Ijoolleen hawaasa horsiise-bulaa Oromoo Keeniyaa keessaa bahan qormaata biyyaalessaan seenaa galmeessan

Madda suuraa, Barsiiftuu Kulee Baddaddaa fi Barataa Huqqaa Hasan
Keeniyaatti kutaaleen Marsabeet, Isoolloo, Taanaa Riivar fa'i iddoowwan hawaasni horsiise-bulaa Oromoo baay'inaan keessa jiraatanidha.
Qubsumni kunneen naannoo hawaasa horsiise bulaa yoo ta'an, iddoowwan carraawwan akka barnootaan baay'ee boodatti hafani keessayi.
Naannoleen kunneen iddoowwan hongeen (oolaan) irra deddeebiin itti mul'atudhas. Sababoota akkasiin naannolee kanneenitti namoonni barnootaan milkaawun bu'aa bayii baay'ee qaba. Haalonni jiran ulfaatoodha. Ijoolleen horsiise-bulaa Booranaa waayee isaanii isinitti himnu kunneen garuu qormaata kanneen cehanii seenaa hojjetanii jiru.

Madda suuraa, Kulee fi Huqqaa
Barataa Boruu Abdullaahii

Madda suuraa, Barsiiftuu Kulee Baddaddaa
Barataa Boruu Abdullaahii ijoollee Soloolooti. Barataa qormaata biyyoolessaa Keeniyaa qabxii olaanaa galmeesse keessayi. Boruun gosa barnootaa saddeet qorame hunda isaa 'A' argate.
Haati Boruu Kulee Baddaddaa Soloolootti mana barnootaa magaalaa Raammataa keessatti barsiiftuudha. Ilmi ishee amma ganna 19ti. Isa waliin ijoollee sadi qabaachuu kan himtu barsiituu Kuleen, abbaa malee isaan guddisuu BBC'tti himte.
"Abbaa malee kophaan guddise. Gaafa abbaarraa adda baanu inni ganna lama. Ganna afurittin barnoota galche," jetti.
Boruun bara 2021 barnoota isaa kutaa 8ffaa tokkoffaa bahee akka xumure kan himtu haati isaa tun, achiin booda barnoota sadarkaa 2ffaaf ispoonsara dhabee jennaan liqii itti barbaaddadhee mana barnootaa Meeruu sada.2ffaa galchee barsiise jetti. Keeniyaatti barnoonni sadarkaa oolmaa daa'immanii hanga yunivarsiitii tola miti. Hunduu kaffalee barata.
Ammaan tana Boruun qormaata biyyoolessaa Keeniyaa (KCSE) gosa barnootaa saddeet qorame 'A' (Street A) fide. Mana barnootaa isaa keessaa ijoolleen qormaata biyyoolessaa fudhatan 545 ta'u. Hunda keessa qabxiin kan Boruu dursu hin jiru.
Waliigala baay'inni barattoota Keeniyaa qormaata biyyoolessaa baranaa qoramanii 993, 226 ta'u.
Haati Boruu qabxii ilma ishee yoo dhageessu gammachuun akka malee qiliixamuu [gammaduu] dubbatti.
"Anin qabxii san inni argatee jennaan akka malee gammade. Guyyaa sana ani mana barnootaa keessan ture. Manni barnootaa ani itti barsiisu Dira Raammata irraa kiilomeetira 3 ta'a. Simuu naa dhayee (naa bilbilee) Harmee qabxiin ya deebi'e. Anin gosa barnoota hunda 'A' argadhe jennaan, barcuma gubbaa taa'urraa irra buruurradhee laf-dhahe gammachuu jabeenya," jechuun ibsite.
"Maal sii bita jennaan, Iphone 17 naa biti jedhe. Itti dhama'ee, itti rakkadhee siif bita jedheen. Akka ati na gammachiifte anilleen si gammachiisa jedheen. Akka malee gammade, Waaqaaf galata," jetti harmeen Boruu.
Barataa Huqqaa Hasan

