Tikni Ameerikaa odeeffannoo UFO ilaalchisuun sassaabaa ture ifatti beeksise

An image of a UAP shown to US lawmakers, which looks like a green triangle against a black sky

Madda suuraa, NAVAL AIR SYSTEMS COMMAND

Ibsa waa'ee suuraa, Suuraa UAP, manatsirii halkaniin mul'ateefi seera baastota UStti dhiyaate

Tikni Ameerikaa odeeffannoo UFO ilkaalchisuun sassaabaa ture waggaa 50 booda ifatti beeksise.

Dhimma UFO argaman jedhamu irratti waggaa 50 booda yeroo jalqabaaf kongireesiin US dhaggeeffatee, gaaffilee wantoota ibsamuu hin dandeenyee muraasaaf deebiin kennameera.

Qondaaltoonni waraanaa olaanoo lama bakkeewwan UFO’n argaman jedhamu akka qorataniif ramadaman, hedduun isaanii adda baafamuun hin oolu jedhu.

Garuu lakkoofsi taateewwan akkanaa ibsa kennamuu yaalamu hunda darbeera jedhu.

Taateewwan humna waraanaan viidiyoo irratti warabaaman keessaa yeroo xiyyaarota US 11 waliin UFO kun wal rukutanii oolan kan agarsiisudha.

Wantoota Balali’oo Hinbeekamne (UAP) – kan humni waraanaa UFO jedhee waamu kun, haala mootara ibsamuu hin dandeenyeen kan balali’u fakkaata.

Ibsa kana irratti maaltu uumame?

Ibsa kana irratti qondaalli basaasaa Peentaagon olaanaa Roonald Mootrii, qorannoo “cimaan” UFO’n hunda osoo hin taane hedduun isaanii adda baafamuu danda’u jedheera.

“Wanti arginu hundi adda baafamuu, baramuu fi barbaachisaa taananis barbadeeffamuu mala,” jedha Obbo Mootrii.

Taateewwan muraasi garuu ibsamuu hin danda’ani. Taateewwan akkanaa keessaa tokko bara 2004’tti, balaliisaan xiyyaaraa Garba Paasifik irra balali’aa ture, yeroo wanta meetira kumaatama ta’u saffisaan gadi erga balali’ee booda, balallii dhaabee qilleensarra turuu isaa yemmuu argedha.

Taatee biraan, kan Kibxata yeroo jalqabaaf uummatatti agarsiifame, yeroo wanti hin beekamne jeetti waraanaa US bira balali’ee darbu viidiyoo irratti ni mul’ata. Wanti kun hanga ammaatti maal akka ta’e hin baramne.

“Taateewwan muraasi amala balallii amma odeeffannoo ibsuu hin dandeenye qabu,” jedha itti aanaan hogganaa tika waraanaa Iskoot Bireey. “Warra kanadha kan qalbii keenya hawwatanii jiran.”

Odeeffannoowwan UFO’n kun uumama addunyaa biraa irraa dhufan (aliens) jedhamu irratti, Bireey hanga ammaatti wanta uumama ykn caccabaa wanta kanaa argame hin jiru, akkasumas wantoota kan waliin kominikeeshinii uumuuf yaaliin taasifame hin jiru jechuun faalleessuuf yaalaniiru.

“Humnoota to’annoo UFO keessatti odeeffannoo wanti kun maddi isaa addunyaa biraa ta’uu danda’a jedhu hin arganne,” jedhaniiru.

Yaaddoo nageenya biyyaalessaa?

Kongiresiin yeroo dhimmicha dhaga’utti seera baastootni argaman akka jedhanitti wantoonni balali’oo adda hin baafamne kamuu nageenya biyyaalessaa irratti yaaddoodha.

Rippaablikaani Arkansaas Riik Kroofeerd akka jedhanitti, yaaddoo kamuu adda baasuu dhadhabuun “kufaatii tikaa hambisuu barbaadnudha.”

“Waa’ee xiyyaar-samii uumamoota addunyaa biraa barbaaduu miti,” jedheera.

US Deputy Director of Naval Intelligence Scott Bray explains a video of an unidentified aerial phenomena

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Daayireektarri ittaanaa Tika Humna Galaanaa US Scott Bray viidiyoo UAP agarsiisan

Dhimma wantoota amala balalii ibsamuu hin dandeenye irratti Bireey akka jedhanitti US teeknoolojii akkanaa irratti morkattoota kamuu “hin beektu.”

Kongiressiin dhimmicha ifatti erga dhaga’ee booda, kongireessiin seera baastota waliin dhokasaatti mari’achuuf balbala cufateera.

Waggootii dheeraaf uummatni dhimma wantoota balali’oo hin beekamne, ifa samiirratti mul’atu fi xiyyaarota addunyaa biraa irraa dhufan jedhamu irratti fedhii guddaa qabu.

Dhimma kana yeroo dhumaatiif kan ifatti irratti mari'atan 1966 oggaa tahu, miseensi kongireesii Rippablikaan fi boodarras pireezidantii kan tahan Gerald Ford, waan kanarratti yaa'ii qopheessan.

Dhimmi kunis kan eegale taatee UFO'n bulchiinsa Michigan keessatti poolisota dabalatee namoota 40 oliin mul'ateera erga jedhame booda ture.