Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Xiyyaarri tibba qubachuuf jedhu buufata Baanglaatti kufeen ibiddaan qabate
Xiyyaarri namoota 71 fe'ee gara Neeppaal buufata xiyyaaraa Kaatmaandu qubachuu osoo jedhuu kufee cacabee keessaa yoo xinnaate namoonni 49 du'usaanii madeen poolisii himan.
Lubbu baraarstoonnis qaama namootaa xiyyaara himna qilleensaa Baangiladishiin US-Baanglaan gaggeefamu fi ibiddaan qabatee keessaa harkisaa turan.
Xiyyaarri lakkoofsa balaliinsa isaa BS211 ta'e osoo qubachuuf jiru ture kan guyyaa Wiixataa.
Balaliinsi galuufi bahuu hundumtuu buufatichaan haqamuusaa midiyaalee biyya keesaatiin gabaafameera.
Xiyyaarichis Bombardeier Dash 8 O400 turboprop' ta'u kan midiyaale biyya keessaatiin adda baafame ta'u garuu qaama motummaa irraa hin mirkanoofne.
Balalinsichis sa'aatii 08:35 (GM) irratti kan qubate ture akka odeefannoon marsaritii balaliinsa xiyyaarotaa 'flightRadar24' argameetti.