Artist Natsaannat Warqinaa du'aan addunyaarraa boqote, maaltu jedhame?

Madda suuraa, EBC
Artistiin beekamaa bashannanaafi qoosaa isaan beekamu Natsaannat Warqinaa du'aan addunyaarraa boqote.
Ministira Muummee Itoophiyaa Abiy Ahimad dabalatee namoonniifi qaamoleen garagaraa gadda isaanii ibsaniiru.
''Artist Natsaannat Warqinaa tasa boqochuu isaatiin gaddi natti dhagahameera.
''Natsaannat keessumaa simannaa Bara Haaraa 2016 Hidha Haaromsaatti qophaa'erratti qooda inni qabu yeroo hunda nan yaadadha.
''Hundi keenya Bara Haaraa gammachuun akka simannu nu taasisee ture. Maatiifi dinqisifattoota isaaf jajjabina nan hawwa,'' jedhaniiru.
Artist Natsaannat waggoota muraasa darban televizhinii EBS irratti sagantaa Yebeteseb Chewata jedhamu qopheessaafi dhiheessaa ture.
Sagantaa namoonni jaalatan keessaa tokko ta'e kanarratti qoosaafi akkaataan keessummootatti haasa'un kan isa jaalatan danuudha.
Televizhiniin EBS ibsa baasen ''ogeessi aartii jaalatamaa'' Natsaannat boqochuu isaa dursee beeksise.
Natsaannat qopheessaa sagantaa televizhiniin alas taatoo ta'un akkasumas beeksisa dalaguunis beekama.
Haa ta'u malee, ''dhibee irra buleen tasa addunyaa kanarraa boqoteera,'' jedheera EBS Global ibsa karaa fuula Facebook isaa baasen.
Natsaannat kanaan dura diraamaafi filmii garagaraa irrattis hirmaateera.
Televizhiniin EBS akka beeksisetti, Natsaannat bultii kan ijaarrate yoo ta'u abbaa ijoollee sadiiti.
Natsaannat kana dura maatiin isaa biyya alaa, Ameerikaa, akka jiraatan miidiyaarratti ibseera.
Dhaabbanni Televizhinii EBS gadda isaa ibseera, waahillaniifi kanneen isa dinqisiifataniif jajjabina akka hawwu ibse.
Ministeerri Aadaafi Turizimii Itoophiyaas ibsa baasen gadda isaa ibseera.
Artist Natsaannat eenyudha?
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Artist Natsaannat magaalaa Finfinnee naannoo Uraa'el jedhamutti dhalatee guddate.
Yeroo mana barnoota sadarkaa 2ffaarra jiru hojiiwwan filmiifi tiyaatiraa kan ittiin sadarkaa kanarra gahe eegale.
Kanaanis taatoo fiilmii, hojii Komeedii, qopheessaa fi dhiyeessaa sagantaa televijiinii seenaa fiilmii fi sagantaa dhiyeessuun artistii dandeettii qoosaa isaan beekamti guddaa argateedha.
Filmiiwwan Afaan Amaaraan dalage keessaa Siitii Booyiz, Saalnagiraat, Yaanchiw Leebaa 2, FBI, Mister X, Chombee, fi kaanis jiru.
Tiyaatirri Fresh Man filmii ummata waliin isa wal barsiisedha jedha gabaasi miidiyaa biyya keessaa FBC.
Erga gara sagnataa televijiinii dhiyeessutti makamee boodas sagantaa ''Yabetasab Chewata" jedhu Televijiinii EBS irratti hojjechuun jalaatamummaa guddaa horate.
Kana malees beeksisaa adda addaa hojjachuun artistii hedduu dinqisifannaa argate yoo ta'u hanga guyyaa du'a isaa kanatti ogummaa isaa guddisuu nama dhama'aa ture akka ta'e seenaa jireenya isaa midiyaan EBS baase kan ibsu.
Duuni isaa erga dhagahame booda qaamoleen adda addaa gadda isaanii ibsaa jiru.















