UFO'n Kongirasii Ameerikaa wal-qoodu walitti fidaa jira

Madda suuraa, Getty Images
Dhugaan beekamu jira taanaan Kongireesiin Ameerikaa baruu barbaada.
Manni Bakka Bu'oota Uummataa Ameerikaa dhimma Qaamota Maalummaan isaanii adda hin baafamne irratti maree waamee ture.
Gaafa Roobii qaamoleen icciitii namatti tahan kunneen sakatta'insa sadarkaa mootummaa olaanaan akka isaan barbaachisu beekamtii kennaniiru.
Seera tumtoonni Ameerikaa, ''qaamota balali'an kan waliin isaanii adda hin baafamne as fidnaa miti, dhugaa jiru baruu barbaanna, '' jedhan miseensi Rippaablikaanii Tiim Barchee walgahiin eegaluun dura.
Yeroo sa'atii sadii fudhateen ragaa baatonni sadii waa'ee wantoota hin beekamne kanaa dubbataniiru. Wantoonni kunneen seera fiiziksii kan hin eegne dha jedhan. Paayilatoonni dubbachuu akka sodaataniifi wantoonni qaama baayolojikaala tahe qabanis xiyyaara keessaa argamee beeka. Warra dhimma kana isaan saaxilu irratti haaloo bahanii tahuu malas jedhaniiru.
Hundi saanii waan mirkaneessan garuu taateen waliinsaa adda hin baafamne kuni nageenyaa biyyalessaaf rakkoo akkka tahuu danda'u dha.
Walgahiin kuni waan addaa kan hime qabaachuu baatus-qaamotni dachii kanaan ala tahan (aliens) jedhamanis jiraachuu isaaniif mirkana hin kennine.
Tahus dhimma kana irratti ragaa bahumsa dhaggeeffachuuf taa'uuniyyuu waan guddaa dha jedhameera. Waraanni biyyatti dhimma wantoota balali'an kan waliin isaani adda hin baafamne kan irratti ifatti akka gabaasu seera tumtootaafi ragaa baatonni gaafataniiru.
Hogganaan Waraana Galaanarraa duraanii Deeviid Firaavoor waanti inni samii keessatti arge mastiikaa 'tic-tac' jedhamu kan boca siliindarii fakkaatu qabu haala balalistoota burjaajesseen socho'a ture arguu hime. Viidiyoon dhimma kanaa 2017 gadhiifamus waraanni Galaanarraa US waggaa lama booda mirkaneesse.
''Teeknolojiin argine waan asitti fayyadamnurraafi kan waggaa 10 dhufutti hojjenna jennurra baayyee guddata,'' jedhan Firaavor.
Deeviid Giraash, qondaalli tikaa humna qilleensaa duraanii US warri mootummaa odeeffannoo dhimma kanaan wal-qabatu akka dhoksaniifi warreen saaxil-baasan akka adaban himus, waan dabalataa dubbachuuf seerri akka isa dhorku dubbateera.
Nama moo nama miti?

Madda suuraa, Getty Images
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Miseensi paartii Riippaabliikanaa Naansii Mees Kibba Kaarolaayinaa irraa qaama adda hin baafamne kan argine jedhan akka isheef ibsan gaafattee turte.
Qaamni xiyyaara keessatti argame qaama baayolojikaalaa yoo taheef gaafattee turte.
Giraash wantoonni argaman kan qaama baayolojikaala qaban tahuu ibsuun dhimma nama tahuufi dhiisuu isaanii irrattis dubbataniiru.
''Kanneen dhimma kana irratti beekumsa kallattii qaban nama miti jedhaniiru,'' Af-gaaffii biraa irratti qaamota adda hin baafamne jedhaman ijaan akka hin argine himan.
Ragaa baatonni kara waraanaa, wantoota ibsamuu hin dandeenye kanarratti ifatti akka gabaasa baasan gaafatan.
''Paayilatoonni hojii isaanii otoo hin dhabiin waan argan akka gabaasan sirni godhu jiraachuu qaba, '' jedhan hogganaan Safe Aerospace Ameerikaa.
Kongireesiin biyyattii dhuma walgahii kanaarratti gaaffii kanaaf deebii kenna jedhamee yaadama.
''UAP'N kuni waraanaafi xiyyaara imaltootaa keenya irratti balaa akka fiduu danda'u hubachuu qaban, '' jedhan miseensi paartii Demookiraatii Kaalifoorniyaa Roobart Giraashiyaa.
''Gabaasni dabalataa akka bahu jajjabeessuu qabna, waanticha yoo hubanne, nageenyas eeguu dandeenya,'' jedhan.
Demookiraatotaafi Riippaabliikaanoti waan kanarratti dhimmamuu agarsiisanillee muraasni garuu shakkii qabu.












