Waraana Guyyaa 12: Iraan viidiyoo haleellaa Israa'el wiirtuu sirna ittisaasheerratti raawwatte gadhiiste

Waraanni Israa'el fi Iraan gidduutti guyyoota 12 gaggeeffame erga dhaabbatee ji'a ja'aan booda Iraaniyaan Biroodikasing Korporeeshiniin (IBRC) viidiyoo yeroo Israa'el wiirtuu ittisa humna qilleensaa waraana Rippabilika Islaamaa Iraan irratti haleellaa raawwattu agarsiisu gadhiise.

Viidiyoon kun kan gadhiifame wayita itti-aanaa hogganaan oppereeshinii humna qilleensaa Iraan Birgaader Jeneraal Reezaa Kaajaa waliin gaaffiifi deebiin taasifamutti ture.

Gaaffiifi deebiin qondaala oppereeshinii ittisaa humna waraanaa Iraan kana waliin taasifamaa osoo jiruu yeroo Israa'el fuulaa humna waraanaa haleeltu agarsiisu lamatu agarsiifame.

Viidiyoo lamaan gadhiifamanii namni daawwate kanneen keessaa tokko keessatti haleellaa kanaan sirni ittisaa irratti xiyyeeffatameera, garuu bakki isaa eessa akka ta'e addatti hin ibsamne.

Viidiyoo kanarratti guyyaan IRIB galmaa'e Waxabajji 13 yo ta'u, kun guyya jalqaba Israa'el Iran itti haleelte ture.

Akka Birgaader Jeneraal Reezaa Kawaajaa jedhutti, "qondaalonni lama" kan sirna ittisaa haleelaa Israa'el gaggeessitu dursee sirna sana keessaa bahaa kan turan yoo ta'u, baayyees madaa'aniiru.

Haata'u malee, viidiyoo biraa yeroo gaaffiifi deebii taasisutti gadhiifame ilaalchisee itti-anaan ajajaa waraanaa oppereeshinii humna ittisaa Iraan kun akka jedhetti, viidiyoon kun yeroo "Wiirtuun Ajaja Humn Ittisaa Tabriz" irratti xiyyeeffatame ture.

Akka suur-saalee dhaabbata kanarraa gadhiifameetti, osoo misaa'eloonni baka sana hin rukkutiin dura namoonni baayyeen achi keessa hojjetaa kan jiran yoo ta'u, yeroo dhaabbitichi aleelamu baayyeen isaanii bahaa osoo jiranii mul'ataniiru.

Birgaader Jeneraal Reezaa Kaajaa akka jedhetti, namoonni kunneen akka isaanirratti xiyyeefftameeru ni beeku ture.

Itti-aanaan ajaja Oppereeshinii Ittisa Qilleensaa Warana Iraan gaaffiifi deebii kana keessatti waraana guyyoota 12f Israa'el fi Iraan gidduu tureen qondaalonni humna ittisaa "35" ajjeefamaniiru jedhe.

Yeroo sanatti " xiyyaarotaafi diroonota Israa'el 196 ta'an humna ittisaa qilleensaan rukkutamanii kuffiifamaniiru" jedhe qondaalli waraanaa olaanaa Iraan kun.

Viidiyoon kun kan gadhiifame yeroo Israa'el fi Iraan gidduutti waraanni deebiyee ka'uu mala jedhamee sodaatamaa jiruttidha.

'Israa'el xiyyaara waraanaatiin hin seenne'

Dirooniiwwan Israa'el kuffiifaman garri caalan Hermes 900 fi Hermes 450, akkasumas dirooniiwwan Heron jedhaman yoo ta'an, harki caalaan isaanii Iraan lixaa, giddu-galeessa biyyattiifi Tehiraan keessatti qabamuusaanii ibsa Birgaader Jeneraal Reezaa Kaajaa.

Iti-aanaan ministira ittisaa Iraan akka jedhutti taanaan, haleellaa Israa'el gaggeessite guyyoota jalqabaa "galaanarraa, akkasumas misaa'elootaan" kan turan yoo ta'u, Israa'el "jalqaba waraana xiyyaaraan haleellaa hin gaggeessine".

Gaaffiifi deebiin, akkasumas viidiyoowwan haleellaa Israa'el dhaabbileen ittisaa Iraan irratti gaggeessite tibbana gadhiifame kun karaa idileen kan hin taaneefi hin mikanofnedha.

Dhaabbileen miidiyaa gara garaa naannoo sana keessa jiran humni qilleensaa Israa'el samii Iraaq fi daangaa Iraanitti dhiyoo akka turan gabaasanii ture.

Birgaader Jeneraal Reezaa Kaajaa, xiyyaatti waraanaa Israa'el jiraachuu danda'aa gaaffii jedhuuf deebii yoo kennu, waraana guyyaa 12 sana booda humna qilleensaa Iraaniif yaaddoon hin jiru jedhe.

Gaaffiifi deebii kana keessatti, humna Israa'el cimaa dura dhaabbachuuf dandeettii Iraan qabdu ifatti dorgomsiisuun, "galmi guddaa" humda ittisaa Iraan dandeettii "xiyyaara waraanaa cimaa" qilleensa biyyattii seenu qolachuu danda'uudha jedhe.

Erga waraanni sun jalqabee kaasee hanga ammaatti dandeettii hmna ittisaa Iraan iratti qeequmsi ka'aa jira.

Yeroo waraana sanaa, Israa'el Ajajaa waraanaa waliigalaa, ajajaa humna qillesnaa, dursaa Ejensii Tikaa IRGC, ajajaa Waajira Muummee Kataam al-Anbiyaa, booda ammoo kan isa bakka bu'e, akkasumas namoota baayyee sagantaa nukilaraa Iraan keessa warra jiran dabalatee ajajoota olaanoo Humna Eegumsa Warraaqsaa Islaamaa irrati xiyyeeffachuun halalate.

Yunaayitid Isteetis dhaabilee nukilaraa Iraan jajjaboo Nataazaa, Isfahaan fi Fordoq rukkuttee ture.

Erga dhukaasni dhaabatee kaasee, aanga'oonni Iaan waraanaatti seenuuf akka fedhii hin qabne irra deddeebiin himaa jiru. Haata'u malee, haleellaa biraa jiraachuu maluuf qophaa'uu dubbatu.

Qondaalonni wraanaa Iraan biyyattii yeroo waraana guyyaa 12 sana Israa'eliin haleeluuf humna qabdu hunda hin fayyadamne jedhu.