Nannoo Amaaraatti mariidhaaf ajandaa kan dhiyeeffate garee hidhataa Faannoon alaa ta'uun ibsame

Madda suuraa, National Dialogue Commission/FB
Ajandaa marii walitti qabuu Komishinarii marii biyyaaleessa Itoophiyaa naannoo Amaaraatti taasiseen garee hidhataa Faannoon alaa tokko deebii argachuudhaaf ajandaa galfachuu walitti qabaan Komishinarichaa BBCtti himan.
Pirofesar Masfin Arayaa, walitti qabaa Komishinarii marii biyyaaleessa Itoophiyaa, gareen hidhataa kunis sababiiwwan gara qabsoo hidhannootti isa galche gaaffiiwwan ajandaa marii godhachuudhaan gara marii komishinichaa dhaquusaanii ibsan.
Komishinarii marii biyyaaleessa Itoophiyaa Ebla 5 hanga 12, 2025tti ajandaa walitti qabuu naannoo Amaaraa magaalaa Baahirdaariitti gaggeessee irratti paartiileen siyaasaa, qaamooleen mootummaa, namoonni bebekkamoon, bakka bu'oonni hawaasaa fi dhaabbileen adda addaa akkasumas bakka bu'oonni waldaalee hirmaachuun ibsameera.
Adeemsa kanarrattis gareen hidhataa naannicha keessa socha'u tokko Komishinarii marii biyyaaleessa Itoophiyaaf ajandaa gaaffilee qabata galfachuu walitti qabaan komishinarichaa Pirofesar Masfin Arayaa dubbatan.
Walitti qabaan kunis, gareen hidhataa kanneen naannicha keessa socha'an keessaa tokko jedhaniin kunis, gaaffiilee akka ajandaatti kan dhiyeesse ''yoo sirriin irratti mari'atamee waliigalte irra kan gahamu ta'e qabsoo hidhannoosaa dhiisuun ni danda'ama amantaa jedhun'' ta'uu BBCtti himan.
Pirofesar Masfin itti dabaluudhaan ajandaan garee hidhataa kun dhiyeessee ''kan gaaffiilee heera mootummaa keessatti gaafatamu qaban kan hammate'' ta'u kaasuudhaan, gaaffii gareen kun gaafateera jedhame ibsuu irraa of qusataniiru.
Gareen hidhataa kunis kan hidhattoota hedduu qabuudha kan jedhan Pirofesar Masfiin, garuu qaama garee Fannoo naannicha keessa socha'u akka hin taane dubbataniiru.
Gareen hidhataa gaaffii komishinichatti dhiyeeffateera jedhame kunis waa'ee komishinichaa baruudhaaf irra dedebiin yaalii taasisaa akka ture kan himan Pirofesar Masfiin, ''dhumarratti komishinicharratti amantaa waan uumateef sababii kanaatiin ajandaawwan isaa ergateera'' jedhan.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Naannoo Amaaraa keessaa Faanoon alatti of danda'anii socha'aa kan jiran gareewwan hidhattootaa hedduun jiraachu kan dubbatan walitti qabaan kun, gareen ajandaa marii komishinichatti dhiyeeffates ''Faanoon ala kan jiru ta'u mirkana'' ta'u BBCtti himaniiru.
Eenyummaa garee hidhataa kanaa dubbachuuf hayyamamoo kan hin taane Pirofesar Masfiin, sababin isaas ''enyummaa saanii himu kan dandeenyee yoo isaan irraa hayyama arganneedha'' jedhan.
Haata'u malee gareen hidhataa eenyu akka ta'e akka hin ibsineef akka hin gaafatamne kaasuudhaan, isaan waa'ee enyummaasaanii ibsuu yoo barbaadan gochuu akka danda'an akka itti himame kaasan.
Komishiniin marii biyyaaleessaa naannoo Amaaraatti ajandaawwan hedduu walitti qabuu kan dubbatan Pirofesar Masfiin, naannichaa ammas qaamooleen adda addaa ajandaa dhiyeessaafii jiraachu ibsan.
Adeemsi ajandaa walitti qabu kunis erga naannoo Tigraay, diyaaspooraa fi federaala irraa walitti qabuun xumuranii booda wal duraa duubasaa hordofee booda ifa akka taasisan kan dubbatan walitti qabaan komishinarichaa, isaan dura eenyuu ajandaa attamii akka dhiyeesse akka hin ibsine himaniiru.
Komishiniin marii kunis walitti qabuu ajandaa kutaalee biyyattii garaa garaa keessatti taasiseen, gaaffiileen eenyummaa, bulchiinsaa fi daangaa, bulchiinsa teessuuma lafaa bu'uurreeffate, haqa, heera mootummaa, alaabaa fi kan kkf ilaalatan walitti qabu Pirofesar Masfin dubbataniiru.












