Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
'Mootummaan abbaa irree suuta dadhabaa tasa du'a, carraan Iraan maali?
Mootummaan abbaa irree akkamiin du'a? Barreessaan beekamaa Ernast Heemiingweey akka jedhetti - diinagdeen gaafa qullaa hafu du'a tasaa du'a.
Kanneen hiriira mormii bahaniifi deeggartoonnisaanii biyya alaa jiran mootummaan Islaamaa Teehraan jiru sadarkaa tasa du'uurra akka jirutti abdatu.
Mallattooleen mul'atan garuu mootummaan kuni yoo du'aa jira tahellee, ammayyuu sadarkaa tirannaarra jira.
Tasgabbii dhabuun torban lamaan darbe keessa mul'ate mootummaan Iraan rakkoo keessa akka jiru mul'isa.
Dheekkamsaafi sodaan lammiilee Iraan daandii gubbaatti mul'ataa ture. Kan miilanaa garuu haleellaa waraanaa US fi Israa'el waggoota lamaan darbe raawwatan irratti dhimma dabalame dha.
Tahus lammiilee Iraan maatii isaanii sooruu rakkataniif qoqqobbii biyyattiirra kaa'ametu irra caala dhiibbaa qaba.
Waliigaltee niwkilaaraa bara 2015 tureen qoqqobbiiwwan UN ka'anii kan turan.
Waliigalteen kuni diigamuun booda UK, Jarmanii fi Firaans deebisanii Iraanirra qoqqobbii kaa'aniiru. Bara 2025 gatiin nyaataa Iraan %70 ol taheera. Humni waa bituu qarshii biyyattii riyaa, gad bu'aa tahuun Mudde darbe keessa rekardii qabateera.
Mootummaan Iraan dhiibbaa guddaa keessa jiraatus, ragaan jiru garuu duutisaa dhihoo akka hin taane agarsiisa.
Humnooti nageenyaa biyyattii amanamoo dha. Warraaqsa Islaamaa bara 1979 adeemeen aangoowooti Iraan yeroo fi maallaqa isaanii dhangalaasuun humna namaa hin hilleefi hacuucaa tahe ijaaraniiru.
Torban lamaan darban keessa humnooti mootummaa kanaa ajaja namoota hiriira bahanitti dhukaasuu fudhatanii hojiirra oolchaniiru.
Kanaanis hiriirri mormii torban darbanii goolabameera- qondaaloti koominikeeshinii waan ugguraniif amma haala jiru hubachuun rakkisaa dha.
Hiriira mormii kana dhorkuufi tarkaanfii fudhachuu duuba humna qofaa socho'u Iranian Revolutionary Guards Corps (IRGC) jedhamutu jira. Kuni Eegduu Biyyaalessaa Iraan dha.
Dalagaan dhaaba kanaa ilaalchaafi sirna moootummaa warraaqsi bara 1979 gara aangootti fidee tiksuu dha. Hogganaan amantii olaanaa biyyattii Ayaatoolaa Alii Kaameeniif itti waamama kan qabu yoo tahu, IRGC humnoota 150,000 qaba.
Humna waraanaa biyyattii idilee waliin hojjeta. Diinagdee Iraan keessattis shoora guddaa qaba.
Aangoo, qarshii, malaammaltummaafi ilaalchi wal-keessa waan jiraniif sirna kana tiksuun waanuma eegamu dha.
Humni IRGC jedhamu kuni humna gargaaraa milishaa Baasiij jedhamus qaba.
Humni kunis miseensota miiliyoonaan lakkaa'aman qaba. Ragaaleen gariin humna loluuf qophii tahe kuma dhibbaan lakkaa'amu qaba jedhu, kunis lakkoofsa xiqqaa miti.
Bara 2009 keessa humni IRGC fi milishaan Baasiij falmii bu'aa filannoo booda mormii ka'ee turee irratti tarkaanfii fudhatanii ture. Alangaafi ulee qabataniit daandii gubbaa bobbaafamani ture.
Duuba jara kanaa ammoo humnoota waraanaa akkaan hidhatantu jira. Gareen doqdoqqeedhaan gulufus hiriirtota mormiif bahan gaada ture.
