Guyyee Adoolaa: Atileeti Itoophiyaa namni waa’ee isaa odeessuu eegale

Madda suuraa, Getty Images
Guyyee Adoolaa maaraatoonii Barliin Dilbata darbe dorgoomeen dura, atileetii namni tokkollee maqaa isaa hin kaasne ture. Boodarra garuu osoo humtuu hin yaadiin kan gurra guddaa horate ta'eera .
Wal dorgommii maaraatoonii waldaa federeeshinoota atileetiksii idila-addunyaa (IAAF) sadarkaa warqii qabuu irratti, namoonni riikardii maaraatoonii haaraa eenyutu cabsa laata jechuun odeessaa turan.
Kanaafis, atileetoonni fiigicha fageenya dheeraan beekaman Qananiisaa Baqqalaa fi Wilsan Kipsaang akkasumas Eluuwid Kipchoogee keessaa eenyutu maqaa ofiitti waamsifata kan jedhu irratti xiyyeeffate.
Dhugaan jiru Guyyeen kanaan dura maaraatoonii fiigee hin beeku ture.
Xumura dorgommii booda garuu namuu maqaa isaa lafa kaa'u didee. Dorgoommii Qananiisaa fi Kipsaang xumuruu dadhaban irratti, Guyyeen Kipchoogee biraa hafuu dide.
Yeroon Guyyeen dorgommiicha itti xumurees, atileeti yeroo duraaf maaraatoonii fiigeen isa lammaffaa dha. Riikardii maaraatoonii Qananiisaatti aane kan lammataati.
Guyyeen garuu eenyu?
Atileetiin umurii 26 kun osoo hinyaadamiin eessumaa as bahe?
Guyyeen Oromiyaa godina Gujii ganda Biluutti dhalate. Mana barumsaatti fiigicha eegaluun boodarra leenjii fooyya'aa argachuuf gara Finfinneetti qajeele.
Leenjisaan isaa kan kilaba atileetiksii Ambootti isa leenjise, Obbo Tafarii Mokoonnin qoree na duraa buqqise jedha. Garuu, bakka amma jiru kilaba atileetiksii hojiiwwan bishaanii Oromiyaatti erga dhufe booda kan gara caalu biyya alaatti bahe dorgomu eegale.
Yeroo duraaf alatti bahe kan fiige fiigicha walakkaa maaraatoonii A.L.A bara 2014'tti Morookoo Maaraakaashitti dorgomame ture. Ga'umsa gaariin fageenya wal fakkaataa fi kilometira 10 fiiguu waggoota lamaan isaan boodaatti garuu qabxiin isaa gad-bu'e ture.
''Rakkinni fayyaa waan na mudateef nyaata na hin fudhachiisu ture. Nyaata malee mmoo qabxii fiduun rakkisaa dha. Miilas na dhukkuba ture, '' jedheera.

- Guyyaa dhalootaa: A.L.A Onkololeessa 20, 1990
- Bakka Dhalootaa: ganda Biluu, Gujii, Oromiyaa
- Maqaa guutuu: Guyyee Adoolaa Ideemaa
- Dheerinaa fi ulfaatina: 1:80m, 60kg
- Maanaajara: Piroomoshinii atleetiksii Demaadonaa (Xaaliyaanii)
- Isipoonsarri: Adidaas


''Jireenya baadiyyaa akkuma beektuudha. Ani ammoo achitti qofaa kiyya. Maatiin kiyya isaan baadiyyaas ta'e magaalaa jiran harka qalleeyyiidha jechuun danda'a. Ergan fiiguu eegale garuu fooyyeen dhufaa jira.''
Atileetoota fakkeenya godhate - Qananiisaa Baqqalaa fi Xurunash Dibaabaa - argaa turuun isaa barumsa kutaa 9'tti addaan kute fiigicha jireenya isaa akka taasisu dirqe.
Fiigicha Dilbataatiin Guyyeen badhaasa hamma yoonaatti argate keessaa bay'inaan lammaffaa kan ta'e, walakkaa miiliyoona caalaa (dolaara kuma 24) badhaafame.
Waggaa sadii dura A.L.A bara 2014 fiigicha walakkaa maaraatoonii Delhii injifachuunii fi rikardii bakkichaa foyyeessuun dolaara kuma 35 badhaafame ture. Ergasiin booda, baay'ee injifatuus, galiin argate hammana hin gahu.
Dorgoommii Barliin booda Guyyeen gurra fi qarshii guddaa horata, jedhe amana maanaajarri isaa lammii Xaaliyaanii.
''Duratti atileeti dorgomaa ta'a jedhanii waan hin yaanneef qarshiin hirmaannaa isaaf kenname xiqqaa dha,'' jedha Jiyaanii Demaadonaa. ''Amma booda garuu, qarshii caalmaa qabu itti hiixatu.''
Maaraatooniiwwan Fuuladuraa
Atileet Guyyee Adoolaa bultii hin ijaarranne. Mana ijaarees hin qabu. Fuuldurri isaa garuu ifa akka ta'u abdii qaba. Dorgommiin itti aanu maaraatoonii Landan akka ta'u yaadnerra jedhan Demaadonaan.
Duraan maaliif maaraatoonii fiiguu dhiisee?
Lenjistoota isaa fi maanaajara isaan gaafatamuus atileet Guyyeen fedhii hin qabaanne. Akka yaada isaatti ijollummaa isaatti maaraatoonii seenu waan hin feenee fi dursa ga'umsan qabaadha jedhe waan yaadeefi.
Dabalataanis, atileetonni takka fiigani badan arge yaadda'a ture. ''Atileetoota argaatuma jirra. Takka dhufanii hin badan. Kan isaan badaniifis ifa naan taane. Sodaan keessa koo ture.''
Amma garuu Guyyeen shakkiii malee atileeti maaraatooniiti. Yeroon Barliinitti galmeesse waan ajaa'ibaati. Akka nama yeroo duraaf fageenyicha fiige qofaa osoo hin taane sadarkaa Itoophiyaatti illee yeroo maaraatoonii saffisaa lammaffaa maqaa ofiin ol kaa'ate.
Yeroon itti xumure 2:03:46 riikardii addunyaarraa sakandii 49 qofaan duubatti hafa.

Madda suuraa, Getty Images
Maanaajarri isaa Demaadonaa Guyyeen leenjii irratti yeroo saffisaa qabaatuus, qabxiin kun waan abdatan oli dha. ''Baay'eedhuma nu ajaa'ibe. 2:05 yookiin 06 malee 2:03:46 hin eegne ture.''
Gargaaraan leenjisaa Kaalil Amaan Guyyeen fiigicha fageenya dheeraaf kennaa addaa akka qabu yaada qaba.
''Yeroo fiigu miila isaa baay'ee waan hin kaasneef dafee hin dadhabu.''
Atileet Guyyee Adoolaan biyyaaf yeroo takka fiige shaampiyoonaa maaraatoonii addunyaa Denmaarkitti A.L.A bara 2014 3ffaa bahe naasii argate.
Qabxii Barliinitti galmaa'e booda garuu, waan inni eeguus ta'e waan namni isarraa eegu, osoo hin eegamiin kunoo haalaan guddate.












