Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Eegdoonni Warraaqsa Islaamummaa Iraan abdattu eenyu, hangam cimaadha?
Iraan mormii ummataa jabaa torbanootaaf itti fufeen raafamaa jirti. Tarkaanfii humnoonni nageneyaa fudhachaa jiraniin namoonni dhibbaan lakkaa'aman ajjeefamanii, kumaan kan lakkaa'aman ammoo hidhamaniiru.
Tarkaanfii mormii kana to'achuudhaaf mootummaan Iraan fudhachaa jiru akka Ameerikaan gidduu seentu gochuu danda'a Pirezidant Tiraamp akeekkachiisaa jira.
Iraanis mariif qophii ta'uushee garuu qaama dhimma keessooshee keessa seenu waliin waraanatti seenuuf qophii ta'uu beeksifteetti.
Iraan humna waraanaafi nageenyaa cimaa qabaattullee haleellaa yeroo darbe Israa'el fi Ameerikaatii irratti raawwatameen baayyee jalaa miidhameera.
Haata'u malee, ammas taanaan humna biyya keessaafi alarraa isheeti dhufuuf akka humna ittisaatti kan itti gargaaramtuufi abdattu humna Eegdota Warraaqsaa Islaamummaa Iraanidha. Haleellaa Ameerikaarras ta'e qaama kamirraayyu itti aggaamamuuf Eegduun kun humna biyyattiin abdattu isa guddaadha.
Humni waraanaa Iraan abdattu kun eenyduah? Humna hangamiimmoo qaba?
Haleellaa Israa'el Waxabajjii 13, 2025 gara barii keessa Iraan irratti raawwatteen, ajajoonni waraanaa olaanoofi qorattoonni niikulaaraa Iraan hedduun ajjeeffamu biyyattiin mirkanneessiteetti.
Haleellaa kanaanis ajajaa humna qilleensaa Eegdoota Warraaqsa Islaamaa Iraan dabalatee yoo xinnaate ajajoonni humna waraanaa Iraan olaanoon 20 ta'an ajjeeffamaniiru.
Ofii humni waraanaa Iraan ittiin boontu kun maaliidha? Dandeettii attamii qaba?
Waraaqsi Islaamummaa Iraan erga michuu warra lixaa kan ture mootummaan Shaah aangoorraa buusuun aangoo qabatee booda Iraaniifi biyyoonni lixaa diinummaa waggoota lakkoofsiise keessa jiru.
Iraan humna waraanaashee cimfachuudhaan gabisni niikulaaraa gaggeessaa jirti jedhamu yaaddoo ta'usaatiin alatti, hidhattoota cicimoo jedhaman kanneen Baha Gidduugaleessaa keessatti argaman ifatti deeggaruudhaan biyyoota lixaafi michootashee irriiba dhorkeete ture.
Humni Eegdoota Warraaqsa Islaamummaa kunis sirna Islaamaa biyyattii eegsiisuuf akkasumas waraana idilee deeggaruuf jedhamee waggaa 40 dura hundeeffame.
Ameerikaa fi Kaanaadaan ammoo humni kun gochaawwan ''shororkeessummaa fi sarbama mirgoota namoommaa garaa garaa keessatti hirmaateera'' jedhuun garee kana shororkeessaa jechuun farajan.
Eegdoonni warraaqsa Islaamummaa Iraan yeroo ammaatti biyyattii keessatti humna waraanaa, siyaasaa fi diingadee ijoo ta'era. Hogganaanaa biyyattii olaanaa Ayaatolaa Alii Kaamenii fi aanga'oota biyyattii olaanoo biraa waliinis walitti dhufeenya cimaa qaba.
Humni kun loltoota kuma 190tti siqu akka qabu kan tilmaamamu yoo ta'u, humna lafoo, humna galaanaafi humna qilleensaa mataasaa qaba. Meeshaalee tarsimoo Iraan murteessoo jadhamanis kan to'atu humnuma kanadha.
Kana malees mormiiwwan biyya keessatti ka'an ukkaamsuun gaheensaa ijoo kan ta'e humna milishaa ''baasiijii'' jedhamuun beekamu akkasumas dhaabbilee gargaarsaa qaamaa diinagdee biyyattii taasifamuun lakkaa'aman isatu bulcha.
Humni eegdoota waraaqsaa kun damee waraanaa ''Qudis'' iedhamuun beekamaniif Iraaniin ala sochaniitti fayyadamuun mootummoota michii fi gareewwan hidhattootaa Baha Gidduugaleessaa keessatti argamanii deeggarsa maallaqaa, meeshaa waraa, teeknolojii fi leenjiiwwan akkasumas gorsa kennuudhaan dhiibbaa taasiseera.
Ameerikaan humna Qudis kanaan gareewwan shororkeessitootaa deeggaruu fi Iraaqii fi Baha Gidduugaleessaatti haleellaa du'a miseensoota waraanaa Ameerikaafi biyyoota michuu dhibbaan lakkaa'amaniif sababa ta'e raawwateera jechuun himatti.
Kanaanis Ameerikaan haleellaa bara 2020 keessa buufata xiyyaaraa Baagdad keessatti raawwatteen hogganaan waraanaa olaanaa biyyatti kan turan Janaraal Qaaseem Soleemaanii ajjeefamee booda Iraan haaloo ba'uuf kakatteetti.
