Teeknoloojii: Teeknoloojiin akkamiin nageenya dubartootaa eeguuf oolaa jira?

Appilikeeshinii WalkSafe

UK keessatti dubartoota halkan kophaa deeman keessaa walakkaa ol sodaa fi rifaatuudhaan socho'u jedha ragaan Istaatistiksii Biyyaalessaa biyyattii.

Wayita haalli nageenyasaaniif yaaddessaa ta'e mudatu hiriyootasaaniitti bilbilatu, WhatsApp irratti kallattii argamasaanii qoodu, yookiin ammoo furtuufaa harkatti baatanii deemu - kun hunduu karaa ittiin nageenyummaasaanii mirkaneessuuf mala dhahaniidha.

Bara kana irra jireessaan rakkoon dubartoota quunnamaa ture miidhaa saalaan walqabatuudha. Kanaaf jecha dubartoonni karaa ittiin nageenyasaanii mirkaneeffatan falatu.

Garuu dhuguma teeknooloojiin akka dubartoonni sodaa fi rifaatuu malee halkan kophaasaanii socho'an gargaaraa?

Dubartii poolii ibsaa jala dhaabbattu

Madda suuraa, Getty Images

'WalkSafe'

Erga dubartoonni lama-Saaraa Everaard fi Sabinaa Nesaa daandiirratti ajjeefamanii as, appiin WalkSafe jedhamu akkaan hojiirra ooluu fi beekamuu eegale.

Yeroo ammaa appii nageenyummaa ofii eeggachuuf itti fayyyadaman isa beekamaa fi akkaan guddataa jiru ta'eera.

Odeessalee kaan:

Teeknooloojii kana kan argatte Emma Kaye, yakki cunqursaa, tuttuqqaa saalaa fi qoccollaa saalaa erga ishee mudatee booda yaadi kun akka dhufeef himti.

"Appiin keenya baayyee faayidaa-qabeessa. Akka feenetti sodaa malee osoo sochoonee ni jaallanna. Osoo haalli appii akkasii nu barbaachisu hin uumamu ta'ee hawwii keenya. Garuu amma haala nu barbaachisu keessa jirra. Nama gaddisiisa,'' jette.

Appiin WalkSafe waggaa dhufu jalqabarratti amalaa fi haala saatalaayitiin hordofamuu danda'u-sat nav-qabaachuu danda'a.

Wayita akkas ta'u maatii fi hiriyoonni imala kee hordofanii battala rakkoon mudatetti siif qaqqabuu danda'u.

Ammaaf garuu bakka yakki itti hammaatu kaartaa irraa ilaalanii irraa maquuf kan gargaaru qofa of-keessaa qaba.

Aadde Keey akkas jette: "Appiin keenya namoonni dursanii of-eeggannoo cimsuun akka yakka jalaa miliqaniif gargaara. Rakkoon erga mudatee booda wal'aansoo fi dubbii keessa galuurra dursanii akka qophaa'an jajjabeessa.''

"Qorattootaa fi qondaaltota poolisii duraanii waliin hojjenna. Isaan ragaa jiru hunda kennu. Bakka fayyadamtoonni baruu barbaadan hunda qoqqoodanii odeeffannoo nageenyaa kennu.

''Fayyadamtoonnis ragaa jiru erga ilaalanii adda baafatanii booda daandii yakki irratti heddummaatu irraa maquun daandii nageenyummaansaa mirkanaa'erra deemuuf filatu.''

Appiin kun erga bara kana Bitootessa keessa hojiirra oolee as namoonni 560,000 caalan buusanii itti fayyadamaa jiru.

'Smartwatch-Epowar'

Smartwatch

Qorattoonni yuunivarsitii Bath meeshaalee teeknooloojii sochii dhala namaa hordofuun deebii kennan argachuuf akkaan ifaajaa jiru.

Yeroo ammaa sa'atii ammayyaa wayita miirri dubartootaa geeddaramuu fi rakkoon isaan mudatu hordofee gabaasa dhiyeessu-Epowar- jedhamu oomishaniiru.

