'Boordiin Nagaa' Gaazaa Tiraamp Dolaara Biliyoona 1 kaffaluuna miseensa itti ta'anii maalidha?

Madda suuraa, EPA
Karoorri Boordiin Nagaa Gaazaa Pirezidant Doonaald Tiraamp dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniitiin fudhatama kan argate ture. Qaama Karoora Nagaa kanaa kan ta'e 'Qaamni Ce'umsaa Haaraa Idil-addunyaa; ammoo falmisiisaa ta'eera.
Miseensa hoji-raawwachiiftuu 'Boordii Nagaa ta'uun kan filataman keessaa tokko Ministirri Muummee duraanii Yunaayitid Kingidam Toonii Bileeyer keessatti argama.
Toonii Bileeyer ammoo weerara bara 2003 Iraaq irratti raawwatame deeggaruun himatama.
Boordii kana keessa namni Filisxeem ta'e tokkollee hin jiru.
Miseensa Dhaabbataa Boordii kanaa ta'uuf ammoo Dolaara Biliyoona 1 kaffaluu barbaachisa jedhamuun gaaffee kaaseera.
Boordicha keessatti gaheen dhaabbati Biyyoota Gamtoomanii (UN) qabaatus falmisiisaa ta'eera.
Boordiin Nagaa kun eentuuf waamicha taasisee?
Hoggantoonni biyyoota addunyaa baayyee miseensa Boordii kanaa akka ta'aniif waamichi dhiyaateeraaf.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Akka gabaasaaleen agarsiisanitti, gaggeessitoonna harmaan gaditti tarreeffaman warreen waamichi isaan gahe keessaati.
Ministira Muummee Awustiraaliyaa Antoonii Albaaneez
Pirezidantii Biraazil Luwiiz Inaasiyoo Daa Silvaa
Pirezidantii Qophiroos Nikoos Kiriistduliides
Pirezidantii Masirii Abdella Fattaah Al- Siisii
Komishinarii Gamtaa Awurooppaa Ursulaa Von Der Laayin
Ministira Muummee Giriik Kiriyaakos Mitisootaakis
Ministira Muummee Indiyaa Naarendiraa Moodii
Ministira Muummee Yordaanos Jafaan Hasan
Pirezidantii Paakistaan Asiif Alii Zaardaarii
Pirezidantii Polaand Kaarol Naawurookii
Pirezidantii Raashiyaa Vilaadmiir Puutin
Pirezidantii Turkii Ressiip Taayib Erdohaan
Ministira Muummee Yunaayitid Kingidam Sar Kiir Istaarmar
Ministira Muummee Niiwu Ziilaand Kiristoofar Luukseniim waamichi kan dhiyaateef yoo ta'u, "dhimmicha akka qoratan" ibsaniiru.
Ministeerri dhimma alaa Taayilaandis gadi fageenya waamicha kanaa tokko tokkoon akka ilaalaa jiru beeksiseera.
Biyyoota torba biroo dabalaman
Biyyoonni torba kan Sa'ud Arabiyaa, Turkii, akkasumas Masiriin keessa jiran Boordii Nagaa Doonaald Tiraamp dhiyeessanitti akka makaman ibsa waloo baasaniin mirkaneessaniiru.
Akka hirmaatti Roobii kan ifatti beeksifte Isaa'elitti akka makaman ibsaniiru.
Gareen biyyoota garri caalaan ummanni biyyasaanii Musliima ta'anii ibsa kana keessatti maqaa dha'aman Sa'ud Arabiyaa, Turkii, Masirii, Yordaanos, Indneezhiyaa, Paakistaan fi Qaataar jedhameera.

