Xiyyaarri Singaapoor osoo hin dhaabatiin km 15,000 balali'uufi

Daandiin Qilleensaa Singaapuur tajajila 'Airbus' A350-900 Onkoloolessa keessa jalqabuun kan jalqabaa taati jedhameera

Madda suuraa, SIA

Ibsa waa'ee suuraa, Daandiin Qilleensaa Singaapuur tajajila 'Airbus' A350-900 Onkoloolessa keessa jalqabuun kan jalqabaa taati jedhameera

Erga Singaapoor gara Niiwyoorkitti imaluuf saganteeffachuu himtee booda morkiin balala'iinsa akka addunyaatti dheeraa ta'e kennuu ho'aa jira.

Daandiin xiyyaaraa Siingaapoor tajaajila kallattiin gara Niiwyoorkitti balali'uu gatiin isaa qaalii waan ta'eef waggaa shan dura adda kuttee turte deebistee eegaluufi.

Imalli kun km 15,000 ol yoo ta'u sa'aatii 19 fudhata.

Daandiin xiyyaaraa Kaantaas Awustiraaliyaa magaalaa Perz irraa ka'uun gara Landanitti osoo hin dhaabatiin balaliinsa sa'aatii 17 jalqaba bara kanaa eegalee ture.

Kuwaatar ammoo balaliinsa sa'aatii 17.5 fudhatu Ookilaand irraa gara Dohaatti imalu qabdi.

Sagantaa balaliinsaa akka addunyaatti dheeraadha jedhama Singaapor irraa gara Niwyoorkitti taasifamu kanaaf imaltoonni dursanii bakka qabatanii, teessoon hafe akka hin jirree daandiin xiyyaarichaa BBC'tti himeera.

Xiyyaarri haaraan balaliinsa kanaaf tajaajilu imaltoota 161 kan baatu wayita ta'u, 67 kutaa sadarkaa duraa ykn 'bussiness class' jedhamu, namoonni 94 ammoo kan sadarkaa lammataa 'premium economy class' jedhamuun balali'u.

Kutaa sadarkaa duraa ykn 'bussiness class' jedhamu xiyyaarichi qabu

Madda suuraa, SIA

Ibsa waa'ee suuraa, Kutaa sadarkaa duraa ykn 'bussiness class' jedhamu xiyyaarichi qabu

Namoonni 'bussiness class' imalan turtii balalliinsa kanaa sa'aatii 19 keessatti yeroo fedhanitti al lama nyaata ajajatanii nyaachuu danda'u. Sireen irra ciisanis qabu.

Kanneen 'premium economy class' imalan garuu yeroo daandiin xiyyaaricha dhiyeessuuf al sadi nyaachuu danda'u.

Imalichi garba Paasifiik Kaabaa irraan, biyyoota akka Jappaan fi Kaanadaa irraa qaxxaamuree Niiwyoork akka gahu karoorfame.

Xiyyaarri balaliinsa kanaaf qabame A350-900 ULR (Ultra-long-range)

Madda suuraa, Airbus

Ibsa waa'ee suuraa, Xiyyaarri balaliinsa kanaaf qabame A350-900 ULR (Ultra-long-range)

Xiyyaarri balaliinsa kanaaf qabame A350-900 ULR (Ultra-long-range) kaampanii Airbus'n kan omishamu yoo ta'u balaliinsawwaan dheeraa akka kanaaf yaadamee kan tolfamedha.

Imalli Kamisa har'aaf saganteeffame kun seenaa imala xiyyaaraa keessatti boqonnaa haaraa fida jedhamee jira.