Saawwa mukaan of hooqxu saayintistoonni ajaa'iba jedhan

Saayintistoonni erga saani Ostiriyaa Veronikaa jedhamtu ga'umsa ajaa'ibaa mul'iste booda waan horiin gochuu danda'an irratti deebi'anii of gaafataa jiru.

Saani kuni mi'a fayyadamte of hooqxi, lafa arrabnishee hin dhaqqabnees ittiin hooqqatti.

Qorannoon qorattoota Viyeenaan ifa taasifame kuni horiin kan duraan yaadame caalaa cimina sammuu qabaachuu akka malan akeeke.

Veronikaan qe'ee baadiyyaa Ostiriyaa gaarreen qabu keessatti argamu keessatti jiraatti.

Waggootaafis ulee, harataafi kaaniin of hooqxi.

Amalli ishee kunis qorattoota amala horii Viyeenaa argaman bira gahe.

Saani kuni meeshaadhuma tokko fiixee gar tokko waan biraaf, kan biraammoo waan biraaf fayyadamti.

Dugda ishii yookiin qaama ishee biraa arrabnishee bira hin geenye fiixee harataa isa lafa itti haran fayyadamti.

Bakka hooqqannaa salphaa qofa barbaadduttimmoo, fakkeenyaaf garaa jalaa fa'i, fiixee harataa karaa muka isaa fayyadamti.

Bineeldoti mi'a akkanaa yeroo fayyadaman addunyaa bineensotaa keessa arguun baay'ee xiqqaadha.

Saawwan immoo fayyadamuun isaanii galmaa'ee hin beeku.

Dr Antooniwo Osunaa - Maskaaro Yunivarsitii Medisinii Viyeenaa irraa akkana jedhan: ''Saawwan meeeshaale ni fayyadamu jennee hin eegnu,'' jechuun dubbatan.

Inumaa immoo dhimma garagaraaf fayyadamu jedhanii akka hin eegnee himan.

''Hanga yoonaatti chimpaanziin itti fufinsaan yeroo fayyadamanidha kan gabaafame,'' jedhan.

Namootaan ala chimpaanziin meeshaalee adda addaa dhimma bahu. Fakkeenyaaf mukaan goondaa ittiin funaanu yookiin dhagaatiin ija mukaa ittiin cabsu.

Haa ta'u malee, dhalli namaa waggoota 10,000'f horiii waliin jiraataniiru.

Ta'us, yeroo duraatiifi saani meeshaatiin yeroo dhimma baatu kan galmaa'e.

Qorattoonni akka jedhanitti wanti argan kan tilmaamamurra qaroo ta'uu isaaniifi saawwan kaanis carraan yoo kennameef ga'umsa wal fakkaataa akka guddifatan himani.

Abbaan qabeenyaa Veronikaa Witgaar Wiyegelee ga'umsa saawwa isaanii namoonni argan uumama akka isaan gatii kennaniif godha jedhu.

Qorannoon kuni barruu Current Biology gubbaa maxxaneera.