Uumamni adda hin baafamne jiraachuu irratti ragaan hin jiru - Nasa

Nasa'n qaamolee hin beekamne kan samii keessa balali'an(UFO) dhibbaan lakkaa'aman duuba uumamni adda hin baafamne (aliens) jedhaman jiraachuu irratti qorannoo taasiseen ragaan hin jiru jedhe.
Tahus carraan jiraachuu isaanii, hin jiru waan jedhu garuu hin dubbanne.
Dhimma kanarratti dhugaan jiru, gabaasni yeroo dheeraaf eegamaa ture kuni ragaa dimshaasha, akkas jedhamu, hin kennine.
Haa tahu malee Nasa'n qaamolee adda hin baafamiin kan samii keessa balali'an(Unidentified Anomalous Phenomena) akka itti qoradhu gumee teeknoolojii fi hubannoon namtolcheen deeggarame adda baasee keewwachuu himeera.
Bulchaan Nasa, Biil Neelsan kana booda dhaabbati isaanii qaamoleen adda hin baafamne kuni jiraachuu qofa osoo hin taane iftoominaan odeeffannoo ni qoodna jedhan.
Gabaasni fuula 36 qabu kuni qorannoo saayinsaawaa yoo tahu qabxiileen achi keessaa fudhataman muraasni kunooti.
Uumamni adda hinbaafamne (aliens) jiraachuuf ragaan hin jiru
Fuulli dhumaa gabaasa kanaa, qaamolee adda hin baafamne samii keessa otoo balali'anii mul'atan dhibbaan lakkaa'aman duuba uumamni adda hin baafamne jira jechuuf ''sababa gahaa hin arganne'' jedha.
''Haa tahu malee, qaamoleen kunneen lafa gahuudhaaf sirna soolaarii keessa imalanii tahuu mala,'' jedha gabaasni kuni.
Gabaasichi qaamoleen adda hin baafamne jiraachuu isaaniif mirkana kennuu baatullee, Nasa'n carraan, ''teeknolojiin maalummaansaa adda hin baafamne qilleensa naannoo Lafaa keessatti hojjetu jiraachuu,'' hin haalle.
Odeeffannoo daangeeffamaa tahe
Hoggantuun dhaabbata ergama saayinsii (Science Mission Directorate) Nikoolaa Fooks, ''qaamoleen adda hin baafamne (UAP) kunneen icciitii guddoo pilaaneetii keenyaati,'' kunis odeeffannoo gahaa gatii hin qabneefi jedhan.
Qaamoleen adda hin baafamne (UAP) baay'inaan mul'achuun alatti, odeeffannoon ''maalummaa fi madda isaanii irratti akkasi jedhanii murtoo saayinsaawaa kennuuf dandeessisu hin jiru,'' jedhaniiru.
Akka Fooks jedhanitti Nasa'n qorannoo qaamolee (UAP) kanaarratti taasisuuf hoggansa haaraa fileera.
''Kunis odeeffannoo bal'aa argachuuf gara fuulduraatti hoggansi qorannoo kanaas hubannoo nam-tolchee fayyadamuun odeeffannoo funaana,'' jedhan.
Dhimma reeffa uumama Meeksikootti argamee
Gaazexeessaan BBC Saam Kaabraal qorattoota Nasa waa'ee suuraalee reeffaa qaamolee adda hin baafamnee Meeksikootti argaman jedhamanii fi qondaalota mootummaa Meeksiskoof gabaafaman irrattis isaan gaafateera
Namni ogeessa UFO dha ofiin jedhu Jaamii Maawussaan, reeffa uumamoota ''nama hin taane'' lama irratti miseensota paarlaamaa biyyattiif haasaa dhiyeesseera.
Namni kuni reeffi 'uumama' kunneenii Peeruu, iddoo Kuskoo jedhamutti 2017tti argaman jedhe. Qorannoo raadiyookaarboon fayyadamuun taasifameen qaamoleen kunneen waggaa 1,800 tahu.
Samuudni qaamolee kunneenii qoratame jedhame namoota saayinsii biratti ija shakkiin ilaalamaa jira.
Obbo Maawusaanillee waa'ee jiraachuu qaamolee kanaa dubbataa turus, booda soba tahuun barameera.
Saayintistiin Nasa Dr Deeviid Ispeergeel, ''samuuda waan argatanii hawaasa saayinsii addunyaaf haa dhiyeessaniitii, maaltu achi akka jiru ilaalla,'' jedhan.
Namni qorannoo UFO hogganu eenyummaansaa hin himamu
Qorannoo qaamolee adda hin baafamne(UAP ) hogganuuf daarektarri haaraa muudamus eenyummaan nama kanaa garuu dhoksaa taha.
Namni qaamolee adda hin baafamne kunneen qoratu hojiinsaa maal akka of keessatti qabatuufi mindaan kaffalamuuf hangam akka tahu waan ifatti himame hin jiru.
Nasa'n qorannoo UFO irratti iftoominaan odeeffannoo akka kennu yeroo himaa jirutti eenyummaa nama kanaa dhoksaa gochuun qoccollaa irraa nama kana tiksuuf tahuu mala.
Dr Daani'eel Evaans hogganaa gargaaraa qorannoo Nasa yoo tahan dhaabbatichatti kanneen waa'ee UFO qoratan, ''dorsisni irra gahaa ture,'' jedhaniiru.
Namoota dhimma kana qoratan nageenya isaanii tiksuu ''akkaan itti dhimmamna'' kanaafi maqaa nama haaraa muudame kanaas kan adda hin baasne jedhan.
Hubannnoo namtolcheen qaamolee kunneen qorachuu
Hubannoon nam-tolchee qaamolee adda hin baafamne UFO kana adda baasuuf ''meeshaa murteessaa,'' dha jedha gabaasichi.
Uummannis waa'ee ''UFO dhimmoota murteessoo tahan hubachuu qaba,'' jedheera.
Nasa'n UAP kuneen adda baasuufi hubachuuf danqaan inni guddaa tokko hanqina odeeffannooti kana mala hubannoo namtolchee fayyadamuun qaawwa kana dhiphisuuf yaalama jira akka gabaasichaatti.
Kunis, appiiwwan ismaartifoonii fa'i fayyadamuu odeeffannoo funaanuu dabalata.
Hanga ammaatti odeeffannoo namootarraa dhufu haalitti mala qindaa'aa ta'een walitti qabamu hin jiru jedhaniiru.












