Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
'Iraan hiriira mormii gaggeeffamu humnaan dhaabsisuuf yaalti taanan US gidduu seenti' - Tiraamp
Pirezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp hiriira mormii Iraanitti gaggeeffamaa jiru ilaalchisee Iraan akeekkachise.
Mootummaan Iraan namoota karaa nagaan hiriira mormii gaggeessaa jiran irratti tarkaanfii humnaa kan fudhatu taanan US callistee akka hin ilaalle ibsuu isaa maddi oduu Rooyitars gabaase.
"Iraan namoota hiriira nagaa gaggeessaa jiran humnaan tarkaanfii humnaafi dhukaasuun kan ajjeestu yoo ta'e, US gidduu seenti," jechuun har'a, Jimaata, fuula miidiyaa hawaasaa kan dhuunfaasaa ta'e Truth irratti maxxanse.
"Hidhannee deemuuf qophii xumurree jirra," jechuun Ameerikaan namoota hiriira bahan baraaruuf akka birmattu barreesse.
Tiraamp US dhimma mormii Iraanitti gaggeeffamaa jiruu gidduu akka seentu ibsuun alatti tarkaanfii waraanaa moo qoqqobbiin akka gidduu seentu waanti ifa godhe hin jiru.
Sababa qaala'iinsa jireenyaafi gatiin maallaqa biyyattii gabaarratti baay'ee gadi bu'eef magaalota Iraan heddu keessatti mormiin guddaan dhalatee jira.
Mormii kana hordofee namoota hiriira bahan heddu ajjeefamuutu gabaafame.
Miidiyaan Fars news agency fi gareeleen mirga namoomaa akka himanitti, walitti bu'iinsa hiriirtotaa fi qaamolee nageenyaa gidduutti dhalateen kibba lixa Iraan magaalaa Lordigaan keessatti namoonni lama du'an.
Namoonni sadi immoo Aznaa keessatti kuun immoo Kuudaash keessatti du'uu Fars gabaase.
Kamisa walitti bu'iinsa namoota hiriira mormii bahanii fi qaamolee nageenyaa gidduutti dhalateen konkolaattonni yoo gubatan viidiyoowwan miidiyaa hawaasarratti qoodamaa turan.
Diinagdeen Iraan sababa qoqqobbii Ameerikaafi rakkoolee biyya keessaan daddaaqamuu erga eegalee bubbuleera.
Tiraamp bara 2018 US waliigaltee idiladdunyaa dhimma nikularaa Iraan keessaa US akka baatu gochuun biyyattiirra irra deebin qoqqobbii kaa'uu hordofee diinagdeen biyyattii heddu miidhameera.
Gama biraan ammoo Iraan ganna darbe guyyoota 12 kan ta'aniif Israa'el wajjin waraana cimaa gaggeessitee turte.
Iraan keessatti bara 2022 erga dubartii Maahsaa Amiinii jedhamtu hijaaba 'sirnaan fuulatti hin uffanne' jedhamtee hidhamuun hidhaa keessatti duutee as mormiin cimaan akka ammaa hin kaane.