Paayiletoonni waan hin beekamne balali'u (UFOs) qarqara Ayerlaanditti arguu gabaasan

UFOs

Madda suuraa, Science Photo Library

Ibsa waa'ee suuraa, Paayileetonni qarqara samii Ayirish keessatti maal argan

Abbaan Taayitaa Aveeshinii Ayerlaand gabaasa waanti baayyee ifaa ta'eefi UFOs (wantoota balali'an hin beekamne) qarqara kibba-lixa Ayerlaanditti argaman jedhu qorachaa jiraachuu beeksiseera.

Waanti kun akka sa'aatii bakka sanaatti Sadaasa 9, Jimaata 06:47 irratti yeroo paayileetiin Daandii Xiyaara Biriitish to'attuu tiraafikii daandii qilleensaa Shaaroniin qunnaman ture.

Isheenis shaakalli waraanaa yoo jiraateef baruu barbaaddee gaafatte sababiin isaas naannoo sana keessa waanti "baayyee saffisaan deemaa jirutu jira".

Warri tiraafika daandii xiyaaraa to'atanis shaakkalli akkasii akka hin jirre dubbatan.

Paayileetiin Kanaadaa magaalaa Montiriyaal irraa gara Hiizrowutti balali'aa ture akka jedhetti "waanti baayyee ifaa ta'e" karaa gama bitaa xiyyaara paayileetiin kun balaliisisaa jiruun dhufee "saffisaan gara kaabaatti maqe" jedhan.

Maal ta'a jechuun shakkaa turte garuu xiyaara waliin walitti bu'uudhaaf kan deemu hin turre.

Paayileetiin biraa xiyyaara Virjiin irraa ammooo akka yaada isaa kennetti tarii meeshaa warra Astirooyidii ta'uu male ykn waanta biraatu gara naannoo lafaatti seenaa jira jedhe.

Twitter

Madda suuraa, Twitter

Akka inni jedhutti "wantoota baayyee toora tokko irra yaa'anitu turan" wantoonni kunneen baayyee ifoodha/adiidha.

Paayileetichi akka jedhetti "ifa adii lama" karaa gama mirgaa isaatiin saffisaan ol ba'an argeera.

Paayileetiin tokko akka jedhetti saffisni isaa "kan astiroonoomiidha, kan Mach 2 fakkaata" - innis saffisa sagalaa harka lama kan ta'e jechuudha.

"Gabaasa Sadaasa 9 gaafa Jimaataa daandiin xiyaaraa akka sochiin haarawaa ta'e duraan hin baramne qilleensa keessa akka jiru dhaga'amee booda," Abbaan Taayitaa Aveeshinii Ayiriish (IAA) gabaasa walitti qabee dhiyeesseera.

"Gabaasichis adeemsa qorannoo iciitiin isaa eegameen kan qoratamu ta'a."

Dubbi HimaanBuufata Xiyyaaraa Shaanoon akka jedhanitti wayita IAA'n dhimmicha qorachaa jiruu daandiin xiyyaarichaa yaada irratti kennuun isaa sirrii miti jedhan.