Milishoota kaampii godina Waag Himiraa keessa turanirratti haleellaa diroonii raawwatameen namoonni 36 ajjeefaman - Aanga'oota

Naannoo Amaaraa bulchiinsa godina ummata Waag Himiraa keessa miseensota milishaa walga'iirra turan irratti haleellaa diroonii raawwatameen yoo xiqqaate 36 ajjeefamuu isaanii aanga'aan aanaa Sahalaa Sayyamti tokko, ogeessi fayyaafi jiraattonni BBCtti himan.

Namoota 16 irra ammoo miidhaan akka gahe, akkasumas kaampiifi meeshaan waraanaa achi kessa ture akka barbadaa'e aanga'aan aannichaa beeksiseera.

Ajajaan raayyaa ittisa biyyaa naannawaa sanaa haleellaan kun kan raawwatame "dogoggoraan" akka ta'e dubbachuu isaanii aanga'aan aanichaa fi jiraattonni ibsaniiru.

Maddeen BBCn dubbise shan A L I Amajji 8, 2018 ganama haleellaan diroonii kan raawwatame bulchiinsa Ummata Waag Himiraa, aanaa Sahalaa Sayyamt keessatti kaampii milishootaa argamurratti ta'uu BBCtti dubbataniiru.

Kaampiin magaalaa xiqqoo 'Meshaah' jedhamtu wiirtuu aanichaa taaterraa bahee kan jiru bakka 'Safaa Dildiy' jedhamutti argamu kun, bara waraana Tigraay irraa kaasee wiirtuu milishootaa ta'ee gargaaraa turuu jiraattonni ibsaniiru.

Kaampiin kun kuusaa hidhannoo, akkasumas buufata humnoota nageenyaafi itti sooratan ta'uus dubbatu.

Jiraattonni akka dubbatanitti, miseensonni milishaa kaampii kana keessa buufata godhatan humnoonni naannawaa sna keessa sochpo'an "gara aanichaatti' akka hin seenne eegumsa" taasisu.

Sa'aatii haleellaan kun itti raawwatametti miseensonni milishaa kunneen dirree kaampicha fuudura turerratti ajajaa isaaniirraa "ajajni kennamaaf, akkasumas ciree nyaachaa" akka turan aanga'aan BBCf ibsaniiru.

Jiraattonni aanichaa sadiis milishoonni kunneen ciree nyaachaa fi walga'iirra akka turan mirkaneessaniiru.

Guyyaa sana humnoonni Faannoo "milishaa naannawaa sanaarratti haleellaa gaggeessuuf socho'aa" turan kan jedhan aanga'aan aanichaa kun, miseensonni milishaa kunneenis tarkaanfii hidhattotarratti fudhatamuuf "qophaa'aa" akka turan ibseera. "Haalli isaa cimaa waan dhufeef humni raayyaa ittisa biyyaa akka dhufuuf" gaafatamee akka tures eeran.

Jiraattonniifi aanga'aan akka dubbatanitti, guyyoota dura turan keessa dirooniin marsitee ilaalaa turteetti. Haleellaan kun raawwatamuu dura yeroo tokko dirooniin naannawa sanatti mul'atteetti.

Dirooniin sun mul'achuun milishoota keessatti yaaddoo uumee kan ture ta'ullee "garee ofiirratti haleellaa hin raawwattu amantaan jedhu akka ture jiraattonni ibsaniiru. Aanga'aan aanichaa BBCn dubbises yaada wal fakkaatu kaasan.

Aanga'aan kun 'bobbii kennuuf humna gara olii jiru waliin walitti hidhuuf dubbachaa osoo jirruu 'dirooniin dhufe' jedhame. 'Dirooniin maalidha?' yeroo jennu, 'dirooniin marsaa jirti' jedhame. 'Naannoftee ilaalaa jirti ta'a' jenne. Sa'aatii waan tokko hin eegnetti, osoo daqiiqaa 30 hin guutiin deebitee [dhuftee] haleelte," jechuun haala ture ibsan.

Akka ibsa aanga'aatti, haleellaa diroonii kanaan "namoonni 36 ajjeefamuun isaanii" mirkanaa'eera. "namoonni 16 ammoo" kan irra gahe yoo ta'u, afur ammoo "haalli isaanii akka hin baramiin" ibsaniiru.

"[Kaampichi] guutummaatti barbadaa'eera. Meeshaaleen baayyeen gubataniiru. Hojiin loojistiksii waliigalaa, waanti dhukaafaman achuma turan," jechuun miidhaa qaqqabe ibsaniiru.

Jiraattonni aanichaa lama gamasaaniitiin "namoonni 38" du'uu isaaniitiifi kan ajjeefamanis "hundi isaanii miseensota milishaa" akka ta'an BBCf mirkaneessaniiru>

Ogeessi fayyaa ambulaansii qabachuun jalqaba namoota miidhaman gara buufata fayyaa geessan tokko ammoo, namoota 10 lubbuun isaa darbe, akkasumas namoota madaa'an sagal gara dhaabbata fayyaa keessa hojjetanii geeffamuu BBCf ibseera.