Yeroo sanattis waajjirri ittisaa Ameerikaa Janaraal Soleemaniin haleellaa rookkeettii injinara Ameerikaa Iraaqiitti ajjeessee duuba jiraachuufi dippilomaatootaa fi loltoota Ameerikaa irratti haleellaa raawwachuuf karoora akka qaban ibsee ture.
Yeroo sanattis namoota ajjeecha Janaraa; Qaaseem Solemaanii booda jiraniin "haaloo ba'umsa guddaatu isin eeggata," jechuun hogganaan amantaa olaanaa Iraan Ayaatolaan akeekkachiisanii turan.
Ofii waaranni Iraan hagam guddaadha?
Akka Dhaabbata qorannoo tarsiimoo idil addunyaatti, hojii humna waraanaa keessa ammatti lammileen Iraan 523,000ttti tilmaaman ni argamu.
Kanneen keessaa miseensoti waranaa biyyaa 350,000 fi miseensonni Eegumsa Warraaqsaa Islaamummaa (IRGC)190,000 ni argamu jedhama.
Akkasumas looltooti addaa IRGC 20,000, gartuun bidiruu waraanaatiin naannoo qarqara galaanaa Hormuz kan to'atan jiru.
Dabalatanis IRGC'n gartuu Basij tola ooltota ta'an kan waldhabdee biyya keessa hir'isuuf hojjatan ni to'ata. Gartuun kun namoota kumaatamaan lakkaa'aman boobbaasuuf dandeettii qaba.
IRGC'n waggooti 40 dura adeemsa Islaamumma Iraan keessa jiru eeguuf kan hundaa'ee yoo ta'u amma garuu humna waraanaa, siyaasafi diinagdee mirga mataasaa qabu guddaa ta'ee jira.
Miseesotni isaa kan waraanaa biyya biyyaarra xiqqaataniis Iraan keessatti humna waraanaa aangoo olaanaa qabudha jedhamee yaadama.
Iraan waraana biyya alaatti sochii akkamii qaba?
Humni Qudii Janaraal Solemaniin hogganamaa ture, hojii dhooksaa IRGC biyya alaatti hojachuun kallattiin Hogganaa amantii olaanaa Iraan Ayatolah Komeeniitti gabaasa. Humni kun miseensota jajjaboo 5000 ta'an qaba jedhamee amanama.
Gartuun kun Iraaq keessatti humna waraanaa shiyaan to'atamee deeggaruun Gartuu IS injifachuu irratti gargaareera.
Haata'u malee Ameerikaan humni Qudii Baha Giddugaleesaa keessatti dhaabbilee US gartuulee shororkeessadha jedhuuf deeggarsaa maallaqaa, meeshaa waranaaafi leejii waraanaa kenneera jedha.
Kunneen sochii Hezbollaa Lebanoon fi Islaamik Jihaad Paalestaayiin of keessatti qabata.
Rakkoon dinaagdee fi qoqqobbiin adda addaa Iraan meeshaalee waraanaa hedduu akka alaa hin bitanne taasiseera.
Biyyootii naannooshee jiran waliin wal biratti yemmu ilaalamu baay'inni meeshaa waraanaa Iraan isa xiqqaadha.
Meeshaleen waraanaa Iraan bayyeen Raashiyaa irraa kaan ammoo Chaayinaa irraa galu.
Iraan misaa'eelii qabdi?
Eeyyee- Daandettiin miisaa'eeli Iraan humna waraanaashee keessatti bakka guddaa qaba.
Gabaasni Ministeera Ittisaa US humni miisaa'eelaa Iraan kan misaa'eelota fageenya gabaabaa fi gidduu galeessa of keessaa qabu kan biyyoota Baha Giddugaleessa keessaa isa guddaadha jedha.
Sagantaan misaa'eelii fageenya dheeraa Iraan waligaltee nukileera 2015 booda dhaabatte ture. Haala amma waligaltee kanarra jiruun booda garuu deebi'ee eegalun hin oolu jedhamera.
Waggaa darbee Caamsaa keessaa yeroo waldhabdeen Iraanii waliin jiru dabalaa dhufetti Ameerikaan meeshaa misaa'eeli offirra ittisu gara Baha Gidduugaleessatti ergitetti.
Iraan meeshaa waraanaa nukileera qabdi?
Iraan ammatti meeshaa waraanaa nukileeraa hin qabdu, kanaan duras nuukileeraa akka hin barbaadne dubbattetti. Nuukleera waraanaa oomishuuf garuu wantoota barbaachisaniis ta'e ogummaa isaa qabdi.
Waligalteen nukileera Iraanfi biyyooti jaha biroo walii mallateeffame, sochii nukleera Iraan irratti daangaa ka'uun qaamoolee idil adunyaa irraa to'annoo itti fideera.
Ajjeechaa Janaraal Solemani booda garuu Iraan hojiinshee homaanu akka hin daangeeffamne himteetti.
Waggooti dheeraaf qoqqobbiin irra jiraatuus Iraan diroonii omishachuu dandeesseetti.
Dhaabbati nukleeraa Iraan bara 2010tti haleellaan interneetaa (cyber-attack) guddaa erga irra ga'eetii booda, Iraan dandeetti haleellaa intarneeta ofiin eegalteetti.
IRGC'n ajaja humna intatneeta ofiisaa qaba jedhamee amanama.