Dubartiin hirriba keessaa jawwee laphee isheerra ciiseen dammaqxe, akkam taate?

    • Barreessaa, Tifaani Tarnibuul
    • Gahee, Siidnii

Gaafa Wiixataa halkan qixxee keessa dubartiin kuni hirriba keessaa dammaqxee kaate.

Wanti hirribarraa ishee kaasemmoo waan isheen hin eegne. Akka isheetti sareetu laphee isheerra ciise seete.

Dunquqquu keessaa kaatee saree ishee yoo tuquuf barbaaddu harkiishee waan hin baramne tuqe.

Edaa saree ishee miti jawweetu laphee isheerra ciisee ture.

Yeroo kana uffata qorraa uffattee raftee ofitti harkistee dhokattee.

Abbaan warraa ishee ibsaa siree biraa yoo ibsu wanti argan sodaa isaanii mirkaneesse.

''Hin socho'in. Jawween 2.5m ta'u sirra ciiseera,'' jedhee abbaan warraa itti dubbachuu dubartiin kuni BBC'tti himte.

Baay'ee rifatte. Saroota barbaadutti kaate.

Sareen ishee tokko bofa mana jiraachuu isaa yoo bare rakkoo caalutu dhalata jettee yaadde.

Yoona kana dubartiin kuni suuta jettee dhokattee miliquuf yaalte.

Akka tasaa ta'ee jawween kuni summii hin qabu.

Erga jawween irraa bu'eetii suuta jettee karaa seeneen akka bahu goote.

''Akka natti fakkaatutti yoo tasgabboofte, isaanis ni tasgabbaa'u,'' jechuun himti.

Mudannoo kanaan namni osoo hin miidhamiin hafeera.

Jawween gosa akkanaa bakkee bishaan qarqaraa Awustiraaliyaatti baay'inaan jiraatu.

Bineensota xixiqqoo kanneen akka simbiraa fa'i sooratu.

Jawween garuu akkamitti nama liqimsaa?

Gosni hawwee garagaraa jira. Jawween namallee ni liqimsa.

Fakkeenyaaf Indoneeshiyaa bulchiinsa Jaambitti jawween dubartii tokko guutummaatti liqimsuu miidiyaan biyya keessaa gabaase.

Garuu Jawween akkamitti nama nyaata?

Dubartiin kun Jahraa jedhamti, umuriin ishee ganna 50 keessa. Jahraan osoo isheen gara hojii deemtuu Jawween ishee ajjeesee liqimse.

Bakka isheen buute erga dhabamtee guyyaa tokko booda jiraattonni naannoo Jawwee garaan isaa baay'ee guddaa ta'e argan.

Jawwicha erga ajjeesanii booda reeffa ishee garaa jawwichaa keessatti argan.

"Namni kun du'aa isheetu garaa jawwee keessaa argame," jedhe poolisiin.

Reeffi ishee yeroo argamu fayyaa akka ture hime poolisiin.

Jawwichi yoo xiqqaate meetira shan akka dheeratu himan jedhan jirattonni.

Taatewwan akkanaa baay'ee xiqqaa ta'us, kuni Indoneeshiyaa keessatti isa jalqabaa miti.

Jawween akkamitti miidhaa nama irraan gaha?

Waggoota shanan darban keessatti gosoonni jawwee Indoneeshiyaatti namoota ajjeesu kun meetira 10 kan dheeratuu fi nama adamsuun miidhaa qaqqabsiisa.

Nama qofa osoo hin taane, waan miidhaa irraan gahe tokko hatattamaan itti marmee caccabsa.

Ukkaamsudhaan yookin onneen akka dhaabatu gochuun- daqiiqaa muraasa gidduutti ajjeesa.

Jawween waan nyaate tokko guutummaan liqimsa. Mangaagan jawwee ligaamentii gargar yaa'u irraa hojjatame waan ta'eef gaafa waa liqimsu sirriitti afaan bana.

Nama yeroo liqimsu garuu waanti baay'ee jawwee danqu, gateettii namaati.

Sababni isaa gateettiin namaa baay'ee hin dhodhommoqu jetti qorattuu kunuunsa bineeldotaa Singaappor kan taate Meerii Ruut .

Bineensota gurguddoo biroo ni nyaatuu?

Jawween addatti yeroo hedduu lubbu-qabeeyyii hoosistoota ta'an nyaata, ta'us garuu darbee darbee bineensota gurguddoo biroo warra akka naachaafaa dabalatee akaakuu reppitaa'elootaas ni nyaata," jedhu Aadde Low.

Kan barame antuutawwaniifi bineensota xixiqqoo biraa nyaachuu isaaniiti jetti Aadde Low.

"Garuu yeroo qaamni isaa guddatu antuutawwan nyaachuurraa dhimma hin qaban, sababiin isaa ammoo kaaloriin qama isaaniitiif barbaachisu antuutaan waan hin guutamneef."

"Yeroo bineensa tokko liqimsu [jawween] hanguma bineensa adamsee liqimsuu Sanaatti dhifamee guddachuu danda'a."

Bineensaafi beeyladoota warra hanga booyyeefi horii ykn sa'aa gahu liqimsuu danda'a.

Yeroo tokko tokko hanga nyaata inni sooratuu akka sirrii hin taanetti shallagamuu danda'a. Bara 2002 keessa, jawween Barmaa tokko Filooriidaa keessatti bineensa naacha fakkaatu guddaa Aligaator jedhamu guutummaatti liqimse.

Jawween kun yeroo bineensa kana liqimsaa jirutti tarsa'ee dhohuu isaatiin lamaan isaanii du'aniiru. Du'aa jawwichaafi aligaator sana ammoo kan arge poolisoota paarkii turan.

Bineensi akka jawwee kun bineensa kan adamsee nyaatu carraa eeggatee ykn haala ilaallatee filee nyaata.

Waan adamsee nyaatu isaaf mijatu hanga argatutti soorata malee waanuma xiqqoo dhamdhamuun hanga waan guddaa ta'e argatetti turuu ni danda'a.