaba,'' jedha.

Isarra kan darbe, ''Jiruun biyya kanaa waan inni na gammachiise hin jiru. Yoo beelofte namni nyadhu siin jedhu hinjiru. Hidhiillee sii xuuxee darba namni keenya,'' jechuun hima.

'Ani waan xiqqaan godhe'

Lammiileen akkasumas dhaabbileen garaa garaa akka falmataa mirga dhala namaatti kan ilaalan atileet Fayyisaan akka guddaatti of hin ilaalu.

''Namumatu ol kaase na guddise malee waan ani godhe xiqqaadha. Wanti ani godhe waan guddaa natti hin fakkaatu,'' jedha.

''Inni kaan waan hedduu itti dhabe waan ta'ef. Qabsoon ani godhe xiqqaadha.''

Yeroo biyya galu

Fayyisaan yeroo biyya galu hoggantoota Ministira Muummee Abiy Ahimad (PhD) fi Obbo Lammaa Magarsaa dabalatee kaan dubbisuu fedha.

Jalqaba garuu akkuma biyya galeen, ''hidhamtoota mana hidhaa Qilinxootti hafaniifi kan naannoo Somaalee irraa buqqa'an,'' dubbisuun barbaade jedha.

Kunneen namoota yeroo biyya ture mana hidhaatti deddeebi'e dubbisaa turedha.

Yeroo biyya galu simannaa hin fedhu kan jedhu Fayyisaan Oromiyaa keessa naanna'e ummata dubbisuu yaadan qaba jechuun BBC'tti himeera.

''Nama sadii, afur, shan wareegee biyyatti galuu hin fedhu waan ta'ef,'' jedheera sababa simannaa taasifamaa jiruun lubbuun darbaa akka jiru eeruun.

Yaaddoo Nageenya

Waggaa lama dura yeroo Fayyisaan biyyatti akka galu gaafatamu lubbuu isaaf akka sodaatu himee ture. Amma garuu kuni hin jiru.

''Wanti na sodaachisu hin jiru. Borus nan du'a. Har'as yoon du'e wanti natti fakkaatu hinjiru.''

''Ani atileetiidha. Gaardiin nafaana fiiguu hin danda'u.'' kan jedhu Fayyisaan, ''Yoo rakkinni ana irratti gahe garuu rakkina baay'eetu uumamu danda'a,'' jedha.

Akka Fayyisaan jedhutti bilisaan akkuma dur godhu olii gadi deemee jiraachuu barbaada.