Waancaa Afrikaa 2021: Murteessaa Baamlaak Tasammaa tapha Senegaal fi Burkinaafaasoo booda jajaman

Baamlaak Tasammaa Wayyeessaa fi Saadiyoo Maanee

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Baamlaak Tasammaa Wayyeessaa fi Saadiyoo Maanee

Murteessaan kubbaa miilaa Baamlaak Tasammaa Wayyeessaa kan tapha waancaa Afrikaa walakkaa xumuraa Senegaal fi Burkinaafaasoo jidduutti Roobii galgala taphatame taphachiisan deeggartootaan jajamaa jira.

Tapha Senegaal goolii 3-1n Burkinaafaasoo mo'achuun xumuraaf dabarte irratti abbaan murtii Baamlaak Tasammaa VARn gargaaramuun peenaalitii lama Senegaaliif osoo hin hayyamiin hafe.

Kaardii keelloo dogoggoraan kennanis VAR ilaaluun dogoggoraa ofii yoo sirreessan mul'ateera.

Maxxansa X irra dabri
Qabiyyee X hayyamtaa?

Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

Hubachiisa: qabiyyeen qaama sadaffaa beeksisa qabaachuu malu

Xumura maxxansa X

Murtee isaanii kana deeggartoonni fi xiinxaltoonni ispoortii jajachaa jiru. Barruun UK 'Dailymail' Abbaa murtii cimaa dorgomichaa jedhamuu qabu, abbootiin murtii piriimer liigii Ingiliiz illee nama kanarraa barnoota fudhachuu qaba jechuun barreesse.

Lammiin Itoophiyaa Baamlaak Tasammaa Waancaa Addunyaa bara 2018 irratti taphachiisuun waggoota 48 booda waltajjii idil-addunyaa irratti biyya isaa maqaa dhoofsisee ture.

Murteessaan idil-addunyaa kuni tapha biyya keessaan alatti isa alaa taphachiisuufis waggoota jaha qofa jalaa fudhate.

Waancaa Addunyaa Raashiyaa irratti hirmaachuun isaa oduu guddaa ture. Biyya waltajjii kubbaa miilaa irratti seenaa guddaa hin qabne Itoophiyaaf kuni milkaa'ina jedhamees jajamee ture.

Innillee kanuma yaada. Gaaffii fi deebii yeroos BBC waliin taasiseen, ''waancaa Addunyaa irratti hirmaachun anaafis biyyakoofis gammachuu guddaadha" jedhee ture.

Magaalaa Finfinneetti kan dhalatee guddate murteessaan kubbaa Miilaa Baamlaak Tasammaa, akkuma ijoollee kaanii Kubbaan inni jaalatu yeroo keessa sadarka guddaaf isa kaadhime.

Bara 2003 eegale murteessummaan hojjetu eegale. Waggaa jaha booda, bara 2009'tti murteessaa idil-addunyaa ta'e.

Haa ta'u malee, hojii isaa kana akka hojii dabalataatti hojjeta.

''Ogummaa narsiitin hojjetaan ture. Sooshiyolojiidhaanis digirii jalqabaa Yunivarsiitii Finfinnee irraa qaba. Ammammoo, lamaan walitti fiduun gargaaraa qorataa ta'un hojjedha. ''

Imala Waancaa Addunyaa 2018

Baamlaak murteessitoota Waancaa Addunyaa taphachiisaan keessaa tokko ta'un isaa yeroo barame gammachuun kan isaa qofa hin turre. Gammachuun kan biyyaa ture.

Akka inni jedhutti murteessitoota 35 Moskootti calalaman keessaa 7 gahee eggataa argatan. Torba keessaa lama lammii Afrikaa dha. Inni isaan keessaa tokko ture.

''Moskootti gahee taphachiisuu hin arganne. Taphoota afur garuu murteessaa eeggataa tahen hojjedhee deebi'e.''

Murteessaan umurii 38 kuni tapha jalqabaa isaa Sarbiyaa fi Kostaarikaa irratti taphattoota waldhaban yeroo adda qabu irra-deddeebiin mul'ata ture.

Murteessaa Kubbaa Miilaa Baamlaak Tasammaafi Abbooti murtii sadi biroo Waancaa Addunyaa 2018 irratti.

Madda suuraa, Sergei Fadeichev

Ibsa waa'ee suuraa, Baamlaak Tasammaan Waancaa Addunyaa Raashiyaatti gargaaraa murteessaa tahun tapha afur irratti hirmaate

''Osoo anii fi murteessaan olaanaa gidduu galuu baanne gama garee lamiinuu kaardiin diimaa taphattootaaf kennamuu danda'a ture. Tapha booda madaalliin ture gaarii ture.''

Murteessaa Baamlaak waancaa Addunyaa irratti hirmaachuu isaaniitin waan hedduu irraa baratu hima. Achi gahuufis adeemsa waggaa sadii fudhate.

Adeemsi kunis, waltajjii kubbaa miilaa irratti ga'umsa agarsiisuu, leenjii kennamuufi calallii keessa bahu dabalata.

''Murteessitoota Afrikaa ciccimoo 10 keessaa tokko ta'un xumura irrattis Konfedereeshiniin Kubbaa Miilaa Afrikaa murteessitoota 6 yeroo beeksisu jahaffaan argadhe.''

Baamlaak Waancaa Afrikaa kan bara 2015 fi 2017 irratti hirmaateera. Bara 2017 Waancaa Chaampiyeens Liigii Afrikaa taphachiisuu danda'eera.

Tekinooloojii VAR

Dhuguma Waancaan Addunyaa bara 2018 seena qabeessa. Yeroo duraaf tekinolojiin 'Video Assistant Referee' (VAR) jedhamuufi tapha irra deebi'e agarsiisu hojiirra oolee ture.

Murteessaan idil-addunyaa taphattoota Kostaarikaa fi Sarbiyaa yeroo gargar qaban

Madda suuraa, FABRICE COFFRINI

''Yeroo jalqabaafis ta'u kubbaan miilaa murtee haqatti dhihaatu akka kennamu godhe. Ani akka murteessaa tokkootti gammadeera.''

Murteen murteessitootaa Raashiyaatti milkaa'aa ta'u dubbata.

line

Seenaa waggoota 48

Gahee bara 2018 Baamlaak argate, waggaa 48 dura lammiin Itoophiyaa biraa argatu murteessaan kuni hima.

''Waancaa Addunyaa Meksikootti murteessaan lammii Itoophiyaa Siyyuum Taarraqany jedhaman hirmaatani turan.''

Gaaffiin namoota baay'ee meeqa akka kanfalamef gaafatanis Baamlaak garuu hanga yoonaa homaa akka quba hin qabne hima.

''Jifataa Baarseloonaa Luwis Suwaarez carraan argachuu na qaqqabeera. Yeroo hojii waan wal agarreef garuu suura waliin hin kaane. ''

Murteessitoota Afrikaa keessaa tokko ta'e filatamus Baamlaak Tasammaan hanga isaanii hin muuxanne.

Fuula duratti, kana caalaa hirmaachuu fedhii qaba.

''Tapha Waancaa Addunyaa tokko taphachiisuun qaba jedhe Raashiyaadhaa deebi'e.''