Qabxiilee ijoo waa'ee Buufata Xayyaaraa Idil Addunyaa Bishooftuu ijaarsisaa har'a eegale

MM Abiy Ahmad qondaalota mootummaa olaanoo waliin dhakaa bu'uuraa yoo kaa'an

Madda suuraa, PM Office

Ministiirri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahmad ijaarsa Buufata Xayyaaraa Idiladdunyaa Bishooftuu dhakaa bu'uuraa kaa'uun har'a ifatti jalqabsiisan.

MM Abiy qondaalota olaanoo waliin bakkichatti argamuun dhakaa bu'uuraa kan kaa'an yoo ta'u, buufanni xayyaaraa ijaarsi isaa ifatti eegale kun Itoophiyaan balbala geejjiba qilleensaa filatamaa akka taatu gochuuf kan kaayyeeffate ta'uu ibsan.

Fuula miidiyaa hawaasaa isaanii irratti akka ibsanitti, Bufanni Xayyaaraa Idiladdunyaa Bishooftuu ijaarsi isaa har'a ifatti eegale kun Afrikaarraa pirojektii misooma geejjiba qilleensaa isa guddaadha.

Buufanni xayyaaraa idiladdunyaa kun magaalaa Finfinneerraa km 40 irratti kan argamtu Bishooftutti kan ijaaramu yoo ta'u, ijaarsi isaa gulantaan jalqabaa yeroo xumuramu waggaatti imaltoota miliyeena 60 simata jedhame.

Ijaarsi Buufata Xayyaaraa Idiladdunyaa Bishooftuu kun guutummaatti gaafa xumuramu, Itoophiyaa qofa osoo hin taane Afrikaan buufataalee geejjiba qilleensaa filatamoo ta'an keessaa tokko akka ishee taasisu ibsan MM Abiy Ahmad.

Dabaluunis, ijaarsi buufata xayyaaraa kun gaafa xumuramu waggaatti imaltoota miliyeena 110 simachuuf dandeettii akka qabaatus himan.

MM Abiy ijaarsa Buufata Xayyaaraa Idiladdunyaaf dhakaa bu'uuraa yeroo kaa'an, Misntiira Muummee Ittaanaa Tamasgeen Xurunaa, Afa-yaa'ii Mana Maree Bakka Bu'ootaa kan ta'an Taaggasaa Caafoo, Hoji Gaggeessaa Daandii Qilleensa Itoophiyaa kan ta'an Masfin Xaasawufi qondaalonni olaanoon mootummaa biroonis argamaniiru.

Buufata xiyyaara idil-addunyaa kun Bishooftuu naannoo Abbuuseeraa jedhamutti kan ijaaramu yoo ta'u, ijaarsa kanaaf abbootiin qonaan bultoonni 2,500 akka kaafaman Daandiin Qilleensa Itoophiyaa BBCtti himee ture.

Buufanni Xayyaaraa Idiladdunyaa Boolee yeroo ammaa waggaatti imaltoota miliyeena 25 simachuu danda'a.