Ayaatolaan mormii tibbanaa irratti kumaatamni ajjeefamuu amanan

Hogganaa olaanaan Iraan kumaatamni mormii tibbana Iraan keessa tureerratti ajjeefamuu yeroo jalqabaatiif ifatti bahuun amanan.

Ayaatolaa Alii Kaameenii haasawa Sanbata duraa godhaniin, kumaan kan lakkaawaman "kuun karaa namoomaaf hin mallee fi sukkanneessaan" ajjeefaman jechuun kanaaf immoo Ameerikaa himatan.

Akka dhaabbanni mirga namoomaa US keessa maandheffate Iranian Human Rights Activists News Agency (HRANA) jedhetti hookkarri Iraan keessa ture lubbuu namoota 3, 090 galaafate.

Gareen rogeeyyii kuun immoo inumaa lakkoofsi kanaa olii dhumuu himu.

Iraan keessaa sababa interneetiin cufameef odeeffannoo qulqulluu argachuun rakkisaadha.

Pirezidaantiin Ameerikaa Donaald Traamp hiriirtotaan "mormii keessan itti fufaa" jechuun yoo ajjeechaan humnoota nageenyaa kan itti fufu taate Ameerikaan humna waraanaan akka jidduu seentu dhaadatanii turan.

"Kanneen Israa'elii fi Ameerikaa waliin hidhata qaban badii guddaa fi ajjeechaa kumaatamootaaf sababa ta'aniiru" jedhan Ayaatolaan haasawa miidiyaa mootummaa Iraanirratti haasawa godhaniin.

"Pirezidaantii Ameerikaa akka yakkamaa qaama badii kanaa, mancaatii fi maqa-balleessaa nama biyya Iraan gooluutti fudhanna."

Iraan keessatti mormiin qaalayiinsa jireenyaan walqabatee Mudde 28 eegalame, gara mormii Bulchiinsi Iraan haa bu'uutti ol guddate.

Mootummaan Iraan hiriiricha kan diinotni Iraan kan deggaraman jedheen.

Mormitootarratti humnoota nageenyaan haleellaa hamaatu godhame, maddeen BBC Persia fi BBC Verify humnoonni nageenyaa yoo hiriirarratti dhukaasan mirkaneessan.

Kana malees, Iraan keessatti guutumatti sadarkaa jedhamuun intarneetii fi tajaajilli qunnamtii adda citanii jiru.

Sanbata duraa qunnamtiin ture 2% akka hin caalle cyber monitor NetBlocks hime.

Guyyoota as aananis jeequmsi jiraatus sababa cufamuu interneetiin waan lafarratti ta'aa jiru hubachuun rakkiseera.

Dubartiin kibba lixa Iraan, Shiraaz, jiraattu, BBC Persia'tti akka himtetti "humnoonni nageenyaa motoraan naannawanii haalicha to'achuutti jiru, haalli hundi bakkatti waan deebi'es jette.

Ayaatolaa Kaameenii dubbii isaa Sanbata duraa keessatti, Iraan Pirezidant Traamp akka "yakkamaatti" fudhatti "inni jeequmsa dhiyoo Iraan keessa tureef gaafatamuu qaba" jedhan.

Miidiyaa hawaasaa isaanii irratti "Galmi Ameerikaa Iraan liqimsuudha" jedhan.

Traamp himannaa Ayaatolaa kanarratti deebii hin kennine.

Ministeerri haajaa alaa Ameerikaa Sanbata xinnaa darbe "Iraan buufataalee waraanaa Ameerikaa rukutuuf akka filannootti qopheeffachaa jiraachuu gabaasa argadhe " jedhee ture.

Teehraan yoo tarkaanfii kana kan fudhattu taate, "balaa baay'ee baay'ee hamaatu" ishee mudata jechuun "Iraan Traamp faana taphachuu" akka dhaabdu akeekkachiise.

Roobii darbe "ajjeechaan Iraan keessaa dhaabachuu, garuu bulchiinsi waraanaa biyyattiitti itti fufee akka jiru'' Pirezidantiin US quba qabaachuu dubbate.

Yaadni isaanii kun US fi UK'n humna qilleensaa isaanii buufata waraanaa Kataar keessaa qaban Al-Udeid hir'isuu hordofee kenname.

Ameerikaa "of eeggannoof" humna waraanaa gariin akka baaste Ameerikaatti michuun BBC, CBS qondaaltota irraa odeeffateera.