Ispeeshaalistii Itoophiyaa, Hinditti kaansariirraa tiruu obboleessi arjoomefiin fayye

Madda suuraa, Dr Horaa Teedisoo
- Barreessaa, Abreham Birru
- Gahee, BBC News Afaan Oromoo
Lammiileen Itoophiyaa dhibeewwan garaagaraatiif tajaajila yaala fayyaa barbaacha biyya alaatti imalan heddummachaa jiru.
Itoophiyaan dhaabbilee tajaajila fayyaa sadarkaa olaanoo akkasumas ogeeyyii fayyaa ispeeshaalaayiz godhan baay'ee horattullee tajaajiloonni fayyaa biyyattiin dhiyeessuu hin dandeenye ammallee hedduudha.
Sababa kanaan lammiileen biyyattii biyyoota alaa deeman xiqqoo miti. Imalli gara alaatti tajaajila yaalaa barbaacha lammiileen godhan immoo obsa fixachiisaa, baasii guddaa kan gaafatuu fi qormaata hedduun kan guutamedha jedhu kanneen tajaajila akkasiif biyyarraa godaanan.
Ofii lammiilee Itoophiyaa yaalawwan akkamii fa'iif biyya alaa deemu?, tajaajilli kun bu'aa bayiiwwan akkamiifaa qaba?, xiyyeeffannaan damee kanaaf biyyattiin kennite hoo maal fakkaata? Gabaasni BBC kun bal'inaan ilaaleera.
'Jireenyi kiyya asirratti dhaabbata jedheen of amansiise'
Dr Horaa Teedisoo, ispeeshaalistii dhibee keessoo ti. Waggaa lamaan har'aati osoo nagumaan hojiisaa hojjechaa jiruu Kaansarii tiruutiin qabamuu isaa bare. Kaansariin tiruu vaayirasii Hepatitis B jedhamuun dhufa.
Wayita dhibee kana ofirratti baru sadarkaan dhibee kanaa ulfaataa fi mallattoolee ariifachiisoo ta'an irratti mul'isuu kan yaadatu Dr Horaan, duraan vaayirasichi narra turus mallattoo hin agarre. Ariitiin muddamatti na naqe jedha.
"Akka ogeessatti of amansiisuuf yaalus, garuu akkuma nama kamiituu dhibamuu kiyya yoon baru, rifachuu, abdii kutachuu, waan ta'u wallaalu, maaltu ittaana kan jedhu beekuu wallaaluu, raata'uu kana akkuma miira nama kamiituu qabaachuutu ture" jedha.
Hunda caalaa immoo dhibeen kun kaansarii ta'uu beekuun daran akka isa rifaasise hima.
"Dhibeen kun kaansarii ta'uu yoon beeku, wanti natti dhagahame [kaansariin tiruu hireen irraa hafuu dhiphaa waan ta'eef], yeroon itti du'u ykn jireenyi kiyya asirratti dhumata jedhee of amansiisuu [of sobuu keessaa bahee, yeroon kun kana booda abdiin hin jiru] kan jedhu ture."
Yaaddoo fi rifaatuu hammeenya dhibee kanaan walqabaturraan kan ka'e, waldhaansa biyya alaatiinillee fayyuu akka hin dandeenye sodaan natti uumame jedha.
Lammata baasii olaanaa yaalli biyya alaa gaafatuufi qophii gahaa waan hin qabneef Kanarraa ka'uudhaan hanga lubbuun na keessa jirtu maatii fi ijoollee koo waliin dabarsuun qaba kan jedhun murteesse jedha.

Madda suuraa, Dr Horaa Teedisoo
Hakiima taatee dhukkubsataa yaaluu vs hakiimaa taatee dhibamuu
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Hakiima ta'anii dhukkubsachuun, miira akkamii qaba? Dr Horaan waan himu qaba.
"Hakiima taatee yoo dhibamaa biraa yaaltu akkuma hojiiti. Akkuma poolisiinis hojii isaa hojjetu, akkuma barsiisaa jechuu dha. Garuu hojiin hakiimummaa xiqqoo miira naatoo agarsiisuus ni gaafata. Garuu, miira san hunda fuutee manattiin hin galtu. Garuu hakiima taatee yoo dhibamtu [iyyi gara kan kee yoo garagalu] miirri isaa xiqqoo ulfaataa dha.
