Waa'ee carraa Lotorii DV 2026 ilaalchisee waantoota beekuu qabdan

Madda suuraa, Getty Images
Injifattoonni carraa Lotorii DV (Diversity Visa) tibbana caamsaa 3, 2025 irraa eegalee ifoomera.
Namootni carraa lotorii DV Ameerikaa Onkoloolessa 2 hanga Sadaasa 7, 2024 gidduutti guutaan abjuu isaanii gara Ameerikatti imaluu yeroo itti ilaallataniidha.
Namootni carraa isaanii hanga Fulbaana bara 2026tti ilaallachuu akka danda'an Ministirri dhimma Alaa Ameerikaa ifoomseera.
Iyyattoonni carraa DV (Diversity Visa) 2026 bu'aa isaanii ykn mo'achuu fi dhiisuu isaanii lakkoofsa mirkaneessaa isaanii dvprogram.state.gov/ESC/ qofa irratti galchuun ilaaluu ni danda'u.
Lakkoofsi mirkaneessaa kun yeroo iyyanni guutamu kan kenname yoo ta'u,kanneen akka carraa lakkoofsi kun kan jala bade 'Forgot Confirmation number' jechuun odeeffannoo barbaachisu guutuun lakkoofsa mirkaneessaa haaraa karaa iimaalii argachuu danda'an.
Carraan DV ifoomu walqabatee namootni "Lottery DV injifatteetta, Imbaasii Ameerikaa irraan bilbilaa jirra ykn Imeelii kana ergaa jirra jechuun sobaan nama gowwomsaan waan jiraniif iyyattoonni of eeggannoo akka godhanillee jedhameera.
Ministeerri Dhimma Alaa Ameerikaa namoota lootarii DV kana mo'ataniif beeksisa kallattiin hin ergu.
Haalli sirriin carraa DV 2026 injifachuu fi dhiisuun ittiin mirkaneeffamu karaa marsariitii dhabbatichaa qofadha.
Namootni carraa lotorii kana injifatanis injifannoo isaanii ibsaa jiru. Kannen carraan kun isaan qaqqabe Onkoloolessa 1, bara 2025 irraa hanga Fulbaana 30, 2026tti viizaa Ameerikaa argachuuf iyyachuu ni danda'u.
Viizaa kana argachuuf amma gara Imbaasii Ameerikaa ykn qoonsilaa biyyatti dhiyaachudhaan kan gaafifi deebii taasisan yoo ta'u carraan viisaa argachuu fi dhabuu sanaan booda kan murtaa'udha.
Namoonni kumaatamaan lakkaa'aman carraa lotorichaa injifatanii haalli viizaa dhabuudhan carraan isaani kun jalaa gubatu heddudha.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Waggaa waggaan Ameerikaan Afrikaa irraa (Itoophiyaa dabalatee), Eeshiyaa, Awurooppaa, Ameerikaa Kaabaa, Ameerikaa Kibbaa fi Awustiraaliyaa irraa namoota kuma 55 karaa lootarii DV gara biyya isheetti fiddi.
Lootorii Kaardii Magariisaa jedhamuun beekamu (Green Card) kun namoota biyyoota seenaa keessatti gara Ameerikaatti godaansi isaanii gadi aanaa ta'eef carraa kennamuudha.
Kongireessiin Ameerikaa sagantaa seera godaansaa bara 1990 kan hundeesse yoo ta'u, lakkoofsa biyyoota seenaa keessatti godaansa gara Ameerikaatti xiqqaa ta'e qaban guddisuuf kan yaadame.
Naayijeeriyaa irraa kan hafe biyyootni Afrikaa hunda keessatti kan dhalatan carraa kana hirmaachuu danda'u.
Sagantaan kun biyyoota waggoota shanan darban keessa godaantota kuma 50 gadi gara Ameerikaatti erganiif banaadha.
Haa ta'uu malee, erga waggoota dhiyooti asii namootni carraa argatani gaaffiif deebiif hin dhiyaatin hafan, ykn adeemsa xumuranii carraan viisaa jalaa dheeratu akka ture namootni komataa turaniiru.
Ameerikaan erga imaammata ishee alaa dhimma godaansaan wal qabatee jijjirtee as carraan kun hanga tokko dhiphataa jira.
Ministeerri Dhimma Alaa Ameerikaa kun kan ta'eef "filannoon lakkoofsa miseensota maatii nama carraa argate waliin godaanuu danda'an yoo rakkoo qabate, ykn dhimmootni namni filatame viizaa argachuuf ulaagaa guutuu dhabuun isaarraa kan madde" ta'uu hima.
Pirezidaantiin Ameerikaa Doonald Tiraamp marsaa jalqabaa isaanii keessatti sagantaan lootarii DV kun akka haqamuuf yaalanillee abbaan murtii bulchiinsa isaanii saganticha akka deebisee jalqabu ajajuun akka itti fufu ta'e.
Carraa lotorii DV bara darbee irratti biyyoota Afrikaa hundairraa yoo xiqqaate nama tokko lootarii kan injifate yoo ta'u, biyyootni carraa kana injifachuun sadarkaa durarra jiran Aljeeriyaa (5,526), Masrii (5,515), Sudaan (5,505), Keeniyaa (4,459), Morookoo (4,237), Kaameeruun (3,962) fi Itoophiyaa (3,674) fa'i.
Bara kana garuu namoonni meeqa carraa DV kana akka mo'atan hin ibsamiin jira.
Namni tokko carraa lotorii DV guutuuf viizaa waggoota shanan darban keessa muuxannoo hojii wagga lamaa ykn yoo xiqqaate dippiloomaa mana barumsaa sadarkaa lammaffaa fi isaa ol qabaachuu qaba.












