Maddi balaa du'a tasaa saal-qunnamtiirratti mudatuu maali?

Madda suuraa, MALAYALAMEMAGAZINE.COM
Gaa'elli umamaan waan gammachiisaadha. Hundeen hariiroo gaa'elaa miidhassuufi gochi dhiirsiifi niitiin itti gammadan inni guddaa saal-qunnamtiidha.
Shaakala madda gammachuu namoota lama gidduu kana darbee darbee rakkoo tasaa yeroo itti mudatu ni mul'ata.
Namoonni osoo qunnamtii saalaa raawwataa jiranii balaa du’a tasaaf saaxilamuu haalli itta dana'an, ykn lamaan haalli infekshiniin itti qabaman ykn yeroo raawwachaa jiran itti dhukkubsachuu danda’u ni jira.
Dhiirri osoo dubartii gubbaa jiruu ykn dubartiin osoo dhiira jala qunnamtii saalaa keessa jirtuu dhiira jalatti du'uu dandeessi.
Namoonni tokko tokko sababa jeequmsa saalaatiin du'uun isaanii gabaasni adda addaa kan dhiyaate yoo ta'u, kunis namoota hedduu ajaa'ibsiisa.
Namoonni gariin taateen kun haaluma addunyaa baramaadha yoo jedhan, kaan ammoo yeroo baay’ee taateewwan kanaaf, keessttuu kanneen gaa’elaan alatti walqunnamtii saalaa raawwatan komatu.
Hedduun ammoo taateen akkanaa fakkaatu mudachuu hin amanan.
Haata'u malee, ogeeyyiin fayyaa wantoota dubartootaas ta'e dhiirota quunnamtii saalaa irratti akka du'an gochuu danda'an ibsaniiru.
Wantoonni namni osoo walqunnamtii saalaarra jiranii akka du’an gochuu danda’an sadii akkasiin ibsan.
1. Qoricha sammuu hadoochu fayyadamuu:
Dhiiroonni yeroo qunnamtii saalaa raawwataniitti tasgabaa'uuf akka isaan fayyaduuf yeroo baayyee qoricha aadaa yookaan qorichuma barame fayyadamu.
Kaan immoo humna dhiiraa akka cimsuuf isaan gargaarun, dubartii tokkoo ol waliin qunnamtii saalaa raawwachuu akka danda’an amanuun, dhugaatii waliin walitti makuu.

Madda suuraa, VIRALNIGERIA
Yeroo tokko tokkos, dhiironni muraasni humna dhiirummaasaanii cimsuuf jecha sijaaraa ykn qoricha sammuu namaa hadoochu kan biroo xuuxu. Gochaan kunis kan saayinsiin mirkanaa'e osoo hin taane waan namoonni raaawwatanidha.
Wanti isaan hin beekne qorichi kun keemikaala "Nitrate" jedhamu kan of keessaa qabu yoo ta'u, innis yeroo qunnamtii saalaa raawwatamutti dhiibbaa dhiigaa olka'aa fiduun du'a tasaa fiduu danda'a.
Dhuma isaarrattis, kabaja dubartii saalqunnamtii waliin raawwatan irraa barbaaduu ta’us, bu’aan isaa hamaadha.
2. Dhukkuba onnee
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Jaalala waliif qooduun wal qabatee, dhimmi rakkoon fayyaa kan caliifamee bira darbamuu miti.
Namni seenaa dhukkuba onnee qabu tokko, sababii quunnamtii saalaa irratti onneen isaa kan yeroo biraa caalaa hojjetuuf tasa du'uu danda'a.
Keessattuu dubartoota umuriinsaanii waggaa 50 ol fi dhiiroota umuriin isaanii waggaa 40 ol ta’ef maddiwwan dhibee onnee baramoon dhiibbaa dhiigaa cimaa, tamboo xuuxuu, dhukkuba sukkaaraa, dhiigni sammuu keessatti dhangala’uu fi dhukkuboota birooti.
Sababni yeroo baay’ee dhukkuba onnee fidu kan biraan dhiphina (stress)dha.
Dhukkubni onnee yeroo qunnamtii saalaa dubartoota caalaa, dhiirota irratti baay'inaan akka mul'atu qorannoon ni mul'isa. Ta'ulleen, gochi quunnamtii saalaa gaa’ela keessaa dhukkuba onnee baay’ee kan kakaasumiti.
Dhukkuba onnee 4,557 keessaa 34 qofti yeroo qunnamtii saalaa ykn sa'aatii tokko keessatti kan mudate yoo ta'u, kanneen dhibee kanaan qabaman keessaa 32 dhiirota.
Dhaabbata onnee ‘Cedars-Sinai’ keessatti ogeessa onnee kan ta'e Sumeet Chugh qorannoon isaa sochii saalqunnamtii saalaa akka sababa dhukkuba onnee ta'uu danda'utti kan madaala isa jalqabaati jedhe.
Qorannoon isaa kunis Sadaasa bara 2017tti gabaasa BBC irratti maxxanfameera.

Madda suuraa, Getty Images
3. Kiniinii miira dhiiraa cimsu fayyadamuu
Qorichi viyaagiraa jedhamu manneen qorichaa adda addaa addunyaa irratti gurguramaa kan jiru yoo ta'u, kaayyoon isaas dhiiroonni keessumaa kanneen dhukkubni dandeettii dhiiraa isaanii irratti dhiibbaa taasise qaban, dandeettii sana akka deebisuuf gargaaruudha.
Akka ogeeyyiin jedhanitti, qorichi kun doktoraan kennamuu qaba.
Haata’u malee, qorichi kun salphaatti argamuu irraa kan ka’e dargaggoonnii fi dhiironni tokko tokko mana qorichaa irraa fedhii isaaniitiin bitatanii jaalalleewwan isaanii gammachiisuuf itti fayyadamaa turaniiru.
Akka ogeeyyiin jedhanitti, qoricha kana sirnaan fayyadamu dhabuun rakkoo onnee fiduu waan danda’uuf yeroo gochaatti du’a akka uumamu kakaasuu danda’a.
















