Gabaasa UFO: Qorannoon waa'ee qaamolee hin beekamnee 'UFO' deebii gahaa osoo hin argatiin hafe

Peentaagan

Madda suuraa, Getty Images

Mootummaan Ameerikaa waa'ee qaamoolee maalummaansaanii hin beekamne ,UFO, kan paayletoonni xiyyaara waraanaa ijaan argan jedhameefi qaamoleen hawaasaa gara garaa gaaffachaa turaniif ibsi kennuu danda'u akka hin jirree beeksiise.

Gabaasni Jimaata Pentaagoniin bahee tokko akka jedheetti, bara 2004 kaasee taateewwan 144 waa'ee UFO kanneen gabaafaman keessaa tokkoon alatti ibsa irratti kennuu hin dandeenye.

Haata'u malee, gabaasichi qaamooleen hin beekamne kunneen addunyaa biraarraa kan dhufan ta'uu malu yaada jedhu hin kuffiisne.

Kongiresiin Ameerikaa dhimma qaamoolee balaliitu hin beemane kanaa ilaalchisee gabaasni akka dhiyaatuuf kan gaafatee haala hin baramneen qaamooleen kunneen samiiratti mul'achusaanii ilaalchisuun waraanni biyyattii gabaasa taasisuu hordofee ture.

Pentaagon bara darbee Hagayya keessa koree gabaasaalee qaamoolee hin beekamnee kanarratti dhiyaatan qoratu tokko hundeessee ture.

Kaayyoon garee kanaa inni guddaan, ''eenyummaan qaamoolee kanneenii akka adda baafamu, akka gadi fageenyaan ibsuun dhiyaatu'' kan jedhuufi ''qaamoolee hin beekamne kunneen eessaa akka dhufan'' ilaalchisee ragaa dabalataa akka walitti qabuuf ture.

Mallattoo qaama hin beekamne

Madda suuraa, Getty Images

Gabaasichi maala jedhe?

Gaabaasni Jimaata ifa ta'e kun, ''taateewwan qaamoolee hin beekamne'' jedhaman kanneen ilaalchiisuun mala idilee beeksiistuu humna galaanaatiin qophaa'een waggoota lamaan darban keessatti dhufan 144 kan bu'uurreeffate ture.

Isaan keessaa taateewwan 143 irratti ''ragaalee galmaa'an irratti ibsa addaa kennuuf ragaa gahaan ta'e hin dhiyaanne'' jedheera.

Haata'u malee, qaamooleen balali'an hin beekamne (UFO) kunneen kan pilaaneetii biraarraa dhufan mitis hin jenne.

Qaamooleen kanneen ilaalchisuun, ''ibsa ifaa wal fakkaatu hin qabu'' jedhe gabaasichi.

Kaan qaamoleen eenyummaan isaanii hin beekamne kunneen, kan biyyoota akka Raashiyaafi Chaayinaatii ka'an ta'u danda'u yoo jedhan, kan hafan ammoo taateewwan uumamaa kan raadarootaan galmaa'an ta'uu akka danda'an tilmaamu.

Kaan ammoo tarii ''sagantaalee icciitii dhaabbilee Ameerikaatiin ijaaramaa jiran ta'uu hin ollee,'' jedhu.

Taateen gabaafame tokkoo ammoo, kan gareen qorannoo kun adda baasuu danda'ee yoo ta'u, kunis '' bokoksee (balloon) afuufame guddaa'' jechuun ibseera.

Gabaasichi itti dabaluunis, ''qaamooleen hin beekamneefi samiirra balali'an kunneen dhugumatti kan yaaddoo nageenyaa uumaniifi tarii kan tika biyyaaleessaa Ameerikaaf qormaata ta'uu danda'an'' jedheera.

Ragaa maaltu jira?

Qajeelchi Raayyaa Ittisa US viidiyoowwan Ebla bara 2020 UFO kanneen irratti waraabaman jedhe gadiiseera. Viidiyoowwan kunneenis humna galaanaa biyyattiin waraabame jedheera.

Sagantaa odeessaa CBS daqiiqaa 60 dheeratu baatii darbe dhiyaatee tureen, paayletoonni xiyyaara humna galaanaa duraanii lama Galaana Paasifiik keessatti qaamoolee hin beekamne kanneen arguu dubbatanii ture.

Paayiletiin tokkoos qaamoolee kanneen, ''wantoota adii hanga Tic-Tac'' gahan jechuun karameellaa adii xiqqootti fakkeessuun ibsite jirti.

Ibsa waa'ee viidiyoo, Peentaagon hubannoo dogongoraa qulleessuuf jecha viidoyoo sadii gadiisu hime

"Baayyee saffiisaan waan balali'aniif kallattii garamiitti akka fiiganiifi garamiitti akka garagalan adda baasuun baayyee rakkisaadha,'' jechuun ture paayiletiin humna galaanaa US duraanii Aleeksi Ditrich waan argeera jette BBC Newstti kan himte.