Barsiisonni caalaatti kabajaa kan argatan eessatti?

Barsiisonni hawaasa irraa kabaja maluuf argachuu fedhu yoo ta'e kan barsiisuu qaban biyyoota akka Chaayinaa, Maaleezhiyaa ykn Taayiwaan keessatti ta'uu qaba.
Sababni isaas qorannoon idil-addunyaa tokko barsiisonni hawaasa keessatti kabajaa guddaa kan argataniifi ofitti amanamummaan kan jiraatan biyyoota kanneen keessatti ta'uu eera.
Faallaa kanaan ammoo Biraaziil, Israa'el fi Italii keessatti barsiisonni kabajni isaan hawaasa keessatti qaban daran gadi aanaadha jedha qorannoon kun.
Qorannoo kana Inistitiyuutii Biyyaalessaa Qorannoo Diinagdeefi Hawaasummaa UK fi Faawondeeshinii Vaarkee jedhamutu waliin qopheesse.
UK'n biyyoota barsiisota kabajan 35 jalqabarra jiran keessa jirti. Ogummaan barsiisummaas biyyattii keessatti Ameerikaa, Firaans fi Jarmanii caalaa kabaja qaba akka qorannoo kanaatti.
Haa ta'u malee kan Chaayinaan gitu hin argamne. Jiddugaleessaan daa'imman dhibbeentaa 81 barsiisota isaanii ni kabaju.

Madda suuraa, Getty Images
Qorannoon namoota 35,000 irratti qoratame kun akka jedhutti, sadarkaa addunyaatti daa'imman dhibbeentaa 36 qofatu barsiisota isaaniif kabajaa qaba.
Aadaan barsiisota kabajuu kun Eeshiyaa keessatti jabaa fakkaata, biyyoota akka Kooriyaa Kibbaafi Singapoor keessattis barsiisonni ni kabajamu.
Barattoonni biyyoota kanneen keessatti baratan qormaata idil-addunyaa wayita fudhatan qabxii olaanaa akka galmeessisan qorannichi beeksiseera.
Qorattoonni akka jedhanitti kuni kan ta'e kabajaan barsiisonni hawaasa keessatti qaban, namoonni ciccimoon gara ogummaa kanaa akka seenan waan jajjabeessuufi.
Mala ittiin ogummaan kun kabaja qabaachuu baran biroon maatiin ijoolleen isaani barsiisota akka ta'an ni hawwuufi kan jedhu gaafachuudha.
Chaayinaa, Indiyaa fi Gaanaa keessatti maatiin hedduun ijoolleen isaanii barsiisota akka ta'an ni fedhu.
Raashiyaa, Israa'elifii Jaappaan keessatti garuu dubbiin faallaa kanaati.

Biyyoota barsiisotaaf tolan 10
- Chaayinaa
- Maaleezhiyaa
- Taayiwaan
- Raashiyaa
- Indooneezhiyaa
- Kooriyaa Kibbaa
- Tarkii
- Indiyaa
- Niiwu Ziilaand
- Singaapoor















