Mallattoowan torba akka bilbilli keessan butaman mul'isan

Madda suuraa, Getty Images
Bilbilli harkaa keessan waa'ee keessan ragaa hedduu qabachuu mala. Meeshaa baayyee kan dhunfaa ta'e kun ergaawwan namoonni kaan akka argan hin barbaannee hedduu, tessoowwaniifi password ykn icciitii bilbilootaafi kaan qabaachuu mala.
Kanaaf, bilbilli keessan ugguramuu (hacked ) ta'uu yoo bartan ta'e battalumatti tarkaanfii fudhachuun barbaachisadha.
Haata'u malee, baayyeen keenya bilbilli keenya ugguramuu ykn butamuu isaayyu baruu dhiisuu dandeenya ta'a.
Oduu gaariin ammoo jira. Innis kana beekuuf beekumsa teknolojii qabaachuun barbaachisaa hin ta'u.
Mallattoowwan asiin gadii bilbila keessanirratti agartan yoo ta'e, carraan butamuun isaa olaanaa ta'uu dadna'a.
1. Saffiisi bilbila keessanii yoo hir'ate
Bilbilli harkaa keessan kan yeroo biraatiin addatti ajajawwan raawwachuuf kan yeroo dheeraa fudhatu yoo ta'e, software alagaan rakkisaa jira jechuudha.
Vaayirasoonni 'Malware' jedhamanis jiruunsaanii olaanaan sochii bilbila keessanii waliigalaa dadhabsiisuu yoo ta'u, atattamaan balleessuun barbaachisaadha.
Garuu ammoo applikeeshinoota hedduu bilbila keessan irraa kan qabdan yoo ta'es, bilbilli akka harkiifatuuf sababa ta'uu mala.
2. Bilbilli keessan garmalee kan ho'u yoo ta'e
Bilbilli keessaan kan barame caalaa kan ho'u yoo ta'e, rakkoon jira jechuudha. Atattamaan tarkaanfii fudhadhaa ykn oggeessatti agarsiisaa.
Kunis mudachuu kan danda'eef tarii vaayirasoonni hin barbaachifne galuudhaan waan isiin hin ajajjnee raawwataa jiru jechuudha.
3. Baatiriin bilbila keessanii attattamaan kan dhumu yoo ta'ee
Bilbilli keessan ho'a olaanaa qaba jechuun baatiriin bilbilichaa dafee dafee dhuma jechuudha.
Tarii bilbilli keessan appii fi software haaromsuuf wayita yaaluutti baatiirii fixuu danda'a. Garuu sababiin isaa kana yoo hintaane bilbilli keessan butamee ta'uu shakkuu qabdu.

Madda suuraa, Getty Images
4. Gara nama hin beekneetti yoo ergaa ergitan ykn ergaa fudhattan
Yeroo baay'ee ergaa kan ergitan karaa Whatts app fi wantoota biroo yoo tahu kan ergamu ammoo gara hiriyyaa,firaa fi nama hin beekneetti tahuu danda'a.
Gara keessanitti ergaawwan ergaman ammoo yeroo baay'ee agarsiiftuu kana irratti cuqaasii bani kan jedhutu itti baay'eta tahuu danda'a.
Tarkaanfiin keessan kan tahuu qabu osoo ergaa sana hin baniin guutummaatti ergicha balleessuudha.
5. Karaa toora interneetii ergaawwan tasa dhufan
Yeroo Interneetii fayyadamtan gidduutti gara fuula marsariitii website] biraatti seenuun akka bantan ergaan yo irra dedeebiin dhufe sararri bilbilaa keessan ugguramuuf akka tahe beekamaadha.
Akkuma bantaniin gara marsariitii lama fi sadiitti kan isin qajeelchu yoo tahe ariitiidhaan cuftanii keessaa bahuu qabdu.
6. Appilikeeshinoota maallaqaa fi shakkaman yoo dhiyaatan
Ergaa fi appilikeeshinoota ofii keessan hin bitne ykn karaa interneetii hin buufanne moobayila keessan irratti arguu dandeessu.
Tarii daataa moobaayilaa ykn ergaa gabaabaa irratti daballii gatii kan agarsiisu tahuu danda'a.
Kaardiiwwan liqii ykn moobaayilaan maallaqa kan daddabarsitan yoo tahe carraan sararri keessan ugguramuuf qabu guddaa waan taheef eeggannoo guddaa gochuutu isin irra jira.
Kanaafuu lakkoofsa icciitii fi odeeffannoowwan dhuunfaa keessan moobaayila keessan irra osoo hin keessan tahe filatamaadha.
7. Sagaleewwan hin baratamne
Yeroo namaaf bilbiltan gidduutti sagalee kanaan dura hin turre ykn hin baratamne kan dhageessan yoo tahe bilbilli keessan to'annoo burjaajesitootaa jala tahuu agarsiisa.
Inumaayyuu sagaleen keessan waraabamuu danda'a.
Furmaata
- Bilbila keessan waan ittiin qulqulleesitan bakka amanamuu bitachuu
- Appilikeeshinootas tahe ergaawwan ofii hin beekne mobayila keessan irraa balleessuu
- Tajaajila interneetii bilisaa namootni hedduun fayadaman fayyadamuu dhiisuu
- Moobayila keessan icciitii ykn password namni biraa banuu hin dandeenyeen cufuu.
- Applikeeshinoota maddota hin beekamne irraa buusuu dhisuu
- Applikeeshinoota bilbila keessan irra jiran yeroo yeroodhaan haaressuu
- Kaffaltiibilbilaa fi daataa taasiftan haalaan to'achuu fi hordofuu












