Daandiin Qilleensa Itoophiyaa buufata naannoo Bishooftuutti ijaaruuf qonnaan bultoonni 2,500 akka kaafaman ibse

Hojii gaggeessaa olaanaa Daandii qilleensaa Itoophiyaa Obbo Masfin Xaasoo

Madda suuraa, ET website

Daandiin Qilleensa Itoophiyaa buufa xiyyaara haaraa dhiheenya Bishooftuutti ijaarsisuun wal qabtee qonnaan bultoonni 2,500 akka kaafaman hojii gaggeessaa olaanaan dhaabbatichaa Obbo Masfin Xaasoon BBCtti himan.

Hojjii gaggeessichi abbootii warraa kaafaman 2,500f manni jireenyaa akka ijaaramuufi bara dhufaa baatii Sdaasaa keessa akka kennamuuf dubbatan.

Ijaarsi daandiin qilleensichaa buufata xiyyaara idil-addunyaa kun Bishooftuu naannoo Abbuuseeraa kunis baatiidhuma walfakkaatu Sadasa keessa akka eegalu dubbataniiru.

Buufanni xiyyaaraa Bishooftuutti ni ijaarame jedhame guddichi kunis lafa heektaaraa 3,500 irra kan bu'uu ta'u kan ibsan hojii gaggeessichi, ''qonnaann bultoonni ijaarasa kanaaf kaafaman ammoo baatii Sadaasaa keessa gara mana jireenyaa haaraatti dabarfamu'' jedhaniiru.

Obbo Masfiin dabalataanis naannichatti dhaabbileen qindeessa oomishaalee qonnaa fi daldalaa dabalatee dhaabbileen tajaajila kennan naannichatti akka ijaaraman ibsan.

Ijaarsi buufata xiyyaaraa kanaatiis waggaa afuriin booda kan xumuramu yoo ta'u, Afriikaatti buufata xiyyaaraa isa duraa akka ta'us ibsaniiru.

Buufanni haaraan Daandii Qilleessa Itoophiyaatiin Finfinneerraa fageenya kiilomeetira 40 irratti ijaaramu kunis waggaatti imaltoota miiliyoona 110 keessummeessuuf akka danda'u hojii gaggeessaa Olaanaan dhaabbatichaa ibsaniiru.

''Ijaarsi isaa boqonnaa lamaan raawwatama. Marsaa jalqabaatiin buufata imaltoota miiliyoona 60 keessummeessuu danda'utu ijaarama. Isaan booda ammoo ijaarsi buufatichii imaltoota miiliyona 50 keessumeessuu danda'u ni gaggeeffama. Ijaarsi marsaa jalqabaas bara 2029tti ni xumurama jedhamee eegama'' jedhan.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Buufata xiyyaaraa ijil addunyaa Booleetti haaluma guddinni daandii qilleensichaa haaluma dabaluun hojiiwwan babal'isuu gaggeeffamaa ture. Ammattis dandeettii dhumaa waggaatti imaltoota miiliyooan 25 keessummeessuurra irra gahuu dubbatan Obbo Masfin.

Buufanni xiyyaaraa haaraan naannoo Bishooftuutti ijaaramu kunis buufata Boolee waliin karaa daandii saffiisaa fi baabuuraatiin akka wal qunnamsiifamu ibsaniiru.

Daandiin Qileensa Itoophiyaa Baankiin Misooma Afriikaa waliin ijaarsa buufata daandii qilleensaa haaraa kanaaf waliigaltee doolaara biiliyoona 7.8 waliin mallatteessaniiru.

Hojii gaggeessaan daandii qilleensichaa Obbo Masfiin Xaasoo af-gaaffii BBC waliin taasisaniin, daandiin qilleensichaa balaliisan gara biyyoota Afriikaatti taasisuun kanfaltii olaanaa kan kanfalchiisu sababii kanfaltii olaanaa biyyoonni keessummeessanii fi baasii bobaatiin ta'u ibsan.

Biyyoonni daandii qilleensichaa keessummeessan maallaqa olaanaa akka gaafatan kaasuudhaan ''gatiin boba'aa afrikaatiif olaanaadha'' jedhan Obbo Masfin.

Itti dabalunis kanaan wal qabatee, baha jidduugalaatti, Awurooppaa fi Eshiyaa waliin yoo wal bira qabamu gatiin olaanaa ta'usaatiif akka sababaatti kaasaniiru.

Qaraxni gatii tikeettii irratti daandiiwwan qilleensaa Afriikaa irra kaa'amu garuu kan naannoolee biraatti hin jirree gatii tikeettii qaa'ii taasisuu dubbatan.

Daandiin Qilleensa itoophiyaa bara darbe keessaa galii doolaara biiliyoona 7 argachuu beeksiisuun isaa ni yaadatama.

Haala karoora waggaa 10 dura baaseetti, bara bajataa kanatti doolaara biiliyooan 10 argachuuf kan karoorse ta'us, garuu galiinsaa doolaara biiliyooan 8 akka gahu tilmaamameera.

Daandiin Qilleesa itoophiyaa waggaa 78 lakkoofsiise abbaa qabeenyaa xiyyaaroota imalaa hammayyaa'oo 150 yoo ta'u, xiyyaaroota haaraa 100 dabaltaan bituudhaaf ajaja kennuu odeeffannoon marsariitiin dhaabbatichaa irraa argame ni mul'issa.