Beeljiyeemitti daa'imni waggaa saddetii yuunvarsiitee gale

Arka qubeessa qabate

Gurbaan Beeljiyeem tokko barnoota waggoota ja'aaf karoorfame waggaa tokkoofi walakkaa keessatti xumuruun umurii isaa waggaa saddetiin barnoota sadarkaa lammaffaarraa eeebbifamuu danda'eera.

Laawurenti Simoonsi abbaan isaa lammii Beeljiyeem yommuu ta'u haati isaa ammoo lammii warraa Daachiidha. Gurbaan kun akka maatiin isaaa jedhanitti sadarkaa guddina cimina sammuu (IQ) 145 qaba waan ta'eef namoota umuriin isaanii waggaa 18 ta'an waliin dippiloomaa isaa fudhate.

Laawurenti Raadiyoo RTBF warra Beeljiyeemitti akka himetti, gosa barnootaa inni jaallatu Herregadha "sababiin isaas baayyee ballaada, istaatistiksii qaba, jii'oomeetirii qaba, aljebiraa qaba."

Boqonnaa ji'a lamaan booda yuunvarsiitti jalqaba.

Abbaan isaa akka jedhutti yeroo ilmi isaa kun xiqqummaa isaatti ijoollee biroo waliin xabachuudhaaf baayyee rakkachaa ture. Isaan waliin wal hin gitu, ashaangulliitiitiin taphachuu hin jaallatu jedha.

Laawureenti ogeessa baqaqsanii wallaanuu ta'uu, akkasumas astiroonoomera ta'uu barbaadaLaurent, amma garuu gara kompiiteraa irratti fuulleffachuu barbaada.

"Yoo boor ganama ka'ee anaaxii ta'uu murteesse amma isa gammachiisetti nuuf rakkoo hin qabu," jechuun ibsa abbaan isaa.