Tiraamp DV dhorkuun lammiilee Itoophiyaaf dhiibbaa akkamii qaba?

Tajaajila DV

Madda suuraa, Getty Images

Pirezidant Tiraamp haleellaa jumlaa Yunivarsitii Biraawun keessatti raawwateen namoonni lama erga ajjeefaman booda carraa lootorii Giriin Kaard (DV) jedhamu dhorkaniiru.

Nami haleellaa kanaa raawwateera jedhamee shakkamu lammiin Porchugaal DV'dhaan ture Ameerikaa kan seene.

DV'n waggootaaf karaa gabaabaa Ameerikaa keessatti eeyyama jireenyaa [Giriin Kaard] argachuuf dandeessisudha.

Pirezidantiin duraanii Ameerikaa Ronaald Reegan Ameerikaa keessatti saboonni garagaraa jiraachuu dhabuun isaan yaaddessa ture.

Biyyattii keessatti saboota daneessuuf yaadamee carraan lootorii DV qophaa'e.

Yeroo ammaa garuu baqattootaafi koolu galtoota irratti ilaalcha addaa kan qaban Pirezidant Donaald Tiraamp tajaajila kana dhorkaniiru.

Murtee kanaan lammiilee hubaman keessaa tokko lammiilee Itoophiyaati.

Gabaaasonni dhihoo bahan akka agarsiisanitti dhorkaan kuni irra jireessa dhiibbaa kan geessisu lammiilee Keeniyaa, Naayijeeriyaa, Masrii, Itoophiyaafi biyyoota Arabaa irrattidha.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Kana dura biyyoota dhorkaan irra ka'ame keessaa Baangilaadesh, Biraazil, Chaayinaa, Hindii, Paakistaan, Filippiins, Kooriyaa Kibbaafi Veetinaam keessatti argamu.

Biyyoonni maatiifi hojiif lammiilee isaanii gara Ameerikaa ergan kunneen DV'n dhorkamuu isaatti caalaatti dhiibbaa jala seenu.

Biyyoonni Afrikaafi Arabaa bulchiinsa Tiraampiin uggurri imalaa dhihoo irra ka'ame carraa DV'tiinis akka Ameerikaa hin seenne kan taasifaman jiru.

Biyyoonni Afrikaa murtee Tiraampiin hubaman keessa muraasni Itoophiyaa, Keeniyaa, Naayijeeriyaa, Gaanaa, Morookoo, Somaaliyaa, Sudaan Kibbaa fi Tuniziyaadha.

Eeshiyaa irraa Baangilaadesh, Chaayinaa, Hindii, Pakistaan, Filippiins, Kooriyaa Kibbaafi Veetinaam.

Laatiin Ameerikaa irraa immoo kan hubaman Biraazil, Kolombiyaa, Dominikaa Rippablik, El salvaador, Heytii, Honduraas, Meksikoofi Venuzuweelaadha.

Tiraamp yeroo baay'ee dhorkaa kan kaa'an yaaddoo nageenyaan eeruuni.

Carraan DV adda cituu isaan namoota miiliyoona baay'ee waggaa waggaan carraa kana yaalan yaaddoo keessa galcha.

DV'n isaan gahe kan gaaffiifi deebii eegaa jiranis dhiphachuun isaanii hin oolu.

Tiraamp garuu carraa DV dhaabuuf erga dhaadachuu eegalanii turaniiru.

Keessumaa magaalaa Niw Yoork keessatti namoonni saddeet konkolaataa fe'umsaan dhahamanii erga ajjeefaman booda tajaajilicha dhaabuuf yaalaniiru.

Haleellaa yeroosiin kan shakkame dhalataa Uzbeekistaan kan ta'e yoo ta'u, deeggaraa garee Islaamik Isteetidha.

Shakkamaan kuni carraa DV Lootoriidhaan Ameerikaa kan seenedha.