Lammata immoo dhibee akkasii ulfaataa yeroo dhibamtu nama biraa caalaa hireen du'uu baldhaa dha. Qorsi naa kennamu kun qorsa na fayyisuu miti, qorsa yeroo bitachuuti abdii hin qabuu, Saayinsii dhibamaaa biraa irratti hojiirra oolchitu san ofirratti hojiirra waan oolchituuf miirri abdii kutannaa guddaa dha jedhee yaada"
"Dhibeen sun akkam akka nama godhu, akkam akka nama galaafatu, waan hakiimni si cinaa dhaabatee mari'atu beekuun mataa isaatuu xiqqoo miira dhibamaa biraa irraa adda ta'e ykn akkaataa laalama isaa akka adda ta'etti laalun feesisa jechuu dha. Isan baradhe. Sun ilaalcha kiyyarratti waan baay'ee jijjiireera:
Vaayirasiin Hepititus B kun baldhinaan hawaasa keenya keessa jiraachuu dubbata. Nama kudhan keessaa nama namni tokko [Uuummata Itoophiyaa keessaa namni miliyoona kudhan ol ta'utu] dhibee kana qaba jedha.
"Garuu namni mallattoo ofirratti beeku nama xiqqaadha. Hireen sadarkaa kaansarii tiruurra gaaf gahee [tiruun dadhabe] hiree yaalamee fayyuu isaa xiqqaa dha.
Kanaaf dhibee hamaa ta'uu isaa ta'uu baradheera. Dhukkubsachuun immoo qaamaan dhibamuu qofa osoo hin taane immoshinaan(miiran dhukkubsachuu) akka ta'en bare.
Dhukkubsachuu keessatti namni kophaa isaa akka hin taane, maatii waliin akka dhibamu, hawaasa, hiriyaan, hundi nama waliin akka dhibamu bifa haarawaan akka laalu na godhe jechuu dha."
Biyya alaa deemuuf baatii tokko natti fudhate
Dirmannaa hiriyoonni, barattoonni isaa fi hawaasaatiin tumsi qabeenyaa godhameefii gara biyya Hindii deeme. imalli kun garuu laayyootti hin milkoofne.
"Baatii tokko natti fudhate. San keessatti dhibeen muddaa ture. Hanga dhiiga hoqqisuu, dhiiga na baasuutti, of wallaalutti, hirriba dhabuu, namas adda baasuu sadarkaa hin dandeenye gaheet asii deeme jechuu dha."
Biyya Hindii magaalaa Chenaayi jedhamtutti 'Rela Institute and Medical center' yaalli tiruu bakka buusuu (liver transplantation) kan godhameef Ispeeshalistiin dhibee keessoo kanaaf.
BBC - Gara biyya alaa deemuuf maaliif baatii tokko sitti fudhate?
Dr Horaa - Gara biyya alaa deemuudhaaf dursa adeemsawwan biyya kana keessatti dhumachuu qaban, nama qaama siif kennu adda baafachuu, lammata nama sii kennu kana qorannoo taasisanii booda ulfaataa kan ture kakuu qaama ofii kennuu (affidavit) jedhamu [galmeessa ragaalee bu'uuraatti qaamaa ofii namni namaa kennu maatii ta'uu qaba, fedhiin isaa jiraachuu qaba, haadha manaa yoo qabaate haati manaa fedhiisaa agarsiisuu qabadi, mallatteessuu qabdi), wantoonni kunniin ministeera dhimma alaa, baankii, dolaara argachuu, boordiin isaa galmeessa ragaalee bu'uuraatiin mirkanaayee gara ministeera dhimma alaatiin Imbasiin Viisaa argachuun kunniin hundi salphatti kan dhumu miti.
Ani inumaa nama hiree qabeessa, ogeessa fayyaas waan ta'eef hedduun na gargaaruuf fedha qabaataa waan turaniif hiree kana argadhee ji'a tokko sanattuu naa ariifate jechuu dha. Namoonni baay'een hiree kana hin argatani, hin arganne." jedha.
Biyya Hindiittillee adeemsi hanga yaala argachuu ture obsa fixachiisaa turuu yaadata.
"Indiyaallee dhaqee ji'a tokkoo fi torban tokko natti fudhateera. Maaliifii, biyya sanittillee adeemsawwan seeraa dabruu qaban: kan mana murtii, kan ragaa asii argame kana walitti fidan baay'een waan jiruuf akkuma asii torban shanan wayii natti fudhate."

Madda suuraa, Dr Horaa Teedisoo
'Tiruu obboleessa kiyyaatiniin fayye'
"Dura obboleessa koo hangafaatu tiruu isaa akka naa kennu na waliin imale. Booda achi gaaf geenyu umriisaa fi haalli tiruu cooma (gabbina qaamaa waan qabuuf) hin ta'u jedhame. Achi booda obboleessa kiyya xiqqaa akka dhufu godhame.
"Tiruu obboleessa kiyya xiqqaa baatii tokkoo fi torbaan tokko [guyyoota 35] ergan turee booda biyya Indiyaa ICU keessatti erga dabarseen booda xiqqoo fooyya'iinsi argamee jennaan hiree obboleessa kiyyarraa tiruu qooddachuu argadhe jechaa."