Madda suuraa, EPA
Waayit Haawus maqaa miseensota bulchiinsi Traamp "Boordii Nageenyaa" haaraa Gaazaaf hundeessan jedhe baasee jira.
Pirezidaantiin Ameerikaa Doonald Tiraamp dura taa'aa boordii kanaa ta'uun bulchiinsa Gaaza deebisanii ijaaruu kan toa'atan yoo ta'u, kunis qaama karoora qabxii 20 qabu waraana Israa'elii fi Hamaas gidduu jiru xumuruuf qabaniiti.
Boordichi bulchiinsa Gaazaa yeroodhaaf to'achuu fi deebisanii ijaaruu isaa hogganuuf itti gaafatamummaa ni qabaata.
Tokkoon tokkoon miseensi boordii hojii raawwachiiftuu itti gaafatamummaa fi hojii ''tasgabbii Gaazaatiif murteessaa ta'u'' ba'u jedhamee egamaa jedhe, Waayit Haawus.
Garuu itti gaafatamummaa fi aangoon isaan maal akka ta'e ammatti ifa miti. Bordiwwaan eeraman keessattis dubartoonni hanga ammaatti hin beeksifamne.
Kanneen ifooman eenyu fa'i?
Toonii Bileer
Ministirri Muummee duraanii Yunaayitdi Kingidam Toonii Bileer yeroo dheeraaf miseensa "Boordii Nagaa" Tiraamp ta'uu danda'u jedhamee dubbatamaa ture.
Pirezidaantiin Ameerikaa ji'a Fulbaanaa keessa Toonii Bileer qaama nagaa kana keessatti makamuuf fedhii qabaachuu isaanii mirkaneessaniiru .
Hogganaan Paartii Labarii duraanii kun bara 1997 hanga 2007tti MM UK turan.
Bara 2003tti biyyattii waraana Iraaq keessa galchuun maqaan isaanii kan kaafamu yoo ta'u, murtoon kun namoonni tokko tokko boordii kana keessatti argamuun isaanii akka falmisiisaatti ilaalu.
Erga aangoo gadhiisanii booda bara 2007 hanga 2015tti ergamaa Baha Giddu Galeessaa ta'uun humnoota idil-addunyaa Kuwaarteetii - Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii, Gamtaa Awurooppaa, Ameerikaa fi Raashiyaa - ta'uun tajaajilaniiru.
Tooniin miseensa boordii hojii raawwachiiftuu hundeeffaman keessaa kan lammii Ameerikaa hin taane isa qofaadha.
Kanaan dura karoora Tiraamp Gaazaaf qaban ''waraana, gadadoo fi gidiraa waggoota lamaa xumuruuf carraa hunda caalu'' jechuun ibsaniiru.
Maarkoo Ruubiyoo

Madda suuraa, Getty Images
Akka Ministira Dhimma Alaa Ameerikaatti, imaammata alaa bulchiinsa Tiraampitti dhihaatu keessatti Maarkoo Ruubiyoon nama ijoodha.
Tiraamp gara aangootti osoo hin deebi'iin dura Ruubiyoon dhukaasa dhaabuu Gaazaatti kaa'ame mormuun Israa'el ''qaama Hamaas hunda akka balleessitu'' akka barbaadu dubbatan.
Garuu ergasii waliigaltee dhukaasa dhaabuu Israa'el fi Hamaas marsaa jalqabaa Onkoloolessa keessa mallattaa'e karoora "isa hunda caalu" fi "tokkicha" jechuun jajateera .
Akkasumas, ji'a Waxabajjii keessa Ruubiyoon tarkaanfii paarlaamaan Israa'el gara West Baank dhuunfatame ofitti makuuf fudhate qeeqeera .
Istiiv Wiitkoof
Ergamaan addaa Ameerikaa Baha Giddu Galeessaa Istiiv Wiitkoof, nama qabeenya qabuu fi michuu goolfii Tiraamp ta'anis boordii kana keessatti filatamaniiru.
Jalqaba baatii kanaa Wiitkooof karoora Tiraamp waraana Gaazaa xumuruuf qaban marsaa lammaffaa jalqabuu isaanii kan beeksisan yoo ta'u, Gaazaa deebisanii ijaaruu fi guutummaatti waraana irraa bilisa taatee akka argu dubbataniiru.
Kunis Hamaas hidhannoo hiikkachuu dabalateeti.
Itti dabaluudhaanis, Hamaas waliigaltee kanaan ''dirqama isaarraa eegamu guutummaatti akka raawwatu'', yookaan ammoo ''balaa hamaan'' akka isa mudatu sodaachisaniiru.
Wiitkoof waliigaltee nagaa Raashiyaa fi Yukireen gidduutti mari'achuuf tattaaffii Ameerikaan durfamu keessatti nama marisisu ta'ee ture.
Jaared Kushner