Yaadni miseensonni paartii Rippablikaanii yaadni kaasan tokko adeemsa eeyyama hojii maatii hammata dhaabuudha. Tiraampiis yaada kana ni deeggaru.

Adeemsi maatii gara Ameerikaatti fidu hafeee namoonni ogummaa isaaniin adda bahanii tajaajilli viizaa isaan simatu akka xiyyeeffannoo kennamuuf Tiraamp ni fedhu.

Godaantonni kuni sadarkaa barnoota olaanaa kan qabaniifi Afaan Ingilizii bareedaa akka dubbatan barbaadu.

Ragaan mootummaa Ameerikaa akka agarsiisutti DV bara 2026'f kanneen iyyatan keessaa lakkoofsa gara caalu kan qaban Afrikaa, Eeshiyaafi Awurooppaa irraati.

Namoonni DV iyyatan barnoota sadarkaa lammataa xumuruu qabu. Yookiin waggoota lamaan darbaniif muuxannoo hojii qabatamaa ta'e mul'isuu qabu.

Tajaajilli DV kanneen iyyataniif carraa kennuus Ameerikaan sakattaa nageenyaa ni taasifti.

Haala tokko tokkoon namoonni Ameerikaa keessa jiranis DV iyyachuu danda'u. Kunis, eeyyama hojii dhaabbataa ta'e argachuufi.

Mootummaan Ameerikaa waggaa sadi dura lammiileen Itoophiyaa eegumsa seeraa yeroo murtaa'eef kenname jala akka jiraatan wabii ta'eefii kan ture amma dhaabuunis ni yaadatama.

Ameerikaan bara 1995 irraa eegalee godaantotni karaa lootarii DV gara biyyattii akka seenan hayyamaa kan turte yoo ta'u, yeroon iyyannoo DV 2027 harkifateera.

Bulchiinsi Tiraamp iyyattoonni bara kanaa doolaara 1 akka kaffalan ibsee ture, garuu sun ammallee harkifatee jira.

Prezidaant Doonaald Tiraamp erga aangoo qabatanii as lakkoofsi godaantota Ameerikaa seenan hir'isuuf tarkaanfiiwwan adda addaa fudhataniiru.

Akkasumas godaantota waraqaa ragaa hin qabne biyyattii keessa jiran biyyaa ari'uu irrattis xiyyeeffachuun hojjechaa jira.

Waggaa waggaan Ameerikaan Afrikaa irraa (Itoophiyaa dabalatee), Eeshiyaa, Awurooppaa, Ameerikaa Kaabaa, Ameerikaa Kibbaa fi Awustiraaliyaa irraa namoota kuma 55 karaa lootarii DV gara biyya isheetti fiddi.

Lootorii Kaardii Magariisaa jedhamuun beekamu (Green Card) kun namoota biyyoota seenaa keessatti gara Ameerikaatti godaansi isaanii gadi aanaa ta'eef carraa kennamuudha.

Kongireessiin Ameerikaa sagantaa seera godaansaa bara 1990 kan hundeesse yoo ta'u, lakkoofsa biyyoota seenaa keessatti godaansa gara Ameerikaatti xiqqaa ta'e qaban guddisuuf kan yaadame.

Naayijeeriyaa irraa kan hafe biyyootni Afrikaa hunda keessatti kan dhalatan carraa kana hirmaachuu danda'u.

Sagantaan kun biyyoota waggoota shanan darban keessa godaantota kuma 50 gadi gara Ameerikaatti erganiif banaadha.

Haa ta'uu malee, erga waggoota dhiyooti asii namootni carraa argatani gaaffiif deebiif hin dhiyaatin hafan, ykn adeemsa xumuranii carraan viisaa jalaa dheeratu akka ture namootni komataa turaniiru.

Ameerikaan erga imaammata ishee alaa dhimma godaansaan wal qabatee jijjirtee as carraan kun hanga tokko dhiphataa jira.