Sa'atiin ammayyaa kun sochii qaamaa fi dhahannaa onnee namaa hordofuun yoo rakkoon jiraate gabaasa dhiyeessa.

Namoota teeknooloojii kana argatan keessaa kan taate barattuu E-J Roodt, yaadi kun wayita rifaatuudhaan fiigaa turte akka dhufeef himti.

"Sa'atiin ammayyaa -Smartwatches-dhahannaa onnee safaruuf akka tajaajilu wayitan baru, teeknooloojiin akkanaa nageenyumaa dubartootaa eeguuf bu'aa qaba yaada jedhutu naaf dhufe,'' jette.

Qaamni teeknoloojii kanaa akkaan xiqqoo taatus, hubannoo nam-tolchee waan of-keessaa qabuuf miira namaa ni hubata, wayita godhatanii daandiirra deeman haala namni kessa jiruu fi haala nageenya naannoo to'achuun deebii kenna.

Aadde Roodt akkas jette: "Sa'atii ammayyaa-smartwatch-teeknooloojii kanaan yoo dabaalame dubartoonni wayita rakkoo nageenyaaf saaxilaman nama biraaf dafee gabaasuu danda'a.''

"As keessatti dhimmi ijoon, teeknooloojiin kun yogguma sana deebii kennuusaati. Kanneen miidhaa geessisuu hedan osoo isaan yeroo hin argatin teeknoloojichi dursee odeeffannoo qaama biraaf kenna.

''Odeeffannoo akkanaa bilbilaan yookiin meeshaa teeknoloojii quunnamtii biroodhaan kennuun rakkisaadha.''

'bSafe'

Dubartii halkaniin fiigaa jirtu

Madda suuraa, Getty Images

Teeknooloojiin nageenyummaa dubartoota kophaa deemaniif jedhamee kalaqame kan biraan kan bilbiloota ammayyaarratti godhamu-bSafe-kan jedhamudha.

Namni appii kana argate Rich Larsen, hojiin teeknoloojii kanaa mana murtiitti akka ragaatti dhimma itti ba'ama jedhe.

Teeknoloojiin kun miira sagaleedhaan hojjechuu waan qabuuf wayita jeequmsi yookiin sagaleen addaa uumamu ofiisaatiin waraabbii eegala.

Taatee battala sana mudate hunda sagalees ta'e viidiyoodhaan erga waraabee booda nama hiriyaa kee ta'eef erga.

Aab Laarsan akkas jedhe: "Waraabbiin kun mana murtiitti akka ragaatti dhiyaachuu danda'a. Fakkeenyaaf yakkoota akka gudeeddii adda baasuuf rakkisaa ta'ufaa waraabee waan galmeessuuf mana murtiitti akka ragaatti dhimma itti ba'u.''

Aab Laarsan appii kana kan hojjete waan daa'imasaa shamarree Chaarlan, kan humnaan gudeedamte mudate irraa ka'eeti.

Dubartii halkaniin kophaa deemtu

Madda suuraa, Getty Images

Osoo dhugaa qabduu, osoo miidhamtee jirtuu haqashee dubbachuuf kan afaan luugamame shamarreen kun, osoo appiin bSafe harka jiraatee yoona silaa qaanii fi rifaatuudhaan haqashee dabarsitee hin kennitu ture.

Ragaan-Crown Prosecution Service- kan bara 2020 akka mul'isutti yakkoota gudeeddii 58,845 galmaa'an keessaa 2,102 qofatu murtii argatan.

Aab Laarsan qaamolee mootummaa fi kaan irraa gargaarsa argachaa jiraachuu fi kubbaaniyyaawwan appilikeeshinii kan biroos waliin hojjechuuf fedha akka qaban hime.

Adoolessa darbe waajjirri-Home Office- jedhamu nageenyummaa dubartootaa fooyyessuuf jecha Paawundii miiliyoona shan ramaduu ibsee ture.

Hedduunsaa teeknoloojiiwwan nageenya dubartootaa fooyyessuurratti hojjetaniif oole.