Fayyummaan isaa fi obboleessa isaa yeroo ammaa haala gaariirra jiraachuu dubbateera Dr Horaan.
Qoricha yeroo hunda ni fudhata. Ji'a jahaanis cheek aappiidhaaf gara Hindii ni imala.
Lammiileen Itoophiyaa yaala dhibeewwan akkamiitiif biyya alaa deemu, qormaata akkamiimmoo keessa darbu?
BBC: Biyya keessatti yaalamuu hin dandeessu turee?
Dr Horaa: Waldhaansi tiruu bakka buusuu (liver transplantation) biyya keessa hin jiru gabaabumatti. Sana qofa osoo hin taane waldhaansi kalee bakka buusuu haga tokko biyya keenyatti eegalamee ture Hospitaala Phaawuloositti sunilee dhaabbataadhaan idilaawee akka gaariitti sagantaan isaa fiixa kan bahe miti. Garuu, jalqabbiin gaggaariin ni jira.
Kan biraa kalee qofa osoo hin taane somba bakka buusuuf, onnee bakka buusuuf, bakka buusuu qofa osoo hin taane yaalumti biraas kanneen akka Immiyunooteeraappii, taargeetid teeraappii, boonmaaroo tiraansiplaanteeshin (dhuka lafee bakka buusuu), kaansarii dhiigaatiin wal qabatee tajaajilli kunneen biyya keessa hin jiru.
Dhabamuu qofa osoo hin taane tajaajiloonni kunneen ICU gahaa, ogeessa gahaa, Diyaaginoosisii (mala ittiin beekan) gahaa, mala ammoo ittiin erga hojjetamee booda yeroo muddamaa ittiin dabarsan [infeekshiniin akka wal hin arganne (qoricha baayee waan fudhatamuuf)], kanneeniin hundaan waan wal qabatuuf biyya keessatti waan milkaawuu danda'uu miti jechuu dha.
Ana qofa osoo hin taane namoonni baay'een kan biyya alaa bahan osoo damdamachuu danda'anii tokko sababa horiitiif, lama sababa nama qaama kennuuf dhabuutiin, hubannoo dhabuunillee hawaasni keenya baay'een hiree kana dhabee du'a.
Lammiileen Itoophiyaa yaala dhibeewwan akka : Onnee fi ujummoo dhiigaa (cardiology), kaansarii (oncology), lafee fi maashaa (orthopedics), qaama bakka buusuu (transplantation), wal hormaata fayyaan (infertility) fi kkf waliin wal qabataniif biyya alaa akka deeman ragaan ministeera fayyaa Itoophiyaa ni mul'isa.
Indiyaan, Tarkiin, Jarmanii, Taayilaandi, Ameerikaa fi Afrikaan Kibbaa biyyoota tajaajila kana barbaacha deemani
Hanqina dawoo seeraa fi qormaatawwan yaala biyya alaa
Dr Horaan, yaala biyya alaa lammiileen barbaadaniif dawoo seeraa dabalatee bu'aa bayiin lammiileen Itoophiyaa dabarsan baay'ee ta'uu BBC'tti himeera.
"Sirna qaama walii kennuu (bakka buusuu) irratti biyyi kun dawoo seeraa qabaachaa hin turre.
Inni lammeessoo fi guddaan horii dha. Dolaara argachuun mataan isaa ulfaata dha.
Hubannoonillee rakkoo dha. Kanneen humnaa fi hiree qabanillee osoo gargaaramuu danda'an sababa hubannootiin kan lubbuun darban jiru."
Medikaal kominitiin (Ogeeyyii fi hojjettootni fayyaa) keenya birallee rakkoon hubannoo waan qabaniif filmaata akkasii kennuun baay'ee baramaa akka hin taane dubbata.
"Roodmaappiin duraan hin turre Itoophiyaa 'Wiirtuu Meedikaal Tuurizimii' goona jedhamee hanga bara 2025-2034 roodmaappiin yeroo dheeraa hojjetameera.
Roodmaappiin kun hojjetamullee roodmaappii kana lafarra buusuun waan gulantaa gulantaan itti deemamu ta'ullee inni guddaan tokko dawoon seeraa hiikuu dha.
Namni qaama isaa akkamiin namaaf kennuu danda'a kan jedhu sirneessuu barbaachisa. Lammaffaa hubannoo uumuu dha. Namni qaama isaa namaaf kennee lubbuun oolchuu akka danda'u hubannoo uumuu. Inni biraa bu'uuraalee misooma fayyaa tajaajila kana biyyatti dhiyeessuu dandeessisu kanaaf maluu ijaaruu.