Madda suuraa, Barataa Huqqaa Hasan
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Barataa Huqqaa Hasanis akkuma Boruu qormaata biyyoolessaa seensa yunivarsiitii gosa barnootaa cufa 'A' (street A) argate. Huqqaan kan dhalate kutaa bulchiinsa Isi'ooloo, bakka addaa Dussee jedhamtutti. Dusseen lafa akka malee giddu galeessa biyyaa irraa fagoo fi carraan barnootaa illee itti dhiphaa taatedha.
Barnoota isaa sadarkaa duraa fi giddu-galeessaa Dusseetti qabxuma dansaan kan xumure barataan ganna 18 Huqqaan, barnoota sadarkaa lammaffaaf immoo manuma barnootaa Boruun itti barate Meeruu sadarkaa 2ffaatti xumuree qabxii kana argate.
"Qabxiin koo 84 (barnoota hunda A) argadhe," jedha.
Baadiyyaa Dusseetii bahee gara mana barnootaa Meeruu sadarkaa 2ffaa kan barachuuf ispoonsara ta'eef Baankii Hojii Gamtaa Keeniyaa (KCB) akka ta'e BBC'tti hime.
Akkuma Boruu, Huqqaanis maatii rakkina keessa taa'ee baratee qabxii seena-qabeessa kana galmeesse.
"Harmee fi abbaan kiyya gaafa ani xiqqaa ture adda bahan. Ana akkootu na guddise. Akkoon tiyyayyuu of hin dandeessu anatu bira jira. Harmeen tiyya rakkoo sammuu qabdi," jedha.
Obbolaa lama qabaachuu kan himu Huqqaan, obbolaa lamaan sanallee akkoon akka isaan guddifte hima. Akkoon isaa nama ganna 80 yoo taatu, Dusseedhaa albuuda qottee isaan guddisuu hima.
Akkoon isaa wayita inni qabxii guddaa akkasii argachuu dhageessu hedduu gammaduus dubbata.
Barattoota seenaa fi hawwii wal fakkaataa qaban
Boruu fi Huqqaa seenaa wal fakkaataa baay'ee qabu. Lamaanuu ilmaan hawaasa horsiisee bulaati. Haala rakkisaa keessattis baratan. Abbaa malee guddatanii barachuun isaanii seenaa isaanii wal fakkeessa. Lamaan isaanii haatiifi abbana isaanii adda bahaniiru.
Boruun haadhatu qofaa guddiste, itti liqeeffattees barsiifatte.
Huqqaan haati isaa abbaan gargar bahanii, haati immoo rakkoo sammuu waan qabduuf akkoo isaatu barsiise.
Lamaan isaaniituu mana barnootaa wal fakkaataatti barnoota sadarkaa lammaffaa xumuran. Mana barnootaa sad.2ffaa Meeruu jedhamutti waliin (daree garaa garaatti) barnoota xumuran.
Boruu fi Huqqaan yunivarsiitii seenanii barnoota fayyaa (Medicine) barachuuf akka karoorfatan dubbatu.
Keeniyaatti barnoonni tola hin kennamu, qaaliidha

Madda suuraa, Feesbuukii ministeera barnootaa Keeniyaa
Keeniyaatti barnoonni tolaa hin jiru. Oolmaa daa'immanii kaasee hanga yunivarsiitiitti barnoonni kaffaltiin baratama. Barnoonni Keeniyaatti hedduu qaalii waan ta'eefis, maatii harka-qalleessa ta'eef kaffalanii barsiisuunisguddaa ulfaataadha.
Barnoonni yunivarsiitii immoo akka malee qaaliidha. Boruu fi Huqqaan kan duraan ture caalaa baasiin barnootaa olaanaan yunivarsiitiitti isaan eeggata.
Yoo ispoonsara hin arganne hawwiin isaanii karaatti hafuu danda'a.
Haati Boruu liqeen barnoota sadarkaa lammaffaa barsiifte amma humna ittiin yunivarsiitii barsiiftuun hin qabdu.
Huqqaan ispoonsara ta'eefii kan barsiise Baankii Hojii Gamtaa Keeniyaati. Huqqaanis baankiin kun amma biraa hafnaan abjuun isaa karaatti hafuu akka danda'u BBC'tti himee jira.