Yeroo torbee lamaa keessatti mormitoonni daandiirra duudanii turan akkaan hir'isanii barattoota muraasati karaarraa mormii dhageessisaa isaanis achumaan sagaleen bade.
Humni nageenyaa biyyattii jabaa dha jechuun garuu hooganaa olaanaa biyyattii fi hogganooti olaanoo yaaddoo hin qaban jechuu miti. Donaaldi Tiraamp tarkaanfii akka fudhatu dhaadataa ture.
Lammiilen Iraan miiliyoonaan lakkaa'aman kan mootummaan kuni akka kufu barbaadan dheekkamsi isaanii waan jabaate fakkaata.
Teehraan keessatti mootummaafi hogganaan olaanaa biyyattii dhiibbaa jabaa irratti ka'aa jiru waan laaffisuu waan barbaadan fakkaata. Haasaan lolaa biyyattii Ameerikaa waliin marii'achuu kan jedhu waliinis wal makaa dha.
Biyyooti lamaan kunneen akkamiin sagantaa niwkilaaraafi baalaastikii irratti waliigalteerra gahuu danda'u kan jedhu tilmaamuun rakkisaa dha. Haa tahu malee marii'achuun Iraaniif yeroo bituufi danda'a keesumaa Tiraamp waliigateerra gahuu irratti yoo amane jechuu dha.
Tiraamp biyya Iraan wajjin daldaltu kamirrattiyyuu taarifa%25 akka kaa'u himeera. Ammas haalli kuni akkamiin hojjeta kan jedhu arguun rakkisaa dha. Boba'aa Iraan harka guddaa kan bitu Chaayinaa dha.
Tiraampiifi hogganaan Chaayinaa Shii Jiinpiing waraana daldalaa adeemsisaa turan hamma kora Beejiing Ebla taasifamutti addaa kutaniiru.
Korri kuni rakko biyyoota addunyaa gurguddoo lamaan mudate irratti akka marii'atu eegama. Tiraamp Iraanumarratti dhiibbaa gochuuf jecha qofa kora kana jeeqaa?
Teehraan keessatti hogganaa olaanaa biyyatti Ayaatoolaa Kaameeniidhaaf waanti dursu sirna Rippaabliika Islaamaa kana tiksuu dha. Mormiin jabaannaan tarkaanfiin fudhatamus akkasuma jabaachaa adeema.
Mootummaan mormitootni hoggana caasaa qabu dhabuusaanii akka carraatti fayyadama. Ilmi hangafaa Shah(mootii) waggaa shantama dura aangoorraa kaafamee sochii kana keessatti hoggana tahuuf yaalaa ture.
Maatii mootiirraa argamuufi Israa'el waliin hidhata qabaachuun carraa qabu daangeesseera.
Qondaaloti Teehraan kan isaan barachuu danda'an michuu isaanii duraanii Bashaara al Asaad irraati. Namni kuni yeroo mootummaansaa bara 2024tti finciltootaan haleelame Saa'udiifi Liigii Arabaan bayyaannate.
Raashiyaafi Iraan michootisaa ijoo jedhaman kufaatiirraa isa hambisuuf fedhiifi dandeettii hin qaban ture. Boodarra maatiisaa waliin gara Moskootti baqate.
Mootummaan abbaa irree suuta dadhabaa, achiin tasa du'a. Kufaatiin Sooriyaa Asaad tasa ture.
Fakkeenyi biraa ammoo akkatti Pireezidantiin Tuuniziyaa Been Alii kufe dha. Bara 2011 waraanni hiriirtota humnoota nageenyaa irraa eege kunis kufaatii hogganaa kanaa saffisiise.
Been Aliin kufuun hogganaan Masrii yeroosii Hoosnii Mubaarak akka kufu sababa tahe. Hiriirri itti bahamaa turerraa hafa ture garuu humnooti hidhatan aangoo ofii tiksuuf jecha inni akka deemu eyyaman.
Kuni Iraanitti tahuu danda'a? Feetu. Waan mirkana qabu garuu miti.
Mormitoonni mootummaa kanarratti keessaafi alaan dhiibbaan akka jabaatu barbaadu. Hogganni amanamu uumamee kufaatiin mootummaa suuta tirachuurraa tasa akka tahu abdatu.