Teknoolojii: Appilikeeshinoota kanneen sadii mobaayilii irratti hin fe'inaa

Madda suuraa, Getty Images
Bara kana waan hunda raawwachuuf appilikeeshiniin jira. Afaan barachuuf, kaartaarraa iddoo garagaraa baruuf, mana taa'anii nyaata ajejachuuf fi kanneen birootiif appilikeeshinootni tajaajila kennaa jiru. Ta'ullee Applikeeshinootni hundi garuu faayidaa qabeessa miti.
Applikeeshinootni hamoo tahan namoota dhuunfaa fi dhaabbilee yaaddoo keessa galchu. Bakka qabachuun qofa osoo hin taane madda vaayirasiiti, beeksisoota namni hin feenes namatti ergu.
Dhaabbanni Google bara kana keessa qofa applikeeshinoota Android'f hamoo tahan kuma 700 haqee jira. kunimmoo kan bara 2016 ture irraa harka 70 caalmaa qaba.
Applikeshinootni hamoo tahan kuni, sababoota maamiltoonni irra deddeebiin ittiin rakkataniif akka furmaata fidaniitti of ibsu.
Gosti Applikeeshinoota sadan moobaayila keenya irratti fe'uu hin qabne kunooti.
1. Kanneen "chaarjii Moobaayilii tursiisna" jedhan
Yeroo tokko tokko moobaayilli keenya yeroo baayyee murteessaa ta'etti chaarjii fixuun dhimmi kuni yaaddoo nutti tahee applikeeshinoota chaarjii baatirii moobaayilaa ni tursiisna jedhan akka buusnee irratti feenuf nu dirqamsiisu.

Madda suuraa, Getty Images
'Applikeeshinootni chaarjii moobaayilii ni tursiifna jedhan hundi ni sobu. Waadaa raajii galuurraa kan hafe guyyaa tokkollee rakkoo kana furanii akka hin beekne Gaazexeessaan Teeknolojii Ferrari-Herrmann ni hima.
Yoo charajii moobaayilii keessanii tursifachuu barbaaddan akkaataa itti fayyadama keessanii sirreefachuutu fala taha. Applikeeshinoota chaarjii fixuu dandahanii fi itti hin fayadamne cufuunis fala biraati.
2. Kanneen "moobaayila qulqulleesina" jedhan
Applikeeshinootni biroo moobaayila keenya irratti fe'uu hin qabne kanneen' keessoo moobaayilaa qulqulleesuun si'oomina moobaayilaa ni daballa' jedhanidha. Isaan keessaa applikeeshiniin 'Clean Master' jedhamu isa ijoodha.
Akka ogeessi teeknolojii Ispeen José Garcia-Nieto, jedhutti, applikeeshiinin 'Clean master' kuni moobaayilaratti yoo fe'ame applikeeshinootni biroo kan kaampaanii 'cheetah mobile'irraa omishaman akka gara moobaayila keessanitti yaa'an godha jedha.
Kanaan alatti applikeeshinootni akkanaa waan tokkoyyuu faayidaa akka hin qabne hima.
3. Kanneen "mobaayila ni si'eessina" jedhan
Mobayailli keenya yeroo fayadamnu humnaa ol ho'uunis rakkoo fayaamtooni kaasani.sababa aduu keessa yeroo dheeraa turuu, vaayirasiidhaan yookin mobayila keenya boqonnaa malee sa'aatii dheeraaf fayyadamuurraa madda.
Sababnisaa kamis tahu falli applikeeshinoota hoo'ina moobaayilaa hirisna jedhan fe'uu dhiisuudha.

Madda suuraa, Getty Images
Applikeeshinoota kanneen mobaayilaratti fe'uun rakkoo dabalataa fiduurra kan hafe furmaata fidu tokkollee hin qabu.
Hoo'inni mobaayila keenyaa dabalee si'eessuu yoo feene, cufnee daqiiqaa muraasa tursiisuun furmaata sirriidha.
Itti fayyadama Moobaayilaa irratti dhimmootni armaan gadii ni gorfamu:
- Applikeeshinoota 'Apple yookin Google office store' irraa buufachuu
- Faayiloota .apk ittisuu
- Applikeeshinoota furmaata ajaa'ibaa finna jedhanii waadaa galan buusuu dhiisuu
- Yeroo yeroodhaan bilbila keenya keessoosaa haaromsuu (update)
- Farra vaayirasii amanuu dhiisuu.