Ogeessi fayyaa kun "[kuranan] isaanii erga du'anii boodadha nu bira kan dhufan. Nu bira gahee kan du'e tokkodha. Achi bakka Dildiy deemnee ture. Dildiy irraa fidaa osoo jirruu boqote. Tokko ammoo nu bira galee [riffeer] erga erginee booda karaarratti boqote," jedhe.

Warra osoo gara dhaabbata fayyaa osoo geeffamaa jiranii lubbuun isaan kan darbes, "milishoota kanneeniif qajeelfama kennaa kan ture dursaa garee kanaa kan ta'e Obbo Dassaaleny Libsinawu" ta'uu isaa jiraattonni naannoo sanaa dubbataniiru.

Warra miidhaan irra gahe keessatti ammoo dubartoota kaampicha keessatti nyaata bilcheessan lamaafi daa'imni tokko akka argaman ibsaniiru. Ogeessi fakkaa kun gamasaan miidhaan dubartoota lamaaniifi daa'imarra gahe "salphaa" kan juehdmau akka ta'e dabalee ibseera.

Warra du'aniin alattis milishoonni "miidhaan cimaan" irra gahe jiraachuu kan himu ogeessi fayyaa kun, namoonni sadii wallaansa foyyee qabuuf gara magaalaa Saqoxaa fi daseetti geeffamuu isaanii eereera.

Ogeessi fayyaa kun miidhaa namoota du'anirra gahe yeroo ibsu, "baayyeen isaanii achumatti akka awwaalaman dhageenye. Warri nu bira dhufan baayyeen isaanii kan miidhamanidha," jedha.

Jiraatonni aanichaa sadii BBCtti akka dubbatanitti, " kanneen 20 ol ta'an reeffa isaanii adda baasuun hin danda'amne" sirni awwaalcha isaanii kan raawwatame Bataskaana Quddus Gabreelii bakka sanatti argamutti raawwatame.

Reeffi biroon gandoota aanichaa milishoonni irraa dhufan geeffamuu jiraattonni ibsaniiru. A L I Jimaata 8, 2018 magaalaa guddoo aanichaa Meshaah jedhamtu keessatti sirni awwaalchaa raawwatame jiraachuus dubbatu.

Sirna awwaalcha kanaa irratti ajajaan raayyaa humna ittisaa fi aanga'oonni godinichaa akka argamanii ture jiraataan awwaalcha sanarratti argame ibseera.

Ajajaan humna ittisaa kun "dhiifama" rakkoon dhalateera. Maatii nama du'ees, ijoollee nama du'ees, godinichas ni gargaarra. Waan uumameef dhiifama," jechuu qondaala kanaa himaniiru.

Aanga'oonni aanichaa BBCn dubbise, haleellaan diroonii kun kan raawwatame, "dogoggoraan" ta'uu ajajaan raayyaa humna ittisaa aanga'oota aanichaatiif ibsuu isaa mirkaneeffataniiru.

"Ibsi kennameera. Isaan kan jechaa jiran 'dogoggora' kan jedhudha. [...] Jeneraalli achi jiru dhufee ture.Ibsi har'a kenname dogoggoraan kan dhufe ta'uu kan ibsudha," jechuun ibsa ajajaa raayyaa ittisa biyyaa naannoo sanarraa kenname eeraniiru.

Aanga'aan aanichaa garuu 'dogoggorri bifa akkamiitiin raawwatame?' kan jedhurratti gaaffii akka qaban hin dhoksine.

"Dogoggorri calliseedhuma dogoggora miti," kan jedhu aanga'aan kun, " bakki isaa osoo hin qoratamiin 'eenyutu [haleellaa kana] ajaje?' kan jedhu nuuf gaaffiidha," jedhan.

"[Diroonicha] namni erge gaafatamuu danda'uun irra jiraata. Namni kun adda bahuu qaba. Borus mootummaaf amanamuuf kun akka ta'u barbaadna. Kanaan ala 'dogoggoraan kan ta'edha' ibsi jedhu gamagama keenya miti," jechuun mufii qaban ibsaniiru.

BBCn waa'ee haleellaa bakka jedhame kanatti raawwatamee yaada Humna Ittisa Biyyaa irraa gaafatee mirkaneeffachuuf yaaliin taasisee ture hin milkoofne.

Waa'ee haleellaa raawwatamee "odeeffannoo akka hin qabne" kan ibse itti gaafatamaan Komunikeeshinii Raayyaa Ittisa Biyyaa Koloneel Birasaaw Shifarraaw, "qaamoleen olaanoo isaan ilaallaturraa' odeeffannoo walitti qabatee deebii akka kennu dubbateera.