Xiyyaarri tibba qubachuuf jedhu buufata Baanglaatti kufeen ibiddaan qabate

Photo of rescuers by the crashed plane

Madda suuraa, Saroj Basnet

Ibsa waa'ee suuraa, Xiyyaarich tibba qubachuuf jedhutti daandii baaburaatti bu'e

Xiyyaarri namoota 71 fe'ee gara Neeppaal buufata xiyyaaraa Kaatmaandu qubachuu osoo jedhuu kufee cacabee keessaa yoo xinnaate namoonni 49 du'usaanii madeen poolisii himan.

Lubbu baraarstoonnis qaama namootaa xiyyaara himna qilleensaa Baangiladishiin US-Baanglaan gaggeefamu fi ibiddaan qabatee keessaa harkisaa turan.

Xiyyaarri lakkoofsa balaliinsa isaa BS211 ta'e osoo qubachuuf jiru ture kan guyyaa Wiixataa.

Balaliinsi galuufi bahuu hundumtuu buufatichaan haqamuusaa midiyaalee biyya keesaatiin gabaafameera.

Photo showing smoke rising from the airport runway

Madda suuraa, Twitter/@Bishnusapkota

Xiyyaarichis Bombardeier Dash 8 O400 turboprop' ta'u kan midiyaale biyya keessaatiin adda baafame ta'u garuu qaama motummaa irraa hin mirkanoofne.

Balalinsichis sa'aatii 08:35 (GM) irratti kan qubate ture akka odeefannoon marsaritii balaliinsa xiyyaarotaa 'flightRadar24' argameetti.

BBC map