Bulchiinsi Tiraamp dawoo lammiilee Itoophiyaa 5000f kenname akka kaasu manni-murtii hayyameef

Manni murtii Ameerikaa bulchiinsi Tiraamp dawoo lammiilee Itoophiyaa 5000f kenname akka kaasu heyyameef

Madda suuraa, Getty Images

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 3

Manni murtii federaalaa Ameerikaa dawoo seeraa mirga jiraachuu fi hojjechuu lammiilee Itoophiyaa 5000 caalaniif kenneefii bulchiinsi Doonaald Tiraamp akka dhaabsisu heyyameef.

Abbaan seeraa mana murtii Booltan distriikt, Biriyaan Marfii biiroon dhimma nageenyaa biyya keessaa Ameerikaa namoota biyyoota murtaa'anii dhufaniif 'dawoo yeroo' (TPS) ajaja dhumaa akka adda hin cinne kan dhorku mana murtiitti kennan.

Tarkaanfiin kun kan fudhatame, manni murtii waliigalaa Ameerikaa Waxabajjii bulchiinsi Tiraamp bifa wal fakkaatuun dawoo lammiilee Heeytii fi Sooriyaarraa dhufaniif kennee ture adda akka citu heyyamuu booda.

Manni murtichaa Waxabajjii keessa murtoo deeggarsa sagalee olaanaa 6 fi 3 argateen abbaan seeraa 'dawoo seeraa yeroo' (TPS) lammiilee biyyoota biroo 13 irraa dhufaniif dhaabsisuu bahe mormuuf sagalee isaan dandeessisu argachuuf carraaqanis hin arganne.

Dawoon seeraa yeroo (TPS) godaantonni biyyoota kanneenii dhufanii fi ulaagaa guutan sababa namoomaan biyyarraa akka hin ari'amne eegumsa kennaaf.

Gorsaan seeraa olaanaa biiroo dhimma nageenya biyya keessaa Jeems Parsiivaal, murtoo darbe gammachuun simachuu isaanii miidiyaa hawaasaa irratti ergaa dabarsaniin beeksisan.

Asiin dura adda citanii kan turan dhimmoonni dawoo seeraa TPS hunduu amma ifatti hojiirra ooluu eegaluu ibsan.

Dawoon seeraa yeroo lammiilee lammiilee Itoophiyaaf kennamee ture adda cituusaatiin gareen mirga godaantota Itoophiyaafi Afrikaanotaaf falmu African Community Together mormii isaa ibseera.

Beeksisa bira darbii dubbisi
Instagram BBC Afaan Oromoo

Waan qe’eefi addunyaan itti jirtu suuraafi viidiyoo bareedaan argattu.

Asin nu faana bu’aa

Xumura beeksisaa

Gareen kun Kibxata murtoo dabarseen komii qabaachuu ibsa baaseen beeksise.

"Gaaga'amni Itoophiyaa keessa jiru ammallee itti fufeera, murtoon kun lammiilee Itoophiyaa kumaatamaan lakkaawaman Ameerikaa jiran balaarra buusa" jechuun daarektarri ittaanaan dhimmoota imaammataa fi ijoo Diyaanaa Konaatee himan.

Dawoon seeraa yeroo (TPS) kan kennamu balaa uumamaa, waraana ykn taateewwan hammaatoodhaan miidhama gaheen kanneen miidhamaniifi.

Ulaagaa kanneen godaantonni guutan Ameerikaa keessatti hojjetatanii akka jiraatan, akka hin ari'amne mirgaa fi eegumsa kennaaf seerri.

Bulchiinsi Pirezdaantiin duraanii US Joo Baayidan lammiilee Itoophiyaaf mirga kana kan kenne bara 2022 keessa ture. Kunis lammiilee Afrikaa balaa walitti bu'iinsa hidhannoorraa fi dararaa namoomaa irraa eegufi jedhamee akka ta'e ni eera.

Ji'a Muddee keessa ministirri dhimma biyya keessaa yeroosii Kiristii Noo'eemiin kan durfamu biiroon dhimma biyya keessaa, haalli Itoophiyaa keessaa waan foyya'eef lammiileen Itoophiyaa gara biyya isaanii yoo deebi'an yaaddoon jabaan waan isaan hin mudanneef dawoo seeraa kana kaasuuf beeksisee ture.

Marfiin tarkaanfii kana Bitootessa keessa DHS adeemsa seeraa bu'uuraa keessa darbamuu qabu maal na dhibdeedhaan dhiise jedhe, inumaa dawoo eegumsaa kana mulquuf sababa ''dogoggorsiisaa" kenne jechuun akka hojiirra hin oolle dhorkee ture.

Murtoo mana murtii waliigalaa booda, abbaan seeraa Marfiin eegumsi lammiilee Itoophiyaaf kennamu akka itti fufu ajaja biraa baasan.

Murtoo kana wayita dabarsanitti sababoota seeraa hin tuttuqamin bu'uura godhachuun waajjirri dhimma biyya keessaa eegumsa kana akka adda hin kunne dhorkaa kaawamu itti fufsiisuun ni barbaachisaa ta'uu xiinxalaa turan.

Falmiiwwan manneen murtiitti godhaman seera bara 1990, ari'uurra tursiisuu ykn aangoo adda kutuu kan kenneef abbaa alangaa waliigalaatif haleellaa Fulbaana 11, 2001 raawwatame booda waajjira dhimma nageenya biyya keessa hundaaye akka hin taane ibseeti.

Dhiyoos abbootiin seeraa falmii dhimmoota wal fakkaataa Sudaan Kibbaa, Miyaanaamaar, fi Somaaliyaa ilaallatan kuffisanii. Marfiinis Kibxata murtoo wal fakkaataa dabarsan.

Kanneenii fi gaaffilee biroo nuuf mala jedhan kan kuffisan abbaan seeraa kun, tarkaanfiin DHS heera mootummaa Ameerikaa sarbuun sanyummaa fi jibba sabumnmaan kaka'anii ta'uu fi ta'uu dhiisuu irratti falmiin akka godhamu akka heeyyaman ibsan.

Kanneen himata dhiyeessan haala yaaddessaan Itoophiyaa keessaa itti fufee jiru maal na dhibdeen irra dabran jechuun falman. Dabaluunis TPS dawoo seeraa dhowwachuun qaama lammiilee adii fi awurooppaanota hin taane biyyarraa ari'uuti jechuun isaanii