Meeshaalee fi leenjiin humna namaa murteessaa dha. Ogeessa kanaaf ramadanii leenjii yeroo dheeraa, gabaabaa wal faana narsiirraa, sarjiinii, ogeessa fiiziyooteraappii, niwutireeshinii, saayikooteraappii hunda sirna yaala fayyaa cimsaa faana deemuu barbaachisa."
Faawundeeshinii Kaansarii Itoophiyaatti

Madda suuraa, Aadde Lalisee Dhugaa
Komishinarri Komishinii Tuurizimii Oromiyaa Lalisee Dhugaa dhibee kaanseriin qabamanii biyya biyya alaatti yaalamaa kan jiran yoo ta'u, gaafffii fi deebii Sadaasa darbe BBC waliin tolchaniin, kaayyoo Faawundeeshinii Kaansarii hundeessuu akka qaban dubbatanii turan.
"Gara fuulduraatti Waaqayyo na fayyisee gara biyya koo yoon deebi'e, Faawundeeshinii namoota dhibee kaansariitiin waldhaansoo wal qaban gargaaru hundeessuun fedha.
Namoonni kunneen qabeenya hin qabani. Akka koo carraa hin qaban. Ani karaa dhaabbata abbaan warraa koo keessa hojjetuu inshuraansii fayyaan qaba, mootummaanis na deeggara. akka maatiitti rakkoo diinagdee hin qabu waanin hin qabneef malee gama faayinaansii waan salphaa miti.
Yoo waaqayyo jedhee nagaan deebi'e faawundeeshinii akkasii hundeessuf yaadaan jira. kanaafis kadhachaan jira." jedhu Komishinar Laliseen.
Aadde Lalisee Dhugaa waggoota shanii oliif Komishinara Komishinii Turizimii Oromiyaa tahuun hojjechaa jirti.
Maqaan 'Visit Oromiyaa' yeroo ka'u maqaan Lalisee Dhugaa biraa hin hafu. Isheenis dhibameera jettee hin ciisne.
Yaalii ulfaataa kaanserii osoo fudhachaa bakka jirtu Joordaanitti cinumatti biiroo mijeeffachuun hojjechaa oolti.
Itoophiyaa fi Medikaal Tuurizimii

Madda suuraa, Ministeera Fayyaa Itoophiyaa
Karoorri guddaan Itoophiyaa 'Wiirtuu Meedikaal Tuurizimii' gochuu qophaayera.
Karoorri tarsiimawaa biyyoolessaa kun 'Ethiopian Medical and WellnessTourism Strategic Road Map 2025-2034 G.C' jedhama.
Kaayyoo jajjabaa lama qaba. Lammiileef tajaajila fayyaa qulqullina olaanaa dhiyeessuu yoo ta'u tajaajila yaala fayyaa lammiileen biyyoota alaatti imaluuf dirqamsiisu biyya keessatti dhiyeessuu dha.
Akka hedame Itoophiyaa 'wiirtuu tuurizimii meedikaalaa fi fayyummaa gochuun dararaa fi baasii lammiileen biyyoota alaatti baasan kan oolchu qofa osoo hin taane ba'aa hedduu biyyaa fi hawaasarraa kan buusu ta'uu muuxannoo ofiirraa ka'uun hima Dr Horaan.
"Gatiin ani waldhaansaaf Indiyaatti baase, osoo yaalli akkasii biyya keessa jiraatee namoota dhibee akka koof saaxilaman kudhan fayyisuu danda'a.
Akka ragaan ministeera fayyaa Itoophiyaa mul'isutti waggaatti lammiileen Itoophiyaa dhukkubsatanii tajaajila yaala biyya alaaf imalan kuma dhibba tokko (100,000) ta'u.
Baasiin lammiileen kunneen tajaajila kanaaf baasan waggaatti walumatti dolaara miliyoona 700 ta'a.
Roodmaappiin tarsiimawaa Itoophiyaa wiirtuu tuurizimii meedikaalaa fi fayyummaa taasisuu baay'ina lammiilee tajaajila kanaaf gara biyyoota biraa deemanii walakkaatti (50,000)tti, baasii sababa kanaaf bahu immoo dolaara miliyoona 350tti gadi buusuu dha.
biyyattiin tajaajila kana biyya keessatti kennuun waggaatti dolaara miliyoona 500 argachuuf karoorsitee jirti.
Itoophiyaan wiirtuu meedikaal tuurizimii ta'uuf biyya hiree bal'aa qabdu akka taate roodmaappii kanarratti eerameera.
Daandiin qilleensaa Itoophiyaa, haalli qilleensaa biyyattii, argamni biyyattii, fedhiin tajaajila meedikaal tuurizimii dabalaa dhufuuniifi guddinni tajaajila telekomii, hoteelaafi tuurizimii fa'i hiree guddaa biyyattiin damee kanaan qabdu akka ta'e eerameera.