Madda suuraa, EPA
Jaared Kushner, abbaa warraa intala pirezidaantii Ameerikaa ykn soddaa Tiraamp. Marii imaammata alaa bulchiinsi Tiraamp geggeessaa ture keessattis gahee olaanaa taphateera.
Kushner Wiitkoof cinatti yeroo baayyee waraana Raashiyaa fi Yukireen fi Israa'el fi Gaazaa irratti mari'achiiftota Ameerikaa ta'uun hojjechaa tureera.
Ji'a Sadaasaa keessa MM Israa'el Beeniyaamin Netaaniyaahuu waliin wal arguun qabxiilee ijoo waliigaltee nagaa kana keessatti ibsaman irratti mari'ataniiru .
Bara 2024 Yunivarsiitii Haarvaarditti haasaa taasisaniin, Kushner ''namoonni misooma irratti yoo xiyyeeffatan qabeenyi qarqara bishaanii Gaazaa baayyee gatii guddaa qabaachuu danda'a'' jedhan
Maark Roowaan
Dureessi Maark Roowaan hoji gaggeessaa olaanaa dhaabbata dhuunfaa guddaa kan teessoo isaa Niiw Yoorkitti godhate Apollo Global Management ti.
Roowaan marsaa lammaffaa bara bulchiinsa Tiraamp irratti ministeera maallaqaa Ameerikaa ta'a jedhamee egamaa ture.
Ajaay Baangaa

Madda suuraa, AFP via Getty Images
Pireezidaantiin Baankii Addunyaa Ajaay Baangaan ogummaa isaanii keessatti Pirezidaantii Baaraak Obaamaa dabalatee namoota siyaasaa olaanoo Ameerikaa hedduu gorsaa turaniiru.
Bara 1959 Hinditti kan dhalate Baangaan bara 2007 lammii Ameerikaa kan ta'an yoo ta'u, boodarra waggoota kurnan oliif hoji gaggeessaa olaanaa dhaabbata Mastercard ta'uun tajaajilaniiru.
Pirezidaantiin duraanii Ameerikaa Joo Baayiden bara 2023tti Baankii Addunyaa akka hoogganan kaadhiman.
Roobart Gabri'eel
Gorsaan nageenya biyyaalessaa Ameerikaa Roobart Gabri'eel miseensa dhumaa "boordii hojii raawwachiiftuu hundeessaa" ta'a.
Gabri'eel erga duula filannoo pirezidaantummaa bara 2016 Tiraamp waliin hojjechaa kan ture yoo ta'u, yeroo muraasa booda akka PBS gabaasetti gorsitoota ijoo yeroo ammaa Tiraamp keessaa kanneen biroo Isteefan Miilar gargaaraa addaa ta'aniiru.
Roobart Gabri'eel
Gorsaan nageenya biyyaalessaa Ameerikaa Roobart Gabri'eel miseensa dhumaa "boordii hojii raawwachiiftuu hundeessaa" ta'a.
Gabri'eel duula filannoo pirezidaantummaa bara 2016 Tiraamp waliin hojjechaa kan ture yoo ta'u, yeroo muraasa booda garagaaraa gorsitoota ijoo yeroo ammaa Tiraamp Isteefan Miilar ta'uun hojjatu.
Nickolay Meladenov
Ibsi Waayit Haawus kun nama siyaasaa Bulgaariyaa fi ergamaa duraanii Baha Giddugaleessaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii kan turan Nickolay Mladenov bakka bu'aa boordii kanaa Gaazaatti akka ta'us ibseera.
Koree teeknikaa Filisxeem miseensota 15 qabu adda ta'e, koree biyyoolessaa bulchiinsa Gaazaa (NCAG) kan bulchiinsa guyyaa guyyaa waraana booda Gaazaa bulchuuf itti gaafatamummaa qabus ni to'ata.
NCAG'n kan hoogganamu Ali Shaath, itti aanaa ministeera duraanii Abbaa Taayitaa Filisxeem (PA) kan kutaalee West Baankii dhuunfatame to'annoo Israa'el jala hin jirre bulchu, koree haaraa sana ni hooggana.















