Tekinooloojii: Qorichoota talaallii dirooniin imalan

Diroonii Nisra Xeenaa

Madda suuraa, NISRE-TENA

Ammaan booda xayyaarri bicuu simbira fakkaattu sagalee dhaggeessisaa isin bira yoo kutte, maali jettanii hin yaadda'inaa. Tarii qorichoota talaallii baattee keellaa fayyaa isin dhiyeenya jiru biru geessaa jirti ta'a.

Dirooniin yookaan xayyaarri nama maleessi tajaajila fayyaaf oolti jedhamte guutummaatti Itoophiyaa keessatti hojjetamte, yaaliif qophaa'aa jirti.

Nisra Xeenaa (Eagle of Health) jedhamti - hiikni isaa 'Riisaa Fayyaa' jechuudha.

Dizaayinara diroonii kanaa keessaa tokko kan tahe Injinar Faasikaa Fiqree, dirooniin kun qorichoota talaallii kg 3 tahu baachuun al tokkotti keellaa fayyaa hanga fageenya kiloomeetira 100 argamutti sa'aatii tokko gadiin balali'uu dandeessi jechuun BBCtti himeera.

Hojii kana akkamiin akka eegalan wayita ibsuus, ''Xiyyaara nama maleessa yookaan diroona tajaajila waraanaan alatti akkamitti fayyadamna kan jedhu yeroo dheeraaf qorachaa ergan ture booda hojii kanatti gale,'' jedha.

Qorannoo kanaanis sababni haadholiin da'umsarratti lubbuusaanii dhaban inni duraa, dhiigni dhangala'uu tahuu hubadhe jedha.

Keessattuu naannoo baadiyyaatti dhiigni iddoo fi yeroo barbaadamutti gahuu dadhabuun, rakkoo guddaadha.

Dhimmuma kanarratti Ministeera Fayyaa waliin haasofnee, dhiiga iddoo barbaadamutti dirooniin balaliinee geessuu dandeenya jennee yaada dhiyeessine. Isaanis gammachuun simatan.

Diroonii Nisra Xeenaa

Madda suuraa, Nisre Tena

Ergasiis ammoo ministeeruma kana wajjin irradeebiin haasa'uun barbaachisummaa talaalliirratti waliigalle.''

Ergasiis dizaayinasaa akka talaallii baachuu fi raabsuu danda'utti irra deebiin midhaassanii tolchuun, yeroo muraasa gidduutti balaliinsa yaalii taasisuuf qophiirra akka jiranis, Faasikaan dubbateera.

Asxaa Nisra Xeenaa

Madda suuraa, Nisre Tena

Diroona kana kan gabaarra jiranirraa maaltu adda taasisa?

Dirooniin gabaarraa bitaman hedduunsaanii kuwaadkpoptar kan jedhamanii fi kan helikooptara fakkaataniidha. Footoo fi viidiyoo kaasuuf kunniin filatamoodha.

Hanqinni warri kun qaban garuu ulfaatinni isaan baachuu danad'an daran xiqqoodha. Imalli fagoos itti ulfaata. Qilleensa hamaa dandamachuu hin danda'an.

Dirooniin keenyas akkuma xayyaarota idilee 'fixed wing' kan qabdudha. Kunis dhiibbaa qilleensaa sa'aatiin tokkoon haga km 50 gahu dandamachuu isa dandeessisa.

Gama gatiinis tahe dirooniin isaanii gatii madaalawaa taheen kan dhiyaatu akka tahes dubbata.

%100 Itoophiyaa keessatti?

Dizaayina diroona kanaa guutummatti gareen lammiilee Itoophiyaa Faasikaafaatu tolche.

''Qaamolee diroona kanaa hedduus asumatti 3D Print'in tolchine/maxxansine. Motora diroona kanaas dizaayinasaa asumatti kaasne. Erga dizaayina kaasnee booda biyya alaatii hojjechiifne. Kunis akkuma ajajaafi dizaayina keenyaatti addatti kan hojjetamedha,'' jedha injinar Faasikaa.