Jaappan umurii wal qunnamtiin saalaa seeraan itti eeyyamamu ganna 13 irraa 16’tti ol kaasuuf jirti

Madda suuraa, AFP
Ministeerri haqaa Jaappaan umurii wal qunnamtiin saalaa seeraan itti eeyyamamu umurii ganna 13 irraa gara 16’tti akka ol guddatuuf wiixinee dhiyeesse.
Umurii eeyyama saal qunnamtiif seeraan ka’ameen gadi nama jiru waliin saal-qunnamtii gaggeessuun akka yakka haleella saalaa ykn gudeediitti ilaalama.
Wiixineen kun kan dhufe erga bara 2019 keessa himati gudeeddiin hedduun haqamee, seeraa yakka saal qunnamtii Jaappaan irratti dheekkamsi guddaa ka’eedha.
Karoorri wixinee kana dabalataan gochi daa’immaan saal-qunnamtiif ‘leenjisuun’ akka yakka taasifamuu fi hiikkaan gudeeddi bal’inaan akka ilaalamu taasisuudha.
Dabalataanis yeroo yakka gudeeddii seeraan himachuuf yeroon murta’aa kaa’amee ture waggaa 10 irraa gara wagga 15’tti akka dabaluuf wixineen kun eerera.
Yeroo ammatti Jaappaan biyyootii guddatanii fi biyyootii miseensa gartuu G7 ta’an keessa umurii eeyyama saal-qunnamtii isa xiqqaa qabdi.
Umurii eeyyama saal-qunnamti Jarmanii fi Xaaliyaan keessatti ganna 14, Giriis fi Firaans keessatti 15, bulchiinsota Ameerikaa hedduu fi UK keessatti ammo ganna 16dha.
Itoophiyaa keessatti umurii itti saal qunnamtiin seeraan eeyyamamaa itti ta’ee umurii ganna 18’dha.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Akka seera amma Jaappan keessa jiruutti, namootni yakki gudeeddi irra ga’e, haqa argachuuf yeroo gudeeddiin kun raawwatetti “haleellaan fi dorsiisi” jira ture fi “ofirra dhoruun hin danda’ame” kean jedhuuf raga dhiyeessuun mirkaneessuu qabu jechuudha.
Wixineen kun hikkaa ka’ame kana hin haqne ta’us garuu wantoota biro akka machii, qoricha sammuu hadoochuu kennuun, utuu hin eegamaniin wanta ta’uu fi xiinsammuu to’achuun kan jedhu hikka kanatti dabaleera.
Qondaalli ministeera Hawaa, Yasukee Asanumaa akka jedhanitti wixineen kun miidhamtooti gudeeddi himata dhiyeessan akka mo’ataniif “haala salphisuuf ykn cimsuuf” kan qophaa’e utuu hin taane, adeemsi haqaa “caalatti fufiinsa kan qabu” akka ta’u taasisufidha.
Seerri yakka saal qunnamtii akka irra deebiin ilaalamu kan taasise hiriira mormii bara 2019 keessa yakkoota hedduu walqabatee erga gaggeeffameedha. Yakki dheekkamse kaasee ture tokko, erga namichi tokko eyyama ishee malee intala isaa dubaraa waliin wal qunnamtii saalaa erga taasise booda addabbi malee bilisa yemmu ba’edha. Boodarra abbotiin alangaa iyyata irra deebiin dhiyeessaniin hidhaan adabameera.
Dhimma biraan namichi tokko dubartiii dhugaatii dugdee of wallaalte turte erga gudeedee booda, saal qunnamtii barbaaddee “waan ture natti fakkaateeti” jechuun waakkatee bilisa ba’ee ture.
Mootummaan seera haara kana ji’oota muraasa booda raggaasisuu danda’a.















