Dargaggeessa Jaappaan homaa hin hojjenne, of kireessuun qarshii argatu

Dargaggoo Jaappaan

''Dura namoonni ati nama homaa hin hojjennedha naan jedhu ture, achiin yaadni tokko naa dhufe, innis namootattin of kireessa garuu homaa hin hojjedhu,'' jedha Shoojii Mooriimootoon.

Namni kuni magaalaa Tookiyoo keessatti tajaajila kiraa adda tahe kenna. Maamilonni isa qacaratu, garuu homaa hin hojjetuufi.

Yeroon tajaajila kanaaf waamichi na qaqqabu waanan ani godhu, iddoon waamame deemuudha jedha Shoojiin.

''Dalagaan koo yeroon gaafatamu deebii kennuu, dhuguu fi nyaachuu dha,'' jechuun hima.

Maamilooti isaa haasaa jalqaban malee inni hin dubbatu, waa'ee isaaniis baruu hin barbaadu.

Dubartiin kaaffee haaraa bante tokko maamila argachaa ijaa hin jirreefi manni qullaa gatii taheef akka isa qacarte dubbatti.

Shamarreen biraa immoo, ''Tookiyoo yeroo baayyee gatii hin dhufneef gara mana keekiitti akka na geessuun isa qacaree,'' jetti

''Maamilonni koo baayyeen iddoo deeman qofaa deemuun ijaa hin barbaanneef akkan miiltoo tahuufi na qacaru,'' jedha Shoojiin.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Warreen kaan immoo dhimmoota maatii isaanii wajjiin haasa'uu hin barbaadne natti dubbachuuf na kireeffatus jedha.

Shoojiin maamila al-takkaa argatuuf Yeenii 1000 ykn doolaara 85 kaffalchiisa. Kana malees, nyaata, dhugaatiifi gatii geejibaas abbichumatu danda'a.

''Seenaan gaddisiisaa na mudate, maamilli koo tokko Tookiyyoorraa gara Osaakaa deemti.

''Akka nama biraa gaggeessaaf namni baayyeen wajjiin hin turre, jaalalleenshee of ajjeeseef haala ulfaataa keessa turte.

''Isheefis homaa hin gooneefii garuu koofiyyaasaa yeroo wal argan keewwatu na keewwachiistee wajjiin deemaan ture,'' jedha.

''Garuu qaabatoo isaanii tokko tokko waliin haasa'aa turre,'' jechuun dubbata.

Gaaffiin maamiloota dhiiraafi dubartii irraa yeroo baayyee dhiyaatuufi akkasumas akka wajjiin tahu barbaadudha, waan biraa hin jiru jedha.

Maamillisaa tokko, ''isa gaafan waammadhu hiriyyoota hin qabu jechuu miti, garuu yeroo fi iddoon deemu irrattti hundaa'ee na faana akka deeman gaafachuu hin barbaadu,'' jetti.

Shoojiin tajaajila isaa irratti gaaffii ka'u keessaa tokko, ''namni homaa hin hojjenne faayidaansaa maali?'' kan jedhudha jechuun hima.

Hojii kanatti akkan seenuuf nama fakkeenya naa taheefi na kakaase tokkotu jira jedha.

Ani iddoo namni baay'ee jirutti ykn hojjetutti waa dalaguun akkasumas waliin hojjechuun na rakkisa.

Hogganaan koo duraanii, ''ati as jiraattes jiraachuu baattes waan geeddartu hin qabdu naan jedhu ture,'' jedha.

Kanaafin ''homaa otoo hin hojjetiin,'' galii argachuun hin danda'amuu jechuun yaaduu kanin jalqabe.

''Hojii kana jalqabuu koon dura nama daandiirra deemu yeroon argu ana malee namni kaan hawaasa waliin wal-simeetu jiraata jedhee yaada ture, amma garuu hojii kana keessatti namni hunduu rakkoo mataasaa akka qabu hubadhe,'' jedha.

Namoonni baayyees kiraadhaan kan na qacaratan, ''qofummaan gatii itti dhagahamuuf natti fakkaata,'' jechuun amana.

Tahus kan isaan gara koo dhufan sababa qofummaan itti dhagahamuuf qofa miti yaada jedhu qaba.

Maammillisaa guyyaa dhalootashee odola daawwachuun kabajuu barbaaddu qofaa tahuu barbaaddus, ''garuu nama na wajjin tahu qofa osoo hin taane, yeroon qofaa tahu yaada biraa keessa akka hin galle na godhu wajjiin ijaan dabarsuu barbaadeef isa kireeffadhe,'' jetti.

Shoojiin homaa otoo hin hojjetiin galii argatus, homaa hojjechuu dhabuunsaa isa ko'omseera.

Guyyaatti maamiloota tokkoo hanga sadii tahan argata. Garuu ganama ka'ee hojii kana akka jalqabuuf maaltu isa kakaasa?

''Ofittoo naan jechuu dandeessu garuu homaa hin hojjedhu garuu gatii hin qabu jechuu miti,'' jedha.

Namni ''waan faayidaa'' qabun hojjedha jedhu hundi hawaasa isaaf bu'aa qabeessa dha jechuu mitii jedha.

''Ani namoonni faayidaa hin qabne lafa jiraachuu danda'an qaroominni jira jedheen amana,'' jedha Shoojiin.